bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 47
Ezekiel 47
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 46
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 48 →
1
Achiin maayessa namni sun gara seensa mana woyyu'uu na fide; achitti bisaan mana woyyuu hulee irra dhaabatan jala yaa'a; kunillee waan balballi mana woyyu'uu gara baya biiftu'uu naannayeef; bisaan gara cinaa kibba mana woyyu'uutiin kolba hulee ciinca'aa ka irra dhaabataniitiin gara kibbaa yaa'a.
2
Namichi sun kolba balbala dallawa gara kaabaatiin mana woyyuu keessaa na baasee balbala dallawa gara baya biiftu'uu laalu na naannesse; balbala dallawaa gara kibbbaatiin bisaan gara baya biiftu'uu yaa'a.
3
Namichi sun haada bikkuun ka harkaa qabuun bisaan gara baya biiftu'uu yaa'u san hordofa'aa ciqilee kuma tokko laakkaye; bisaan san keessa deema'aa akka ceeyu na taasise; bisaan sun haga koome'ee na gaye.
4
Ammallee ciqilee kuma tokkoo bikkee akka bisaan irra deemu na taasise; bisaan jilba na gaye; ammallee ciqilee kuma tokko bikkee bisaan keessa akka deemu na taasise; bisaan sun haga mudhi'ii na gaye.
5
Ammallee achi lufee ciqilee kuma tokkoo bikke; bisaan sun guddisee xiillaa waan ta'eef laga ani ceeyuu hin dandeenne ta'e; bisaan sun ka namni irra deemuu hin dandeennee fi daaka'aaf garuu guddisee xiilla'a.
6
Namichi sun «ati ilma namaa! waan kana maraa qalbi'iin hubadhu» naan jedhe; achiin maayessa namichi sun gara qarqara galaanaa na deebise.
7
Akkuma achi gayeen galaana bita'aa fi mirga yoo laalu mukkiin hedduu achitti arge.
8
Inni akkana naan jedhe, «Bisaan kun lafattii keessa gara baya biiftu'uutiin gara dhooqa Yoordaanosiitii fi gara galaana du'aa yaasa; hennaa gara galaana du'aa yaa'u galaanni sooqiddaa haarawoomee bisaan mishaa ta'a.
9
Huleen bisaan yaa'u maraa busaayaa gara garaatii fi qurxummii heddutu argama; bisaan lagaa ka yaa'u waan galaana du'aa keessatti argamu maraa qulqulleessee haarawoomsa; hulee yaa'u marattuu jireenna kenna.
10
Worri qurxummii qabu Eengaadii jalqabee haga Eeneglaayii ka'anii dhaabatan; huleen sun hulee woshaadoo itti dhaaban ta'a; qurxummii akka galaana Meeditiraaniyaanii keessatti argamuutitu galaana kana keessatti argama.
11
Leephoonii fi ka bisaan jalatti ititu ammo ka sooqiddi jalatti kuufamu ta'ee hafa malee bisaan qulqulluu hin ta'u.
12
Qarqara bisaanii gamaa gamanatti biqiltuu adda addaa ka nyaataaf fayyadantu jira; baalli isaanii hin gogu; daraaraa daraaruu hin dhiisan; bisaan mana woyyu'uu jala yaa'u waan argataniif ji'uma ji'aan daraaraa haarawa daraaran; daraaraan mukkiinii nyaataaf; baalli isaanii qorsoomaaf nama fayyada.»
13
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Daangaan lafaa ka gosa Israa'elii kudha lammanii qooddu kana; gofti Yooseefii gayee lama qabaata.
14
Ani abboota teessan ta duriitii lafa tana isaanii kennu'uuf kaku'uun waadaa isaanii gale; ammallee isin maruu wol qixa qoodamaa'a; lafti tun gayee teessan taati.
15
Daangaan lafaa kolba galaana Meeditiraaniyaanii gara kaabaatii ka'ee gara Heetiloonii, gara kolba Haamaatii hulee ittiin wol bira lufanii, gara Tseedaadii,
16
Gara qachoota Tseebiraayimiitii fi Beerootaa ka Damaasqo'oo fi Haamaatiin jidduu jiranii, gara daangaa Hawuraanitti argamtuu qachaa Tiikooniitiin gara baya biiftu'uu lufa.
17
Akkaataa kanaan daangaan lafaa galaana Meeditiraaniyaaniitii ka'ee haga Hatsar'enoonii daangaa Damaasqo'ootii fi Hamaatii lufee haga hulee gara kaabaa gaya.
18
Daangaan baya biiftu'uu daangaa biyya Damaasqo'ootii fi Hawuraanii jidduu lufee kolba galaana Meeditiraaniyaaniitiin Gili'aadii fi biyya Israa'elii keessa lufee galaana du'aatii fi Taamaariin gaya; kun daangaa gara baya biiftu'uuti.
19
Daangaan gara kibbaa Taamaarii ka'ee haga Qaadeesii Mariba'aati, achiillee ka'ee dhooqa biyya Misiriitii haga galaana Meeditiraaniyaanii gaya; kun daangaa gara kibbaati.
20
Daangaan gara dhiya adu'uu daangaa galaana Meeditiraaniyaani'iitii ka'ee haga seensa Haamaatii gaya; kun daangaa dhiya adu'uuti.
21
Lafa tana gosa Israa'eliititu qoodame.
22
Ristii baraa haga bara baraa isinii haa taatu; worri ormaa ka isin keessatti ijoollee horanii jiraatan hennaa isin lafa qoodamtan isaanillee gayee ufii haa argatanii; akkuma nama Israa'elii tokkootitti laallamanii gosa Israa'elii ka lafa qoodamu woliin hixaa isaanii buusuu barbaachisa.
23
Namni Israa'eliin keessa jiraatu ka biyya alaa maruu worra banii Israa'elii ka woliin jiraatan woliin gayee ufii haa argatuu; ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera» jedha.
← Chapter 46
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 48 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48