bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 29
Ezekiel 29
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 30 →
1
Baqannee woggaa kudhaneesso'oo ji'a kudhaneesso'oo guyyaa kudha lammeesso'ootitti Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
2
«Ati ilma namaa! fuula kee gara mootii biyya Misirii deebisii isaafii banii biyya Misirii marattuu raaga dubbadhu.
3
Rabbiin maraa olii mootii biyya Misiriitiin akkana jedha jedhii itti dubbadhu; ‹ati ka bineensa lagaa fi galaana keessa cisee nama sodaachisu fakkaattu! ani aaree sitti ka'eera; lanni Abbaayii kiyya; ka laga kana uume ana› jetta;
4
funyoo a'oo boqo'ootitti si dhayadha; qurxummii galaana keessa jiran maraa akka nafatti si maxxantu godha; akkuma qurxummiin nafatti si caaccofteen laga abbaayii keessaa harkisee si baasa.
5
Si'ii fi qurxummii galaana keessaa maraa gara lafa gammoojji'ii darba; reeffi kee awwaala malee hafa; akka allaattiinii fi busaayaan nyaatan godha.
6
Isin banii Israa'eliitiin akka ulee maqa'aa dadhabdoota waan taataniif hennaa san isin baniin biyya Misirii akka ani Rabbiin ta'e beettan.
7
Hennaa isaan harka ufiitiin isin qaban isin akka ulee maqa'aa babbaqaxxanii ceekuu isaanii woraantan; isaan hennaa isinitti irkatan isin jalaa caccabdanii duddi isaanii daddaaqe.
8
Eeganaa wonti ani Rabbiin maraa olii sitti himu kana; «Ani worra guraade'een balaa sitti buusan fida; isaan bani'iif horii kee maraa hin fixan.
9
Biyyi Misirii ona lafa gammoojji'ii taatee hafti; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beekan, «Ati lanni Abbaayii kun kiyya natu uume› waan jetteef.
10
Ani si'ii fi laga keetitti aari'iin ka'eera; Ani qachaa Migidoolii ka gara kaabaatii jalqabee haga qachaa Aswaanii ka gara kibbaa, akkasuma haga daangaa Itoophiya'aatitti biyya Misirii lafa gammoojji'ii taasisee ona isii hambisa.
11
Namaa fi horiinillee sirima achi irra hin willisu; haga woggaa afurtamaa womtuu achi irra hin jiraatu.
12
Ani biyya Misirii biyyoota ona ta'an caalaa akka isiin ona taatu godha; qachoonni biyya Misirii haga woggaa afurtamaa diiggamanii hafan; qachoonni isi'ii qachoota diiggaman keessa laakkayamti; Ani worra biyya Misirii akka baqatan isaan taasisa; akka isaan banii gara garaa keessa bittinnaayaanii jiraatan isaan taasisa.
13
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Woggaa afurtamaan maayessa ani biyya Misirii biyyoota itti isaan bittinneesse keessaa
14
Hulee isaan duraan keessa jiraatan biyya Misirii ka gara kibbaa Phaaxiroosiin keessa akka isaan jiraatan isaan taasisa; achitti isaan mootummaa dadhabaa ta'an.
15
Siri'ii isaan mootummaa maraa caalaa dadhabaa waan ta'aniif deebi'anii mootummaa biraa bulchuu hin danda'an; Ani isa worra kaawwan caalaa waan dadhabaa taasisuuf inni mootummaa biraa gibira gabbarsiisuu hin danda'u.
16
Worri Israa'elii ka armaan dura biyya Misirii gargaarsaaf dhaqanii achitti miidhaman qaabatan malee lamuu deebi'anii isaan hin hedatan; worri Israa'elii hennaa san akka ani Rabbii maraa olii ta'e beekan.
17
Baqannee woggaa diddamii torbeesso'oo ji'a jalqabaa guyyaa duraatitti Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
18
«Ilma namaa! mootiin Baabiloonii Naabukadanatsoor biyya Xiroosiititti balaa buusu'uuf ka'ee loltoota ufii haga mataan isaanii irraa dhumuu fi haga ceekuun isaanii madaawutti ba'aa guddaa akka baadhatan isaan taasiseera; garuu mootichinii fi loltoonni isaa kana maraa dadhabanii wonti isaan ba'aa buufatan hin jiru.
19
Kanaafuu wonti ani Rabbiin maraa olii jedhu kana, «Ani biyya Misirii mooticha Naabukadanatsooritti dabarsee kenna; inni akka mindaa loltoota isaatii ta'u horii achi keessatti arge maraa saamee fudhatee deema.
20
Loltoonni isaa waan naa hojjataniif waan biyyi Misirii itti dadhabde maraa sababaa dadhabbii isaatiif dabarsee kennaaf; Ani Rabbi waan kana dubbadheera.»
21
«Hennaa wonti kun ta'u ani banii Israa'elii hin jajjabeessa; ati Hisqeel! hulee namoonni maruu si dhagayuu danda'an maratti laagaa kee ol qabattee akka dubbattu si taasisa; akkaataa kanaan akka ani Rabbiin ta'e beekan.»
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 30 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48