bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 42
Ezekiel 42
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 41
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 43 →
1
Achiin maayessa namichi sun gara bayima itti bayan ka diidaa na fidee gara mana dhaga'aan ka hulee duwwa'aa fi kutaawwan kolba gara kaabaatiin jiruu na geesse.
2
Dheerinni ijaarsa manaa ka gara kaabaatiin jiru ciqilee dhibbaa yoo ta'u dalgi isaa ciqilee shantama.
3
Bayima itti bayan ka keessaa ciqilee diddamaa lufanii kutaawwan bayima itti bayan ka afame ka diidaa kolba wol laaluun kutaawwan gamoo irraa gara gamo'oo ol guddata'aa deemanii gamoo sadihii ta'aniiran.
4
Kutaawwan afoo gara keessaatiin hulee wol bira lufan ka dalgi isaa ciqilee kudhaniitii fi ka dheerinni isaa ciqilee dhibbaatitu jira; huleen seenaniin kolba gara kaabaatiin jira.
5
Kutaawwan gamoo sadeesso'oo kutaawwan gamoo lammeesso'ootii fi kutaawwan lafaa caalaa dhipha'a; kunillee akkuma gamoowwan ol gugurdata'aa deemaniin waan afoon balbalaa badhata'aa deemanii kutaawwan dhiphisaniif.
6
Isaan gamoo sadihiin ijaaramanii akka mana dhaga'aan ijaarame ka bayima itti bayan ka diidaa utubaawwan hin qaban; kanaafuu kutaawwan gamoo gubba'aa, kutaawwan gamoo lammeesso'ootii fi kutaawwan mana lafa irraa caalaa gara keessaa ol siiqan.
7
Kolba kutaawwan dheerinni isaa ciqilee shantamaa gara bayima itti bayan ka diidaa afoo mana dhaga'aan ijaarame tokkotu jira.
8
Kutaawwan kolba bayima itti bayan afoo jiran dheerinni isaanii ka ciqilee shantamaa qaban yoo ta'u kutaawwan kolba mana woyyu'uu jiran ammo dheerinna ciqilee dhibbaa qaban.
9
Kutaawwan gamoo jalaa kolba gara baya biiftu'uutiin bayima itti bayan ka keessaatiin hulee ittiin seenan qaban.
10
Kolba gara kibbbaatiin garuu ladda dheerinna ijaarsa bayima itti bayanii hulee duwwa'aa fi gamoo afoo kutaawwantu jira.
11
Kutaawwan afoo hulee wol bira lufaniintu jira; kutaawwan sunniin akkuma kutaawwan kolba gara kaabaatiin jiranii dheerinni, dalgi, kortoon ittiin ol bayanii fi akkaataan balballan isaanii wol fakkaata.
12
Kanaafuu balballan kutaawwan kolba gara kibbbaatiin jiranii ka ittiin seenaniin gara kolba hulee ittiin wol bira lufan ka gara cinaa baya biiftu'uu gara dhumaatiin jiruutiin.
13
Namichi sun akkana naan jedhe, «kutaawwan hulee duwwaa afoo gara kaabaatii fi gara kibbaatiin jiran ka woyyooman; sababaan woyyoomaniif waan hulee gadoonni gara Rabbii dhiyaatan midhaan woyyoome itti nyaataniif; huleen sunniin waan woyyuu ta'aniif kennaa midhaanii, kennaa waan cubbu'uutii fi ciincaa waan yakkaatiif dhiyaatu keessa kaayan.
14
Gadoonni gara hulee woyyoomee san dhaqanii uffata ittiin tajaajilan haga uffataniin maayessa uffata tajaajilaniin san uduu hin mulqanne gara bayima itti bayan ka diidaa hin bayan; uffanni sunniin waan woyyoomaniiraniif hulee woyyuu sanii bayanii gara hulee bani'ii eeyyamamee uduu hin geenne uffata biraa uffachuu isaan barbaachisa.»
15
Namichi sun kutaawwan mana woyyu'uu ka keessaa haga bikkee raawwateen maayessa gara balbala dallawa baya biiftu'uutiin gad na baase; achiin maayessa inni naannaya diidaa bikke.
16
Ulee waa ittiin bikkan fudhatee kolba gara baya biiftu'uu yoo bikku ciqilee dhibba shan.
17
Achiin maayessa gara kaabaatiinillee hennaa bikku ciqilee dhibba shan.
18
Ka Gara kibbaa yoo bikku ciqilee dhibba shan.
19
Gara dhiya adu'uutiinillee hennaa bikku ciqilee dhibba shan ta'e;
20
ijaarsi mana woyyu'uu fi bakka duwwaa gar gar fooyu dheerinni isaa ciqilee dhibba shan; dalgi isaallee ciqilee dhibba shan ta'e.
← Chapter 41
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 43 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48