bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 12
Ezekiel 12
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 13 →
1
Rabbi akkana naan jedhe,
2
«Ilma namaa! ati banii dhibaa keessa jiraata'aarta; isaan worra dhibu waan ta'aniif uduu ija qaban hin argan; uduu gurra qaban hin dhagayan.
3
«Kanaafuu ilma namaa! meeshaa kee ka baqaa wolitti qabii qopheeffadhuu uduu isaan si argan guyyamaan isaan biraa baqadhu; akka nama baqatuutitti hulee keetii ka'ii gara hulee biraa deemi; isaan yoma worra dhibu ta'anillee maal laataa hubachuu danda'an.
4
Akka nama baqatuu uduma isaan si argan meeshaa kee ka baqattuun qopheeffatta; uduma isaan si argan akkuma worri qabatan ta'an halkaniin isaan biraa bayii deemi.
5
Hennaa isaan si laalan dhaaba mana keetii fullaasii qaalawa baasii meeshaa kee qaalawa san keessaan baasi.
6
Hulee dhaqa'aartu akka hin argine meeshaa kee gurmu'utti baadhadhuu fuulatti haguuggadhuu hennaa dukkana keessa deemtu si haa argani; ani worra Israa'eliitiif malkata si taasiseera» naan jedhe.
7
Ani waan Rabbi na ajaje maraa hin godhe; guyyama san akka nama baqatuutitti meeshaa kiyya wolitti qabadhe; hennaa lafti galgaloofte harkuma kiyyaan qaalawa manaa baasee achiin meeshaa kiyya gad baase; uduu namoonni na argan meeshaa kiyya gurmu'utti baadhadhee dukkanaan deeme.
8
Bariisaa san Rabbi ganamaan akkana naan jedhe;
9
«Ilma namaa! worri Israa'elii dhibaan sunniin ‹wonti ati amma godha'aartu kun maali'i› jedhanii si hin gaafannee?
10
Kanaafuu waan ani Rabbiin maraa olii jedhu isaanitti himi; dubbiin raagaa kun ilmaan moototaa ka Yerusaalemiin bulchanii fi banii achi jiraatan marattuu dubbatameera.
11
Wonti ati goote kun maruu malkata isaan irratti raawwachu'uu akka ta'e isaanitti beessis; isaanillee worra baqatuu fi worra booji'aman ta'an jechu'u.
12
Ilmi mooti'ii ka isaan bulchu meeshaa ufii wolitti qabatee gurmu'utti baatee qaalawa isaan qopheessaniif keessaan hulluuqee dukkanaan baqata; inni waan fuulatti haguuggatuuf lafa hin argu.
13
Ani garuu siiboo kiyya badhisee isa qaba; uduu inni ijaan hin argine gara qachaa Baabiloonii ta inni itti du'uu isa fida.
14
Worra isatti dhiyaatee isa gorsuu fi worra isa eegu maraa karaa maraanuu isaan bittinneessa; ani duubaan guraade'een isaan ari'a.
15
«Hennaa worra Yihuudota hin taanee fi biyya gara garaa keessa isaan bittinneesse akka ani Rabbiin ta'e beekan.
16
Garuu isaan keessaa namoota hagoo woraana, beelaa fi balaa irraa akka hafan godha; akkaataa kanaan hennaa isaan banii gara garaa keessa jiraatan hujiin isaanii attamitti akka hamaa nama jibbisiisu ta'e hubatan; akka ani Rabbiin ta'ellee hin beekan.»
17
Rabbi akkana naa jedhe,
18
«Ilma namaa! hennaa waa nyaattu sodaata'aa nyaadhu; hennaa waa dhuddullee sodaata'aa hollata'aa dhugi;
19
Rabbi Gooftaan banii qachattii keessa jiraatanitti sababaa yakka namoota qachattii keessa jiraataniitiif lafti waan ona taatuuf isin nyaata keessan sodaata'aa nyaattan; hennaa bisaan dhuddanillee abdii kutata'aa dhuddan.
20
Amma qachoonni baniin keessa guutanii jiraatan maruu hin badan; biyyattiinillee ona taati; isaan hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beekan jedhiin»
21
Rabbi akkana naan jedhe,
22
«Ilma namaa! mudhanni maruu uduu hin raawwatamne hennaan dheerate jedha'aa waan biyya Israa'eliitiif dubbatamu kun maali'ii?
23
Kanaafuu akkana isaaniin jedhi « Rabbiin maraa olii ‹mammaanni kun akka as irratti dhaabatu godha; lammata wonti kun Israa'eliin irratti hin dubbatamu; bikka san hennaan gayeera; dubbiin raagaa maruu raawwatamu'uuf ta'a› »
24
Ammaa achi banii Israa'elii keessatti mudhanni sobaa yookaan falfalli sirima hin jiraatu.
25
Ani Rabbi qajeelchee dubbadha; wonti ani dubbadhu maruu uduu hin turre raawwatama; isin worri dhibdan waan isinitti fida jedhee isin seeree isinitti dubbadhe maraa bara jireenna keessaniititti akka raawwatamu godha» jedhe Rabbiin maraa olii.
26
Rabbi akkana naan jedhe;
27
«Ilma namaa! worri Israa'elii mudhanninii fi raanni kee ka ‹bara hedduun maayessa raawwatamu› jedha'aa dubbatan
28
Kanaafuu waan ani Rabbi isaaniin jedhu isaanitti himi; wonti ani dubbadhe maruu hin raawwatama; sirimaa hin turu; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti.»
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48