bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 22
Ezekiel 22
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 23 →
1
Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
2
«Ati ilma namaa! ati qachaa namoonni nama ajjeesan keessa guutanitti murteessu'uuf qophooftee? eeganaa waan isiin raawwatte ka nama jibbisiisu maraa ifa baasii itti mudhisi.
3
Ani Rabbiin maraa olii wonti qachattii tanaan jedhu worra si keessa jiraatan maraa waan ajjeeftee fi waaqolee tolfamaa waaqeffata'aa waan uf batteessiteef hennaan ati akka badduuf murtaaye dhiyaateera.
4
Waan nama ajjeefteef yakkamtuu taateerta; waaqolee tolfamaa ufii hojjatteen battoofteerta; kanaafuu hennaan ati itti baddu dhiyaateera! ka waan kana ariifachiisellee sima; akka baniin sitti baldu, akka biyyi maruu si tuffatanii akka sitti baldan wonti godheefillee sababaa kanaaf.
5
Ati qachaan raafamtuun maqaan si bade biyyi fago'oo fi dhiyoo jiru maruu si tuffatanii sitti baldan,
6
Bulchoonni Israa'elii ka si keessa jiraatan maruu akkuma baallii ufiitiin yakka ajjeecha'aa raawwatan.
7
Si keessatti haawwonninii fi abboonnillee hin tuffataman; baniin biyya biraa hin sobaman; dubartoonni abbaan manaa jalaa du'anii fi ijoolleen abba'aa fi haadha hin qabne hin miidhaman.
8
Waan naaf woyyoome maraafuu kabajjaa hin qaban; sambata kiyyallee hin batteessitan.
9
Isin keessaa namoonni gari gariin namoota biraa ajjeessisu'uuf soba dubbatan; gariin ammo waan waaqolee tolfama'aatiif ciincaye nyaatan; gari gariin dharraa foon ufiitiin nadha bayu'uuf ariifatan.
10
Gari gariin masaanuu haadha ufii bira gayee siree abbaa ufii batteessa; gari gariin dubartii garaa argiteetti giddi'iin dhaqan.
11
Gari gariin haawwota manaa ollaa ufii woliin seebaran; gari gariin haadha manaa ilma ufii bira gayan; akkasuma gari gariin obboleeyyan ufii batteessan.
12
Banii kee keessaa namoonni gari gariin qarshii nama irraa fudhata'aa nama ajjeesan; gari gariin worra ufii worra Israa'eliititti dhalaan liqeessan; isaan saama'aa seera malee durooman; sirima na dhiisaniiran» ka waan kana dubbate Rabbii maraa oliiti.
13
Ani saamichaa fi nama ajjeesuu keessan harka isinitti kaasee morma.
14
Ani hennaa isin adabu uggitanii na jala dhaabattanii? yookaan uf irraa na dhooggu'uuf waan hunna argattan seetanii? Ani Rabbi waan kana dubbadheera; waan dubbadhe hin raawwadha.
15
Banii kee biyyaa fi banii gara garaa keessa bittinneessa; hujiin hamaan keellee akka dhaabatu godha.
16
Ormi biraa si salphisan; kanaaf ati akka ani Rabbiin ta'e beetta.»
17
Rabbi akkana naan jedhe,
18
«Ati ilma namaa! worri Israa'elii womaa na hin fayyadan; isaan anaaf akka bututaa birrii sibiilaa sibiila diima'aa qorqoorro'oo, akka sibiilaatii fi akka cilee dhaga'aati.
19
Kanaafuu isaan akka albuuda laga jalaa waan ta'aniif isaan maraa wolitti qabee gara Yerusaalemii fida.
20
Akkuma meetiin, sibiilli diimaan, sibiilli, cileen dhaga'aatii fi qorqoorroo wolitti qabanii waan isaan itti bassan keessa kaayanii akka baqaniif ibidda bobeessan anillee aarii kiyya gudda'aan wolitti isin qabee akka baxxan isin godha.
21
Ee ani Yerusaalemitti wolitti isaan qabee ibidda bobeessee lola kiyyaan isaan bassa.
22
Akkuma meetiin eelee irratti ibiddaan baquutitti isaanillee isii keessatti baqan; hennaa san isaan akka ani Rabbi lola kiyya guddaa isaan irratti buuse beekan» naan jedhe.
23
Rabbi ammallee akkana naan jedhe,
24
«Ati ilma namaa! ati lafti isaanii waan battoofteef lola kiyyaan akka roobni hin roobne godhee waan isaan adabu'uuf qophaayeef worra Israa'eliititti himi.
25
Bulchoonni isaanii akka leencan busaayaa ufii ajjeesan irra aada'aa naannayaniiti; isaan banii gar jabeennaan ajjeesan; qarshi'ii fi waan argan maraa hin fudhatan; isaan ajjeecha'aan dubartii hedduu abbaa worraa dhabsiisaniiran.
26
Gadoonni seera kiyya cabsan; waan woyyu'uufillee kabajjaa hin qaban; waan woyyuu waan battii irraa hin fooyan; waan qulqullu'uuf waan qulqulluu hin taane jidduu jiru hin barsiisan; sambatallee hin tuffatan; sababaa kanaaf baniin Israa'elii na hin kabajjan.
27
Worri isaanii ka baallii qaban akka yeyyii busaayaa ajjeesan cicciraniiti; seera malee duroomu'uuf nama ajjeesan.
28
Raattonni akka nama dhaaba manaa nooraa dibuutitti cubbuu kana maraa dhossan; sobaan mudhata argine jedhan; raaga kijibaa raagan, kun dubbii Rabbii maraa oliiti jedhan; garuu ani womaa isaanitti hin himne.
29
Namoonni biyyattii sanii saama'aa nama harkaa waa fudhatan; isaan hiyyeeyyii, worra rakkatanii fi worra isaanitti gale murtii isaan jalaa dabsa'aa isaan miidhan.
30
Ani uduu aarii kiyyaan biyyattii hin balleessineen dura nama dallaya qachatti'ii ka diiggame ijaaru ka anaa fi banii jidduu seenee aarii kiyya naa qabbaneessu barbaade; garuu eennuunillee hin argine.
31
Kanaafuu ani lola kiyya guddaa isaan irratti buusa; lola kiyya jaba'aanillee isaan balleessa; yakka isaanii isaanumatti deebisa» ka waan kana dubbate Rabbii maraa oliiti.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48