bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 23
Ezekiel 23
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 24 →
1
Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
2
«Ati ilma namaa! intallan haadhaa lamaan ta haati takka deettutu ture.
3
Isaan hennaa ka'imummaa isaanii biyya Misiriititti durbummaa ufii dhabanii salphatanii seebartoota ta'an.
4
Isaan keessaa ta hangafaa Ohoolaa jedhamti; isiin Samaariya'a, ta maandha'aa ammo Ohoolibaa jedhamti; isiin Yerusaalem; ani isaan lachuu fuudhee ijoollee naa dayan.
5
Ohoolaan haga ani fuudheen maayessallee seebara ufiillee hin dhiifne; jaalalaan worra Asoorii woliin seebaru'uuf guddiftee hawwite.
6
Isaan abboota murti'ii gugurdaa ka uffata hamara uffatan, worra gugurdaa mootii jala hojjatan fa'a; isaan maruu ka'immanii fi worra faradoo babbareedaa qaban.
7
Isiin seebartuu worri baallii qaban ka Asoorii itti fayyadamu; fedha fooniitiin gubachuun isi'ii akka waaqolee tolfamaa worra Asoorii waaqeffatu'uun uf batteessitu isii taasise.
8
Isin biyya Misirii ta durbummaa ufii itti dhabdee seebaruu jalqabde hin dhiifne; hennaa durbummaa isi'ii irraa jalqabee dhiirri maruu isi'i akka nama seebaruutitti laalanii isii woliin seebaran.
9
Kanaafuu worra isiin guddiftee barbaadu worra Asoorii ka jaalalloo isi'iititti dabarsee isii kenne.
10
Isaan uffata isi'ii irraa mulqanii qullaa isii hambisan; ijoollee isi'ii ta dhiiraatii fi ta intalaa jalaa booji'an; isii garuu guraade'een ajjeesan; murtiin isii irratti raawwatame dubartoonni maruu waan isii irra gayeen oduu odeessuu jalqaban.
11
Obboleettiin isi'ii Ohooliibaan itti hammaate malee hin sirroofne siri'ii Ohoolaa caalaa seebartuu taate.
12
Isiinillee gama ufiitiin abboota murti'ii gugurdaa worra Asoorii loltoota uffata babbareedaa uffatan, ka'imman farda yaabbatan jaalattee dharraa fooniitiin maraatte.
13
Ta lammeesso'oo tunillee hin battoofte; isaan lachuu karama tokko deeman.
14
Seebaruun isi'iillee baay'ata'aa deeme; mudhii ufiititti qubee babbareedu hidhatanii, mataa ufiititti faaya bareedu hidhatanii, fakii worra baallii qabanii ka dhaaba manaa irratti kaasan ka uffata babbareeduu argitee hawite.
16
Isiin fakii sanniin argitee dharraa fooniitiin maraattee gara Baabiloonii hulee isaan jiraatanii dhaamsa ergite.
17
Worri Baabiloonniillee isii woliin seebaru'uuf dhufan; isaan hennaa heddu waan isii batteessaniif isaan maraa jibbite.
18
Isiin nafa qullaa raasa'atti baatee akka seebartuu taate; nama marattuu uf mudhifte; ani haguma obboleettii isi'ii jibbe isiillee jibbe.
19
Isiin hennaa durbumma'aa ka hennaa biyya Misirii jirtu seebara'aa turte ammallee isuma hojjata'aa seebaruu baay'eessite.
20
Qaamni isaanii akka qaama harre'ee, sanyiin isaanii akka sanyii fardaa worra dharraa fooniitiin maraatan jaalattee faana deemte.
21
Ohooliibaa'a! ati akkuma hennaa durbumma'aan jirtuu dhiirti harma kee qaqqaba'aa durbummaa si irraa fudhatan san ammallee battummama san deebitee raawwachuu barbaadda.
22
Ohooliibaa'a! ammallee ani Rabbiin maraa olii wonti siin jedhu kana; ati goshoota kee sanniin jibbiteerta; garuu ani akka isaan sitti ka'an godha; akka si marsaniif isaan as fida.
23
Worra Baabilooniitii fi worra Kalaadaawotaallee hin fida; dhiira worra Faaqoodii, Shoo'a'aatii fi Yaqu'aanii, akkasuma worra Asoorii maraa as fida; abboota murti'ii ka'imman babbareeddanii fi ajajoota loltootaa, worri baallii qaban jajjabaan maruu faradoo yaabbatanii dhufan.
24
Kunniin maruu konkolaataa fardaatitti dhalee ufii fe'atanii hunna jaba'aan duultota hedduun marfamanii karaa maraanuu sitti dhufanii balaa sitti buusan; isaan wonte'ee fi meeshaa lolaa ka mata'atti godhataniin uf irraa dhoogga'aa si marsan; ani murtii isaaniititti dabarsee si kenna; isaanillee akka seera ufiititti si adaban.
25
Ani waan sitti aareef isaan siin lolanii akka barbaadan akka si godhan isaanitti dhiisa; isaan funyaanii fi gurra kee hin muran; worri si irraa hafan guraade'een ajjeefaman; ijoollee tee ta dhiiraatii fi ta intalaa booji'anii si harkaa fudhatan; worra si irraa hafe ibiddaan guban.
26
Uffata kee maraa si irraa mulqan; faaya kee maraa hin fudhatan.
27
Hujii kee ka seebaraatii fi waan nama saalfachiisu ka biyya Misiriititti hojjata'aa turte maraa akka dhiiftu godha; deebitee gara waaqolee tolfama'aa hin laaltu; waan biyya Misiriillee hin yaaddu.
28
Wonti Rabbiin maraa olii jedhu banii ati jibbitutti dabarsee si kenna.
29
Sababaa guddisanii si jibbaniif waan ati itti dadhabde maraa si jalaa fudhatan; qullaa si hambisanii akka dubartii seebartuutitti nafa kee raasa'atti si baasan; fedha fooniitiin maraatuun keetiitii fi seebaruun kee akka wonti kun maruu si irra gawu godheera; Ati seebartuu baniin maruu sitti fayyadamu taate; waaqolee tolfamaa isaaniitiin uf batteessite.
31
Ati waan akkaataa jireenna obboleettii teetii hordofteef mijuu adabbi'ii ka isiin dhudde akka atillee dhuddu si godha.»
32
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ati mijuu obboleettii teetii dhudda; inni gudda'aa fi xiilla'a; ati ka namni maruu itti taphatuu fi itti baldu taata; mijuun kunillee guddisee mataa nama qaba.
33
Ati machooftu'uu fi ta guddiftee gadditu taata; Ati mijuu badi'iitii fi diiggamuu Samaariyaa obboleettii teetiillee hin dhudda.
34
Uduu womaa hin hambifne coongiftee keessaa fixxa; meeshaa mijuu sanii caccabsitee waan caccabe sanniiniin gadditee harma kee mummurta; Ani Rabbi waan kana dubbadhe.»
35
Ammallee wonti ani Rabbiin maraa olii jedhu kana, «Ati waan na irraanfattee dudda natti galteef waan seebaraa fi sagaagala keetiitiif rakko'otu si irra gaya.»
36
Rabbi akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! Ohoola'aa fi Ohooliibaa irratti murteessu'uuf qophoofteertaa? waan nama jibbisiisu ka isaan hojjatan ifa isaanii baasi.
37
Isaan worra seebaranii fi worra lubbuu namaa ajjeesan; isaan waaqolee tolfamaa woliin seebaran; ijoolleen isaan ajjeesan ijoollee naa dayan; ijoollee tiyya ta dhiiraa waaqolee tolfama'aaf ciincessan.
38
Yakki isaan raawwatan kana calla'aa miti; hennaa san mana kiyya hin batteessan; sambata kiyyallee hin diigan.
39
Guyyaa ijoollee tiyya waaqolee tolfama'aaf ciincaa dhiyeessan gara mana woyyuu kiyyaa dhufanii batteessan; kunoo wonti isaan mana kiyyatti raawwatan kana.
40
Dhiira heddu akka biyya fago'oo affeeranii isaanii fidaniif ergamtoota ergan; dhiirran isaan barbaadanillee hin dhufaniif obboleeyyan lachuu nafa ufii dhiqatan; ija kuulatan; faaya gara garaa godhatanii,
41
Siree gaggabaabaa babbareeddan irratti isaan afoo taa'an; hixaanninii fi ejersi ani isaanii kenne uduu hin hafne waan mimmishaa maraa xarapheessaa irratti wolitti qaban.
42
Laagaa wocaa heddutu naannoo isaanii jira; isaan woliin worra machaayu ka lafa gammoojji'iitii dhufantu jira; worri machaayu sunniin dubartoota sanniinitti harka isaaniititti laakkaa'a, mataa isaaniititti garuu gulloo ulfinnaa ka bareedu godhaniif.
43
Ani garaa kiyya keessatti ‹Dhiirran kunniin dubartii seebaraan nafti isi'ii dhume woliin seebaranii?› jedhe.
44
Akkuma dhiirran dubartoota seebaranitti dhaqan dhiirran lafa gammoojji'iitii dhufan sunniinillee dubartoota Ohoola'aa fi Ohooliibaa jedhaman woliin seebaran.
45
Isaan waan seebaruu baratanii fi harki isaanii waan dhiigaan battaayeef worra seebaran sanniinii fi worra nama ajjeessan sanniinitti worri qulqullootaa hin murteessan.
46
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Isaan irratti worra isaan raasu kaasi; isaanillee saamichaa fi raafamu'utti dabarsii kenni.
47
Worra isaan raasu san dhaga'aan haa dhayanii; guraade'een isaan haa mummuranii, ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa haa ajjeesanii, manniin isaaniillee ibiddaan haa gubanii,
48
Akka isin obboleeyyan lamaan seebartan dubartoonni ammaa achi akka hin seebarre haala badanii adabamuun seebaru'uu akka lafa irraa badu godha.
49
Ani waan isin obboleeyyan lamaan haala baddanii fi cubbuu waaqolee tolfama'aa sagadu'uun raawwattaniif isin adaba; hennaa san akka ani Rabbii maraa olii ta'e beettan.»
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48