bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 48
Ezekiel 48
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 47
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
1
Gofti lafa qoodamu'uuf galmaayan kanniin; gofti Daanii lafa gara kaabaatiin jiru tokko argatan; lafti tun karaa seensa Haamaatii gara Heetlooniitiin, achiillee kutaa gara kaabaa Damaasqo'oo fi Hatsari'eerii ka'ee haga daangaa Daanii gara baya biiftu'uutii jalqabee haga dhiya adu'uu gayee ufii argata.
2
Gofti Aseerii lafa gosa Daaniititti aanee lafa gara baya biiftu'uutii jalqabee haga dhiya adu'uu jiru gayee ufii argata.
3
Gofti Niftaalemii daangaa gosa Aseeriititti aanu baya biiftu'uutii haga dhiya adu'uu gayee ufii argata.
4
Gofti Minaase'ee lafa daangaa gosa Niftaalemiititti aanu baya biiftu'uutii jalqabee ka haga dhiya adu'uu jiru gayee ufii argata.
5
Gofti Efreemii lafa gosa Minaase'eetitti aanu baya biiftu'uutii jalqabee ka haga dhiya adu'uu jiru gayee ufii argata.
6
Gofti Roobeelii lafa daangaa gosa Efreemiititti aanu baya biiftu'uutii jalqabee ka haga dhiya adu'uu jiru gayee ufii argata.
7
Gofti Yihuuda'aa lafa daangaa gosa Roobeeliititti aanu baya biiftu'uutii jalqabee ka haga dhiya adu'uu jiru gayee ufii argata.
8
Isin hulee lafa Yihuuda'aatiin wol qabate tokko qooddanii keettan; dheerinni hulee sanii ciqilee kuma diddamii shan; lafti kun gayee gosa biraatiinillee bayan biiftu'uutii jalqabee haga dhiya adu'uu wol qixa ta'a; huleen manni woyyu'uu itti argamu wodhakkaa kana.
9
Lafa kanniin keessaa lafti takka ta dheerinni isi'ii ciqilee kuma diddamii shaniitii fi dalgi isi'ii ciqilee kuma diddamaa ta Rabbiif woyyoomte taati.
10
Worri gadootaa lafa woyyoome kana keessaa lafa argatan; lafti isaan argatan baya biiftu'uutii haga dhiya adu'uu dheerinna ciqilee kuma diddamii shaniitii fi dalga ciqilee kuma kudhanii argatan; manni woyyuun Rabbii jidduu san ta'a.
11
Huleen kun gadoota fiixaa Saadooqii keessaa worra dhalataniif ka addaan baye ta'a; hennaa worri Israa'elii martinii fi worri Leewwotaa kuuwwan na dhiisanii olii gad tatayyaran ijoolleen ammo ajaja kiyya irraa uduu hin fagaanne eega'aa worra jiraatan.
12
Hulee woyyoome keessaa huleen kun hulee isaaniiti; huleen kun daangaa worra Leewwotaatiin wolitti maxxana.
13
Hulee gadootaa kana ladda lafa worra Leewwotaa ka ciqileen isaa kuma diddamii shaniitii fi ka dalgi isaa kuma kudhaniititu jira; wolumatti qaba'atti lafti isaanii ka worra gadootaa woliin dheerinna ciqilee kuma diddamii shaniitii fi ka dalgi isaa ciqilee kuma diddamaatitu jira.
14
Huleen Rabbiif kalamu lafa biyyattii keessatti argamu maraa caalaa hulee michu'u; lafa san keessaa ka qoodamee gurguramuu fi ka jijjiiramu, yookaan ka eennuufillee dhaalaan lufu hin jiraatu; inni ka Rabbiif woyyoomee adda baye.
15
Hulee adda baye kana keessaa huleen addaan qoodamee hafu dheerinni isaa ciqilee kuma diddamii shaniitii fi dalgi ciqilee shan; lafa kana banii maratu itti fayyadama; hulee mana itti ijaaratanii fi hulee horii itti bobbaafatan ta'a; qachattiinillee jidduu sanitti ijaaramti.
16
Lafattiin tun roga afur qabdi; ronni isi'ii maruu wol qixa; dheerinni roga maraatuu ciqilee kuma afurii fi dhibba shan ta'a.
17
Qachattiin gara arfaniinuu hulee horii itti bobbaafatan qabdi; badhinni hulee horii itti bobbaafatan ka hulee maraatuu ciqilee dhibba lamaa fi shantama.
18
Lafa woyyoome kana keessaa gara baya biiftu'uutiin lafti ciqilee kuma kudhaniitii fi gara dhiya adu'uutiin lafti ciqilee kudhanii qoodamee haga qachattiin itti ijaaramteen maayessa lafti hafu maasaa banii qachaa san keessa jiraatuu ta'a.
19
Namni gosa kamiin keessattuu dhalate ka qachattii san keessa jiraatu maruu lafa san qotachuu danda'a.
20
Huleen woyyuun lafa wodhakka'aa jirtu wolumatti qaba'atti dheerinni roga maraatuu hulee qachattiin itti ijaaramte woliin ciqilee kuma diddamii shaniiti.
21
Kutaan hulee woyyu'uu fi qachattii jiddu'utti hafe ka ilma mooti'ii ta'a; lafti tun kolba gara baya biiftu'uutiin daangaa hulee woyyu'uutii ciqilee kuma diddamii shaniitii jalqabee haga hulee lafti itti dhaabattuuti; gara kolba dhiyaatiinillee daangaa ciqilee kuma diddamii shaniitii jalqabee haga daangaa lafti itti dhaabattuuti; dheerinni lafa bulcha'aa dheerinna lafa gosa kaawwaniitiinillee woluma qixa; akkaataa kanaan isaan mana woyyu'uu fi hulee woyyuu jidduu jiraatan jechu'u.
22
Akkasuma lafti Leewwotaatii fi huleen qachattiin itti ijaaramte baya biiftu'uu irraa jalqabee haga dhiya adu'uu lafa bulcha'aa jiddu'utti argama; daangaa lafa Yihuuda'aa gara kibbbaatiin garuu lafa Biiniyaamiitiin daangeffama.
23
Gosa hafe kaawwaniifillee akkaataan lafa itti qoodan akkana; Biiniyaam lafa baya biiftu'uu irraa jalqabee haga dhiya adu'uu geettu gayee ufii argata.
24
Simoon baya biiftu'uutii jalqabee haga dhiya adu'uu lafa gara lafa Biiniyaamiititti aantu gayee ufii argata.
25
Yisaakoor baya biiftu'uu irraa jalqabee haga dhiya adu'uu lafa gara lafa Simooniititti aantu gayee ufii argata.
26
Zaabiloon baya biiftu'uu irraa jalqabee haga dhiya adu'uu lafa gara lafa Yisaakooriititti aantu gayee ufii argata.
27
Gaad baya biiftu'uu irraa jalqabee haga dhiya adu'uu lafa gara lafa Zaabilooniititti aantu gayee ufii argata.
28
Daangaan Gaadii ka gara kibbbaa qachaa Taamaarii ka gara kibbaatii jalqabee haga burqaa bisaanii ta Qaadeesii Mariibaa keessatti argamtuu keessa lufee laga biyya Misirii biraan lufee haga galaana Meeditiraaniiyaanii gaya.
29
Rabbiin maraa olii lafti isin akkaataa kanaan gosa Israa'elii maraa qooddan tana» jedhee dubbate.
30
Ronni arfan balballan qachattii keessaa bayaniinii kana; ronni maruu balballan sadihi qaba; balbala maraafuu maqaa gosa tokkootitu kenname; dheerinni isaa kolba gara kaabaatiin ciqilee kuma afurii fi dhibba shan; balballan sadiin roga kanniin irra jiran irra maqaa Roobeelii, Yihuuda'aatii fi Leewwi'iititu irratti moggaasaniiran.
32
Gara baya biiftu'uutiin dheerinna ciqilee kuma afurii fi dhibba shan qaba; balballan sadiin roga sanniin irra jiran irratti maqaa Yooseefii, Biiniyaamiitii fi ka Daanii itti moggaasaniiran.
33
Kolba gara kibbaatiin dheerinna ciqilee kuma afurii fi dhibba shanii qaba; Balballan sadiin roga sanniin irra jiran irratti maqaa Simoonii, Yisaakoorii, fi Baabiloonii irratti moggaasaniiran;
34
Gara dhiyaatiin dheerinni ijaarsa qachatti'ii ciqilee kuma afurii fi dhibba shan; balballan sadiin roga kanniin irra jiran maqaa Gaadii, Aseeriitii fi ka Niftaalemii itti moggaafameera.
35
Dheerinni balballan dallawa qachatti'ii ka roga arfaniin jiru ciqilee kuma kudha saddeetii ta'a; maqaan qachattiin ammaa achi ittiin waamamtu «Rabbi achi jira!» ka jedhu ta'a.
← Chapter 47
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48