bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 24
Ezekiel 24
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 25 →
1
Baqannee woggaa sagaleesso'oo ji'a kudhaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
2
«Ati ilma namaa! guyyaan adhaa ka mootiin Baabilloonii Yerusaalemiin marsuu jalqabu waan ta'eef guyyaa kana galmeessi.
3
Mammaaka ani Rabbiin maraa olii waan isaaniitiif mammaake kana banii dhibu kanniinitti himi; ‹Keree sibiilaa ibidda irra kaayii bisaan itti buusi;
4
Gumaa foon harkaatii fi ka lukaa mimmishaa mummuri, lafee mimmishaallee caccabsii keessa kaayi.
5
Tika hoolotaa keessaa hoolaa mishaa fuudhii qali; ibidda keree sibiilaa jala qoraan kaayi; haga foonii fi lafeen sun bilchaatutti affeeli.› »
6
Rabbiin maraa olii qachaa worri nama ajjeesu keessa guutee hobbaas! isiin akka keree sibiilaa ta hin qulqulloofneetii fi ta sirima qulqullaayuu hin dandeennee taateerti; foon keree sibiilaa kana keessa jiru uduu hin filanne tokko tokkoon baasi.
7
Qachattii keessatti nama ajjeesaniiran; dhiiga isaanii ka jissan lafa daara'aatii miti; garuu dhiinni isaanii ka jige dhagaa womaa isa hin dhossine irratti.
8
Dhiinni isiin jissite akka hin dhokanne akka dhagaa womaa isa hin dhossine irratti akka jigu ka godhe akka guddisee haluu bayuuf jedhe.
9
Kanaafuu Rabbiin maraa olii qachaa worri nama ajjeesu keessa guutee hobbaas! qoraan anuu eda'ee ibidda keessa kaaya.
10
Qoraan heddu fuudhi; ibidda bobeessii foon affeeli; bisaan foonii urgooftuu gara garaatiin mi'eessi! lafee garuu gubi.
11
Baay'inni dammeessawu'uu ibiddaanillee waan gad hin dhiifneef xaariin maruu duwwaa ta'e; kanaafuu keree sibiilaa ka sibiila diimaa irraa hojjatame barbadaa cile'ee irra kaayi; haga gubatee barbadaa fakkaatutti haa oo'ee diimatuu; akkaataa kanaan battummaan baqa; dammeessawuunillee hin bada.
13
Ati Yerusaalem! sagaagaluun kee si batteesseera; ani yoma si qulqulleessuu barbaadellee ati battummaa kee irraa hin qulqulloofne; hunni lola kiyyaa haga gara si galchuu ati hin qulqullooftu.
14
Ani Rabbiin maraa olii hennaan waan tokko hojjadhu dhiyaateera; irraa uf hin dhooggu; garaa hin laafu; yaada kiyya hin jijjiiru; akka jireennaa fi hujii keetiitiin sitti murteessa jedha» jedhee dubbadheera.
15
Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
16
«Ati ilma namaa! haati manaa tee ta ati jaalattuu fi ta hennaa laaltu si gammachiiftu dimmaa qoomamtee si jalaa duuti; kanaan hin gaddin; imimmaan jissa'aa hin booyin.
17
Gadditee hirqiffattee booyuu kee namni hin dhagayin; ta duuteef hin booyin; waa mata'atti maradhu; kophee kee miilatti godhadhu; afaan hin qabatin; buddeena gaddaa hin nyaatin.»
18
Ani ganama namoota woliin dubbata'aa ture; gaafasuma galgala haati manaa tiyya duute; isiin duutee guyyaa lammeesso'ootitti akkuma inni natti hime godhe.
19
Namoonni «Akkana godhuun kee nu woliin tokkummaa maal qaba?» jedhanii na gaafatan.
20
Anillee akkana jedhee isaanii deebise, «Rabbi akkana jedhee natti dubbate.
21
‹Rabbi Gooftaan banii Israa'eliititti akkana jedhii dubbadhu naan jedhe; mana kiyya woyyuu dhaaduu ulfinna keessanii, abdii ija keessaniitii fi gammachuu onnee keessanii ta'e akka batteessitaniif isin dhiisa; ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa ta Yerusaalemitti hafan woraanaan dhuman.
22
Hennaa san isin waan ani godhe maraa hin gootan; afaanitti hin marattan; buddeena gaddaa hin nyaattan.
23
Waan mata'atti marattan hin mulqattan; kophee keessan lukaa baafattanii miila qullaa hin deemtan; hin gadditan, yookaan hin boottan, sababaa cubbuu keessaniitiif hin huqqattan; isin maruu woliin mari'ata'aa worwaattan.
24
Akkaataa kanaan Hisqeel malkata isinii ta'a; waan inni godhe isinillee hin gootan› jedhee natti hime; hennaa wonti kunniin raawwatu akka ani Rabbii maraa olii ta'e beettan.»
25
Rabbi akkana jedhe, «Ati ammallee ilma namaa! ani mana woyyuu ka isaan hennaa maraa yoo argan jaalatan ka bira dhaquu hawwan, ka dhaadataniinii fi ka guddisanii itti gammadan isaan irraa fudhadha; ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaallee isaan jalaa fudhadha.
26
Ani guyyaa waan kana godhu badii san caalaa namni dhufee waan badii kanniin maraa sitti hima.
27
Guyyama san dubbii armaan dura dubbachuu hin dandeenne dubbatta; ati isa woliin dubbatta; kunillee bani'ii malkata ta'a; isaanillee akka ani Rabbiin ta'e beekan.»
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 25 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48