bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 8
Ezekiel 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 9 →
1
Nu'u baqannee woggaa jaheesso'oo ji'a jaheesso'oo guyyaa shaneesso'ootitti bulchoonni banii Yihuudaa keessaa baqatanii uduu na woliin mana kiyya jiran dimmaa hunni Rabbii maraa olii na irra bu'e.
2
Yoo ol jedhee laalu waan nama fakkaatu ka akka arraba ibiddaa ifu arge; wonti akka namaa ka ani arge sun mudhi'ii gad ibidda fakkaata; mudhi'ii ol sibiila ibidda keessa kaayanii diimatee ifu fakkaata.
3
Inni waan akka harka namaa fakkaatuun natti hiixatee rifeensa mata'aa na qabe; mudhatuma kana keessa Hafuurri Rabbii ol na fuudhee gara Yerusaalemii na fide; balbala dallaya qachatti'iitiin gara kaabaatiin gara bayimaa itti gad bayanii dabarsee gara hulee waaqoleen tolfamaan hinaaffaa Rabbii kakkaasu jiranii na geesse.
4
Hulee san ulfinna Waaqa Israa'eliititu jira; mudhanni kun mudhata akka laga Keebaarii biratti argeeti.
5
Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! gara kaabaa laali!» ani hennaa laalu hulee ciinca'aa ka balbala dallayaa afoo jiru biratti fakii hinaaffaa Rabbii kakkaasu arge.
6
Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! waan ta'e kana maraa arga'aartaa? waan nama jibbisiisu ka baniin Israa'elii hulee kanatti hojjata'aaran laali; isaan hujii akkanaa kanaan akka ani hulee woyyuu kiyya irraa fagaadhu na godhaniiran; waan nama saalfachiisu ka kana caalu ammaa argita.»
7
Inni gara raasa'aatiin gara balbala seenaniinii na fide; ijaarsa dallayaa irra qaalawa tokkotu jira;
8
«Ilma namaa! kolba kanaan dallaya kana qaalawa baasi» naan jedhe; hennaa qaalawa baase balbala tokko arge.
9
Inni, «Keessa seenii waan hamaa nama jibbisiisu ka isaan hojjata'aaran laali!» naan jedhe.
10
Ani hennaa keessa seenee laalu fakii waaqolee tolfamaa banii Israa'eliitii fi fakii busaayaa qulqulluu hin taanee ka gara'aan naannaya dallayaa irra looyaniititu jira.
11
Bulchoonni Israa'elii torbaatamni Azaanii ilma Shaafaanii woliin achi jiran; isaan maruu girgiraa hixaana itti aarsan harkaa qaban; aarri hixaanaa ka urgaayu girgiraa san keessaa baya.
12
Inni akkana naan jedhe, «Bulchoonni Israa'elii mana waaqolee tolfamaa keessa dukkana keessa taa'anii Rabbi nu hin argu; biyyattiillee dhiiseera jedha'aa waan godhan arga'aartaa?»
13
Inni ammallee waan hamaa nama jibbisiisu ka kana caalu ganaa argitaa» naan jedhe.
14
Kanaafuu inni gara balbala mana woyyu'uu ka cinaa kaabaatiin jiruu na fidee waaqa tolfamaa isaanii ka Tamuuz jedhamuu hennaa dubartoonni isaanii booyaniif natti mudhise.
15
Inni akkana naan jedhe, «Ilma namaa! waan kana argitaa? ammaa waan nama jibbisiisu ka kana caalu argita.»
16
Kanaafuu inni gara raasaa mana woyyuu keessaa na fide; achi balbala mana woyyu'uu hulee ciinca'aatii fi hulee wol bira lufaniin keessa namoota diddamii shaniititu jira; isaan dudda ufii gara mana woyyu'uu deebisanii aduu baatu waaqeffata'aa gara baya biiftu'uu laala'aa sagadan.
17
Ammallee Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! waan kana arga'aartaa? baniin biyya Yihuuda'aa kunniin wonti hamaan isaan hojjata'aaranii fi hammeenni isaan biyyattii keessa babadhisa'aaran isaan hanqatee gara mana woyyu'uu kanallee dhufanii waan kana maraa godha'aa na aarsuu barbaadan; isaan attamitti akka arrabsanii fi waan isaan na aarsu'uuf godhan maraa laali!
18
Kanaafuu ani lola kiyya isaan irratti buusa; ani garaa isaanii laafee isaan hin dhiisu; yoma isaan laagaa ufii ol qabatanii gara kiyya iyyanillee isaanii hin dhagayu.»
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48