bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 13
Ezekiel 13
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 14 →
1
Dubbiin Rabbii ka gara kiyya dhufe akkana jedha,
2
«Ilma namaa! raattota Israa'elii ka matama ufii keessaa fuudhanii raaga dubbatanitti raaga dubbadhu; kana caalaa dubbii Rabbii akka dhagayan isaanitti himi.»
3
Wonti Rabbiin maraa olii jedhu Raattota gowwoota matama ufii keessaa burqisiisanii raaga dubbatanii fi uduu mudhata hin argine worra mudhata argine jedhan isaan hobbaas!
4
Isin banii Israa'elii! raattonni teessan akka jeedallan hulee diiggame keessa jiraataniiti.
5
Isin guyyaa lola Rabbii jala jabaattanii dhaabachuu akka dandeettan gara hulee diiggamee hin baane; yookaan kaloo Israa'elii deebiftanii hin ijaarre.
6
Mudhanni isaanii soba; falfalli isaaniillee kijiba; uduu Rabbi isaan hin ergine ‹Rabbi akkana jedha› jedhan; kunillee ta'ee akka waan dubbiin isaanii raawwatamuutitti laalan.
7
Hennaa waan ani hin dubbanne ‹Rabbi akkana jedha› jedha'aa dubbattan wonti isin argitan mudhata sobaatii fi falfala falfaltanii miti?»
8
Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, «sobni dubbattanii fi mudhanni keessanillee mudhata kijibaa waan ta'eef ani isinitti ka'a; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti.
9
Ani raattota mudhata arganii fi raattota falfalan irratti harka kiyya diriirsa; isaan gumii banii kiyyaa keessatti hin argaman; siri'ii isaan galmee banii Israa'elii keessatti hin galmaayan; isaan lafa Israa'elii keessa sirima hin seenan; hennaa san isin akka ani Rabbii maraa olii ta'e beettan.
10
Raattonni kunniin worra hin amanamne ta'aniiran; uduu nageenni hin jirre ‹nagayatu jira› jedha'aa banii kiyya dogoggorsan; yoo baniin kaloo ijaaru isaan hallu'uu uwwiftan; hojjattoota dhaaba manaa ka jigu'uuf daaqe hallu'uun uwwisanii haarawoomsan;
11
Kanaafuu worra hallu'uun uwwisanitti akka kaloon jigu himi; dirsa'atu bu'a; dhagaa barada'aa guddaa gad dhiisa; haboonbolatti'itu kaasa.
12
Hennaa kaloon diiggame baniin «halluun garam deeme? jedhanii isaan hin gaafatanii?»
13
Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Balaa kiyyaan haboonbolattii gad dhiisa; lola kiyyaan dhagaa barada'aa erga; sirima badii guddaa woliin gad bu'a.
14
Haga bu'uurri manaa buqqa'ee lafaan wol qixxaayutti kaloo isin hallu'uun uwwiftan diigee balleessa; hennaa kaloon jigu isinillee achuma keessa baddan; hennaa san isin akka ani Rabbiin ta'e beettan.
15
«Ani kalo'oo fi worra kaloo hallu'uun uwwisan irratti balaa kiyya guddaa buusa; achiin maayessa kaloonii fi worri kaloo hallu'uun uwwisan hin jiraatan isiniin jedha;
16
Isaan raattota Israa'elii waan Yerusaalemiitiif uduu nageenni hin jirre nagayatu jira jedha'aa mudhata arga'aa raaga dubbatan; waan kana ka dubbate ana Rabbii maraa oliiti.
17
Rabbi akkana jedhe, «Ilma namaa! ammallee dubartoota yaaduma ufii keessaa burqiisisanii banii keessatti raaga dubbatanitti xiinxallii raaga dubbadhu.
18
Rabbiin maraa olii akkana jedha jedhii isaanitti dubbadhu; dubartoota irree ufii irratti qudhaama qudhaamatan, dubartoota jireenna namaa balleessu'uuf guftaa gara garaa dhedheeraa qopheeffatanii hobbaas! isin banii kiyya keessaa namoota qabdanii lubbu'uun jiraattanii?
19
Isin garbuu cum'oo tokkootii fi buddeena kutaa diqqoo argatu'uuf jettanii banii kiyya ka soba dhagayutti soba dubbata'aa, worra du'uun isaan hin barbaachifne ajjeesa'aa, worra jiraachuu hin barbaachifne akka jiraatan godha'aa banii kiyya keessatti akka maqaan kiyya arrabamu gootaniirtan.»
20
Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Qudhaama isin banii ittiin balleessitan hin jibba; qudhaama harka keessan irra jiru kukkutee lubbuu isin akka simbirraniititti qabdan bilisa baasa.
21
Haguugguu keessan biinxee banii kiyya harka keessan keessaa baasa; lammata isaan isin harkatti hin kufan; isinillee akka ani Rabbiin ta'e beettan.
22
Isin worra balchaa ani hin gaddisiifne sobaan waan gaddisiiftaniif; cubbamaan karaa ufii ka cubbu'uu irraa deebi'ee lubbuu ufii akka hin oolfanne cubbuu isaatiin waan isa jajjabeessitaniif;
23
Kanaafuu isin ammaa achi mudhata sobaa hin argitan; hujii falfalaallee hin hojjattan; banii kiyya harka keessan keessaa hambisa; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beettan.»
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48