bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 21
Ezekiel 21
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 22 →
1
Rabbi akkana naan jedhe,
2
«Ati ilma namaa! fuula kee gara Yerusaalemii deebisii hulee isi'ii ka woyyoomee fi biyya Israa'eliititti raaga dubbadhu.
3
Ati akkana jedhiin! Ani sitti ka'eera; guraadee qola keessaa luqqifadhee cubbamtootaa fi qulqullootallee isin keessaa balleessa.
4
Si keessaa worra cubbamtootaatii fi qajeellota fixu'uuf worra kibbaa haga kaabaa jiran maraa irratti guraadee kiyya luqqifadha.
5
Ani Rabbi akka guraadee kiyya luqqifadhee fi akka deebi'ee qolatti hin deebifanne namni maruu hin beeka.
6
Kanaafuu ati isaan afo'otti onnee cabee fi gadda gudda'aan worwaadhu! ati ilma namaa! worwaadhu!
7
Maaf worwaatta? jedhanii yoo si gaafatan, waan oduu dhufuutiif isaaniin jetta; oduu saniin onneen maruu hin baqa; harki maruu hin hadooda; namni maruu nunna ta'a; jilbi maruu hin laamshaya; kunoo oduun sun dhufa'aara; dhugamaan hin raawwata; jedha Rabbiin maraa olii.
8
Rabbi akkana naan jedhe,
9
«Ati ilma namaa! raaga dubbadhu; waan ani Rabbi jedhu banii kanatti himi; guraadee qaramee qulqullaaye!
10
Ka woyiin ajjeesu'uuf qarame akka bakakka'aatitti haa falaqqisuuf qulqullaaye; baniin kiyya adabbi'ii fi seera ani isaanii kennetti waan lash jedhaniif ammaa achi gammachuu hin qaban.
11
Guraadeen qulqullaayee akka harkatti qabataniif qulqullaayeera; nama waa ajjeesutti qaramee qulqullaayee kennamu qophaayeera.
12
Ati ilma namaa! gadda'aa iyyi; wonti guraadeen kun qophaayeef banii kiyyaa fi bulchoota Israa'elii fixu'uuf isaanillee banii kiyya ka hafe woliin dhuman kanaafuu gadda'aa qoma kee uf tumi.
13
Ani banii kiyya qora; yoo aagii galuu didan wonti kun maruu isaan irra gaya; Ani Rabbi Gooftaan waan kana dubbadheera.
14
Ati amma ilma namaa! raaga dubbadhu; lola'aa harka kee woliin dhayi; guraadeen guraadee mirmirfama'aa nama ajjeesu; ka nama shibbireessuu fi goorra'u.
15
Baniin kiyya sodaatanii sakaallamanii kufan; ani guraadee akka bakakka'aa falaqqisu ka ajjeecha'aaf qophaaye balbala isaanii afoo kaayeera.
16
Ati guraadeen qaramte! gara qarri kee itti qajeele bita'aa fi mirgaanuu mummuri!
17
Anillee lolaan harka kiyya woliin dhaya; aariin kiyya guddaanillee naa caba ani Rabbi waan kana dubbadheera.»
18
Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
19
«Ati ilma namaa! karaa lamaan mootiin Baabiloonii guraadee qabatee dhufuun kaati karaa lamaaniituu biyya tokko; hulee karaan lamaan itti wol qaxxaammurutti malkata gara qachatti'ii mudhisu itti dhaabi.
20
Worra loltootaatiif Raabaa qachattii worra Amoorotaa gubba'aa fi akkasuma karaa Yerusaalemii qachaa Yihuuda'aa ta ijaaramte fidu irratti malkata godhi.
21
Mootiin Baabiloonii qaxxaammura karaa lamaanii ladda dhaabata; karaa kamiin deemuu akka isa barbaachisu beeku'uuf eboowwan ufii darba; waaqolee tolfamaa ufiillee mala gaafata; moora horii ciinca'aaf qalamee fuudhee laala.
22
Harki isaa ka mirgaa barreeffama ‹Yerusaalem!› jedhu fuudhee qabata; inni nama dhaqee waan kushe'een diigan akka qopheessu dhaaduu lolaaf nama qopheessu waan kushe'een diigan akka gara balbalaa dhiyeessu akka biyyee tuulee ijaaruu fi akka kushee marsaniin ijaaru hima.
23
Namni maruu worra Baabilooniitii amanamaa ta'u'uuf waan waadaa galeef eennullee wonti kun hin raawwatama jedhee ka amanu hin turre; mootiin Baabiloonii hennaa isaan booji'u garuu cubbuu isaanii isaan qaabsisa.
24
Eeganaa wonti ani Rabbiin maraa olii jedhu kana; cubbuun keessan ifa bayeera; akka isin yakkamtoota taatan namni maruu hin beeka; isin waan gootan maraanuu akka cubbamtoota taatan mudhiftan; kanaafuu booji'amtanii deemtan.
25
Ati bulchaan Israa'elii hamaanii fi badaan! guyyaan dhumaa ka ati itti adabamtu kunoo dhiyaateera.
26
Ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheeraa; gulloo ulfinnaa kee mataa irraa baafadhu! marata keellee mata'aa baafadhu; wonti maruu akka jirutti hin hafu; worra baallii qabu ka gad aanu ol guddisii worra amma bulcha'aaran gad deebisi!
27
Balleessa'a! balleessa'a! ee ani dhugamaan akka qachattiin baddu godha; garuu haga ani qachattiin akka adabuuf filadhe dhufutti kun hin ta'u; hennaa san qachattii tana dabarsee isatti kenna.
28
Ati ilma namaa! raaga dubbadhu; waan worra Amooniitii fi waan arraba isaanii dubbiin ani Rabbiin maraa olii jedhu akkana jedhii isaanitti beessisi; guraadeen waa balleessu qophaayeera; akka bakakkaa falaqqisuu ajjeecha'aa fi balleessu'uuf qulqullaayeera!
29
Mudhanni isin argitan soba; raanni isin raaddanillee kijiba; isin worra hama'aa fi battaaya'a; guyyaan dhumaa ka isin itti adabamtan dhiyaateera; morma keessanitti guraadeen agaamameera.
30
Guraadee qolatti deebisaa'a! biyyuma itti dhalattanii guddattanitti isinitti murteessa.
31
Hunni dheekkamsa kiyyaa akka ibidda bobayeetitti isin irratti bu'a; namoota garaa jabaatanii waa balleessuu beekanitti dabarsee isin kenna.
32
Isin ibiddaan baddan; dhiinni keessan biyyuma keessanitti jiga; ka deebi'ee isin qaabatu hin jiru; » Rabbi waan kana dubbateera.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48