bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 38
Ezekiel 38
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 37
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 39 →
1
Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
2
«Ati ilma namaa! ati Googii banii biyya Meesheekiitii fi biyya Tuubaalii ka biyya Maagoogii keessa jiru bulchu morma'aa raaga dubbadhu.
3
Ani Rabbiin maraa olii akka isa mormu itti himi.
4
Ani kokkee isaatitti haada dhayadhee isaa fi duultota isaallee harkisa'aa gara hulee dhufanii uf irra isaan deebisa; duultonni isaa worra faradoo yaabbatanii meeshaa lolaa uffatan caalan; loltoonni maruu wontee gugurda'aa fi didiqqaallee qabatanii guraadeellee hidhataniiran.
5
Worri biyya Faarisii, worri biyya Itoophiya'aatii fi namoonni Liibiya'aa dhufan maruu wontee qabatanii meeshaa woraanaa ka mata'aatti godhatan godhatanii isaan wolii galanii isa woliin hiriiran.
6
Goomeer loltoota ufii woliin, duultonni Beetitoogaari'aa ka biyya fagoo gara kaabaallee isa woliin jiran; akkasuma namoonni hedduu ka biyya gara garaatii dhufaniillee isa woliin hiriiraniiran.
7
Kanaafuu akka qophaayu itti himi; akka inni loltoota ufii uf jalatti qopheeffatu itti beessisi.
8
Wonti inni qophaayuu isa barbaachisuuf akka inni biyya Israa'elii ta dur irraa barbadoofte akka qabatu waan isa ajajuuf; biyyi tun dur irraa jalqabdee ona taatee turte; baaniin isi'ii biyyoota duraan jiraata'aa turan keessaa deebi'aniiran; amma baniin Israa'elii gaarran biyya ufii jiran irra nagayaan jiraatan.
9
Inninii fi duultonni isaa, akkasuma baniin hedduu ka isa woliin jiran akka dambalii galaanaatitti dhufan; akka duumessaatitti lafa irra gara galan» jedhee natti dubbate.
10
Wonti Rabbiin maraa olii jedhu kana; «Yoo barri sun gaye waan badaa yaaddee waan hamaa karoorfatta.
11
Ati akkana jetta ani gara gandiin dallawa hin qabnee baya; worra dallawaa fi balbala loosaa hin qabne keessa nagayaanii jiraatan irratti balaa buusa.
12
Namoonni banii gara garaa keessaa deebi'an handhuura lafaa irra jiraatan; isaan hori'ii fi meeshaa qaban lafti duraan ona taate amma ta namni irra jiraatu taate yaanni kiyya waan isaanii booji'u'uuf i fudhachuu, akkasuma isaan irratti balaa buusu'u.
13
Saabaanii fi Deedaan, akkasuma daldaltoonni biyya Tarseesiitii fi loltoonni isaanii ‹Ati Saamu'uuf dhuftee? ati worra meeti'ii fi worqii hori'ii fi meeshaa jechuun namoota waan ati saamte qabatanii sii deemaniin heddu wolitti qabdee?› siin jedhan.
14
Kanaafuu ati ilma namaa! Googitti akkana jedhii raaga dubbadhu, «Rabbiin maraa olii guyyaa san hennaa Israa'el baniin kiyya nagayaan jiraatan ati ufumaa uf kakkaafta.
15
Hulee fagoo gara kaabaa ka ufii jiraattu keessaa loltoota jajjabaa farda yaabbatanii lolan banii keessaa filattee dhufta.
16
Ati banii kiyya Israa'elitti akka duumessa lafa dhossuutitti itti dhufta; ati Googi, bara dhumaa akka gara lafa tiyyaa dhuftu si taasisa; wonti ani waan kana godhuuf hennaa karaa keetiin woyyummaa kiyya mudhisu akka baniin maruu na beekaniif jedhii raaga dubbadhu» naan jedhe.
17
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ati gara banii kiyya Israa'elii dhaxxu raattonni tiyya ta durii ta na tajaajilan bara durii deddeebi'a'aa raaga dubbataniiran» jedha.
18
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Hennaa Googi biyya Israa'elii qabatu ani guddisee aara;
19
Hennaa san akka biyya Israa'eliititti lafti sochootu hinaaffa'aa fi aarii kiyya gudda'aan labsa.
20
Qurxummiinii fi simbirti maruu, bineensinii fi busaayaan lafa irra jiraatu maruu namnillee na sodaata'aa hollata; gaarran hin jigan; edennillee gubba'aa gad fofottoqa; dalloofni dhaga'aan ijaarame maruu hin diiggama.
21
Gaarran kiyya maraa irratti akka Googiin irratti guraadee luqqifatan godha; namni maruu guraadee ufiitiin hiriyyaa ufii ajjeesa.
22
Ani akka inni beelaa fi du'aan adabamu taasisa; ani isaa fi duultota isaa, namoota isa woliin jiran irrattillee rooba dirsaa, rooba baradaa gudda'aatii fi ibidda holataa isaanitti roobsa.
23
Akkaataa kanaan ani guddinnaa fi woyyummaa kiyya mudhisa; achiin maayessa isaan akka ani Rabbiin ta'e beekan.»
← Chapter 37
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 39 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48