bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 16
Ezekiel 16
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 17 →
1
Rabbi ammallee akkana naan jedhe,
2
«Ilma namaa! wonti jibbisiisaan Yerusaalem goote hagam akka badaa ta'e isi'itti himi;
3
Waan Rabbiin maraa olii waan isi'iitiif jedhu akkana jedhii isi'itti himi; «Ati biyya Kana'aanii keessatti dhalatte; Abbaan kee nama gosa Amoorotaati; haatee nama gosa Hiitotaati;
4
Hennaa dhalatte handhuurri kee hin muramne; akka qulqullooftu bisaaniin hin dhiqanne; yookaan sooqiddaan si sukkuumanii uffataan si hin mammarre.
5
Waan kanniin maraa keessaa tokkollee ka garaa sii laafee sii godhu hin jiru; Ati hennaa dhalatte waan jibbamteef raasa'atti si gatan.
6
Ani hennaa karaa saniin lufu akka ati dhiigaan maanxamtee dhidhiitattu si arge; Ati silaa dhiigaan ukkaamamtee duuta; Ani akka ati lubbu'uun jiraattu si godhe.
7
Ani akka ati muka kunuunsanii itti toleetitti akka guddattu si godhe; ani nafa si jabeessee hojjaa si dheeressee akka ati guddattee bareeddu si taasise; harmi sii guntute, rifeensi mataa keetii sii dheerate garuu qullaa hafte.
8
Ammallee deebi'ee yoo si bira lufu hennaan kee hennaa jaalalaati, nafa kee ka qullaa jirutti nuura kiyya uwwisee waadaa sii gale, Ani si woliin waadaa akka fuudhaa fi heerumaa galee tiyya si taasifadhe» naan jedhe; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti.
9
«Achiin maayessa anuu nafa kee ka dhiigaan maanxame dhiqee dhadhaa ejersaa si dibe.
10
Shinshinii kuulaan bareechisan sitti uwwise; kophee gogaa mishaa irraa hojjatame sitti godhe; uffata haarrii gatii gudda'aa mata'atti sii hidhe; uffata ulfinnaa ka waan gara garaa irraa hojjatame irraan sii dhaye.
11
Faaya gara garaatiin si bareechise; laakkaa harkaatii fi faaya mormaa sitti godhe.
12
Funyaan keetitti qubee; gurratti qeshoo sii godhe.
13
Ati faaya gara garaa ka meeti'ii fi worqii irraa hojjatame uffata gatii gudda'aa ka faaya gara garaa irraa hojjatame bareeda qabda; xoroshoo daakuu misha'aan hojjatame, dammaa fi dhadhaa ejersaa nyaatta; bareeddinni kee waan guddisee eda'aa deemeef mootittii ta'uu dandeetteerta.
14
Ani gaachenaa fi ulfinna kiyya si irra kaayee waan guddisee si bareechiseef sababaa bareeda kee ka hanqinna hin qabneetiif biyyi maruu si beeke; ka waan kana dubbate Rabbii maraa oliiti.
15
Ati garuu bareeddinna keetii fi gurra dhagayachuu keetitti irkifattee ka dhufuu fi ka lufu maraa woliin seebarte.
16
Uffata kee keessaa hagoo fuutee hulee kee ka itti sagadduun midhaaffatte; achumaan seebara keellee hin dhiifne; silaa wonti kunniin raawwatamuu hin barbaachisu; sirimaa silaa raawwatamuu hin barbaachisu.
17
Faaya gara garaa ka meeti'ii fi worqii irraa hojjatame ka ani sii kenne fuutee waaqolee tolfamaa fakii dhiiraatiin hojjattee woliin seebarte.
18
Uffata bifa gara garaatiin bareede ka ani sii kenne fuutee fakii waaqolee tolfama'aa sanniinitti uwwifte; sayitii ejersaatii fi hixaanallee fuutee fakii sanniinii dhiyeessite.
19
Daakuu mishaa, dhadhaa ejersaatii fi dammi akka nyaata sii ta'uuf sii kennee ture; ati garuu waaqolee tolfamaa kee gammachiisu'uuniif ciincaa mishaa urgaawuun isaanii dhiyeessiteen kun ta'eera; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti.
20
Seebaruun si hanqatee ijoollee tee ta dhiiraatii fi ta intalaa fuutee waaqolee tolfamaa keetiif ciincaa dhiyeessite.
21
Ijoollee tiyya goorraatee waaqolee tolfama'aaf ciincaa dhiyeessite.
22
Jireenna kee ka seebaraa ka nama jibbisiisu ka hennaa ijoollummaa keetii hin qaabanne; kana jechuun qullaa akka taate, akka hennaa dhiigaan maanxamtee dhidhiitattuu ati sirima hin qaabanne.»
23
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Si hobbaas! si hobbaas!» haga waan hamaa sanniin maraa hojjatteen maayessa,
24
Raasaa marattuu hulee irra dhaabatan dhedheeraa ijaartee qopheeffatte.
25
Akkaataa kanaan karaa maraa keessatti hulee waaqolee tolfama'aa ijaartee bareeda kee batteessite; ka dhufu maraafuu nafa kee kenna'aa guyyama guyya'aan seebaruu baay'essite.
26
Worra biyya Misirii fufurdaa ka seebara jaalatan akka si woliin seebaran goote; ati na aarsu'uuf jettee seebaruu baay'essite.
27
Amma garuu ani si adabu'uu fi gayaa eebba keetii si irraa dhidhisu'uuf harka kiyya hiixadheera; akka isaan waan barbaadan si irratti hojjataniif si'i diina keetitti, durummaa kee worra Filisxeemii ka si sodaachisanitti dabarsee kenna.
28
Hujiin seebaru'uu ka kaawwan woliin hojjattu sii hanqatee worra Asoorii woliin seebarte; garuu isaanillee dheebuu si hin baafne.
29
Worra Baabiloonii ka daldalan woliin goshoo taatee seebara'aa turte; garuu isaanillee dheebuu si hin baafne.
30
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ati akka dubartii hin saalfannee ta seebartuutitti ka waan kana maraa raawwatte dadhabduu attamii taateeti?
31
Ati karaa marattuu hulee ol ka'u ka irra dhaabatan ijaaratta; bayima marattuu hulee waaqolee tolfamaa kee itti waaqeffattu qopheeffatta; ta'ullee ati akka dubartii seebartuutitti horii wolitti qabachuu hin barbaanne.
32
Ati intala seebartu akka intala abbaa worraa ufii jaalachuu dhiiftee orma woliin seebartuu taate.
33
Dubartii seebartuu gati'itu kaffalamaaf, ati garuu bikka gatii fudhattuu goshoota teetii kennaa kennita; akka isaan hulee gara garaatii dhufanii si woliin seebaran gatii isaaniin sobdu isaanii kennite.
34
Kanaafuu ati dubartii seebartuu addaa taateerta; garuu akka ati akkana taatu ka si sossobe hin jiru; ati gatii isaanii kaffalta malee ka gatii sii kaffalu hin jiru; kanaafuu dubartii dhugamaan seebartu.»
35
Ati Yerusaalemii seebartu! waan Rabbi jedhu dhagayi!
36
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ati hawwa seebaraatiin gubatteerta; worra si jaalatanitti nafa kee kenniteerta; waaqolee tolfamaa nama jibbisiisan maraa waaqeffatteerta; dhiiga ijoollee teetii jissitee waaqolee tolfama'aa dhiyeessiteerta;
37
Ani sababaa kanaaf worra ati woliin gammadde, ka ati jaalattee fi ka ati jibbite maraa akka nafa kee qullaa argan naannoo maraa wolitti qabee isaan afo'otti qullaa si hambisa.
38
Ani murtii worra si woliin seebaranii fi dubartoota jireenna namaa balleessan murteessu sitti murteessa hinaaffa'aa fi lola kiyyaanillee si balleessa.
39
Akka ati baallii isaanii jala taatu dabarsee isaanitti si kenna; isaanillee hulee ol ka'u ka irra dhaabatanii fi madabii kee maraa hin diigan; uffata kee si irraa mulqatanii, faaya kee maraa si irraa fudhatanii duwwaa si hambisan.
40
Isaan banii dhaga'aan tumanii, guraade'een mummuranii si ajjeesan sitti kakkaasa'aaran.
41
Isaan manniin kee ibiddaan guban; isaan dubartoota hedduu afo'otti murtii ufii si irratti mirkaneessan; akkaataa kanaan akka ati hujii seebaraa kee kana dhiiftuu fi worra si jaalatuu gatii seebaraa kaffaluu kee akka dhiiftu si taasisa.
42
Kanaafuu lolli ani siin lolu hin dhaabata; hinaaffaan kiyyallee si irraa fagaata; lolli kiyya ka si irra jirullee hin qabbanaaya; deebi'ee siin hin lolu.
43
Ati waan ani hennaa ijoollummaa keetii sii godhe maraa hin irraanfatte; hujii hamaa hojjattee na aarsite; kanaafuu haguma cubbuu hojjatteen akka gatii argattu godhe; hujii badaa hojjatte maraa irratti deebitee battummaa seebaraa edaatee hojjachuun maali'iif ta'inna?» ka waan kana dubbate Rabbii maraa oliiti.
44
Rabbi akkana jedhe, «Yerusaalem! namoonni waan kee ‹mucattiinillee akkuma haadhaa taate!› jedha'aa sitti mammaakan.
45
Ati dhugamaan finna haateetiiti; haatee abbaa worraa ufiitii fi ijoollee ufii jibbitee turte; atillee akkuma intallan haateetii ta abbaa worraa ufiitii fi ijoollee ufii jibbiteeti; atii fi intallan haatetii abbaa gosa Amoorotaatii fi haadha gosa Hiitotaa qabdan.
46
Obboleettiin tee ta hangafaa akkuma Samaariyaa ganda isi'ii woliin gara kaabaa jirtuuti; obboleettiin tee ta maandha'aa Soodomii gandiin keessaa gara kibbaatiin jirtuuti;
47
Ati isaan faanaa deemtee hujii jibbisiisaa hojjachuu callaa uduu hin taane hennaa gabaabaa keessatti jireenna kee maraanuu isaan caaltee hujii hamaa hojjatte.
48
«Ani waan jiraataa ta'eef wonti jedhu kana; obboleettiin tee Soodomii fi gandiin isi'ii waan hamaa atii fi gandiin hojjattan caalaa hin hojjanne» jedha Rabbiin maraa olii.
49
Yakki obboleettii tee ta Soodomii kana; isiinii fi gandiin isi'ii hin boonan; yoo hagamillee nyaataa fi dhuddoo isaan irraa hafee fi qananiillee qabaatan rakkata'aa fi hiyyeeyyii hin gargaaran.
50
Isaan worra dhibu ta'anii waan ani jibbu maraa raawwatan; akkuma beettu ani isaan barbadeesse.
51
Samaariyaanuu wodhakkaa cubbuu keetiituu hin hojjanne; ati isii caalaa cubbuu hamaa nama jibbisiisu hojjatte; battummaa kee ka intallan haatetiitiin yoo wol bira qaban ka isaanii akka waan yakka hin qabnee fakkaata.
52
Ati ammallee salphinna kee baadhadhu; sababaa cubbuun kee guddisee hamaa ta'eef intallan haatetii yoo si'iin wolitti bikkaman isaan akka waan yakka tokkollee hin qabnee qulqulloota fakkaatanii mudhatan; ati obboleeyyan tee akka waan cubbuu hin qabnee qulqulloota waan fakkeessiteef salphinna akka uffataatitti haguuggadhuu taa'i.»
53
Rabbi waan Yerusaalemii akkana jedhe; «Soodomii fi gandiin isi'iitii, Samaariya'aa fi gandiin isi'iitiillee akkuma qabeenna isaanii ka durii deebisu keellee sii deebisa.
54
Ati salphinna kee haguuggattee waan goote maraafuu hin saalfatta; Soodomii fi Samaariyaan yoo waan kee kana argan isaan cubbamtoota akka keetii waan hin taaneef hin jajjabaatan.
55
Obboleeyyan tee Soodomii fi ijoollee isi'ii ta intallanii, akkasuma Samaariyaanii fi ijoolleen isi'ii ta intallanii garuu gara hulee ufii ka duriititti deebi'an; akkasuma atii fi gandiin keellee gara hujii keessan ka duriititti deebitan.
56
Obboleettiin tee Soodom bara ufiititti hennaa uf jajju sitti balda'aa hin turree?
57
Isiin ka waan kana goote uduu yakki kee hin beekkamneen duraamii? amma garuu ati qachoota biyya Sooriya'aatii fi ollaa isaaniititti, akkasuma qachoota Filisxeemiitii fi worra si tuffatan ka naannaya isaanii jiran maraa biratti ta itti baldan taateerta.
58
Ati haala baduu keetii fi hujii hamaa nama jibbisiisu waan hojjatteef adabamuu si barbaachisa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
59
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Jecha abdi'ii ka ani sii kenne tuffattee waadaa kiyya waan diiddeef adabbii si barbaachisu sii kenna.
60
Garuu ani waadaa hennaa ati ijoolle'ee si woliin gale hin qaabadha; si woliin waadaa kiyya baraa haga bara baraa gala.
61
Hennaa ani intallan haateetii ta hangafaatii fi ta maandha'aa fuudhee akka ijoollee teetiititti sii kenne jireenna kee ka durii qaabattee saalfatta; garuu wonti kun ta'u akkaataa waadaa sii galeetiinii miti.
62
Ani si woliin waadaa kiyya hin haarawoomsa; ati hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beetta.
63
Ani wonti waan kana godhuuf yakka hojjatte maraafuu hennaa sii araarame akka ati hujii kee qaabattee naatee saalfattee cadhiftuuf» ka waan kana dubbate Rabbii maraa oliiti.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48