bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 10
Ezekiel 10
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 11 →
1
Ani hulee mataa Kiruubeeli'ii samii gubba'atti teessoo ulfinnaa ka dhagaa gatii gudda'aa ka Saampeer jedhamuun hojjatame arge.
2
Rabbi nama uffata jirbii qadhaa irraa hojjatame uffateen «Miila akka miila korbo'oo ka worra uumama jiraataa ta'an keessa lufii deemi; harka keetiin barbadaa cile'ee hammaarii fuudhii qachatti'itti facaasi!» jedheen; inni uduu ani isa argu ol seene.
3
Hennaa inni keessa ol seenu Kiruubeel mana woyyuu keessa gara kibbaatiin dhaabateera; raasaa gara keessaatiin jirullee duumessatu ol guute.
4
Ulfinni Rabbii Kiruubeeliin irraa ka'ee gara hulee mana woyyu'uu ka irra dhaabatanii dhaqe; duumessi mana ol guute; raasaan sunillee ifa ulfinna Rabbiitiin guuttame.
5
Laagaan Kiruubeel koola ufiitiin dhageessisan haga raasaa diidaatittillee hin dhagayama; laagaan sun laagaa Waaqa waan maraa danda'uu fakkaata.
6
Rabbi hennaa namicha uffata gad diratan uffate san akka inni miila akka miila korbo'oo ka Kiruubeeliin jala jiruu ibidda fuudhu ajaje inni yoma san keessa ol seenee miila akka miila korbo'oo heddu keessaa tokko bira dhaqee dhaabate.
7
Kiruubeelii hedduu keessaa Kiruubeeliin tokko ibidda isaan jidduu jiru keessaa harka ufii hiixatee barbadaa diqqoo hammaaree namicha uffata gad diratan uffate sanitti kenne; namichi sun barbadaa san qabatee deeme.
8
Ani Kiruubiin maruu koola ufii jalaa waan akka harka namaa fakkaatu qaban arge.
9
Hennaa laalu miilli akka miila korbo'oo maruu Kiruubii maraa bira miilli akka miila korbo'oo afur ka jiru arge; bifti akka miila korbo'oo sanniinii waan gatii gudda'aa ka calalaqu fakkaata.
10
Bifti miila akka miila korbo'oo arfanuu wol fakkaata; isaan maruu miila akka miila korbo'oo ka wol keessa lufu fakkaata.
11
Hennaa gara afo'oo deeman uduu olii gad hin midhanne qajeelanii deeman; miilli akka miila korbo'oo ka afoo jiru gara kamiinillee yoo deeme kuuwwanillee uduu olii gad hin midhanne qajeelanii deeman.
12
Nafti, duddi, harki, koolli isaaniitii fi miilli akka miila korbo'oo uduu hin hafne maruu ija heddu uf irraa qaban.
13
Miilli akka miila korbo'oo sunniin uduma ani dhagayu miila akka miila korbo'oo ka gangalatan jedhamanii waamaman.
14
Kiruubiin maruu fuula afur afur qaban; Kiruubiin jalqabaa fuula sanga'aa fakkaata; ka lammeesso'oo fuula namaa fakkaata; ka sadeesso'oo fuula leencaa fakkaata; ka arfeesso'oo fuula bajjaa fakkaata.
15
Hennaa Kiruubeel lafa irraa ol ka'an isaanillee mudhata uumama jiraattotaa ka laga Keebaarii biratti arge.
16
Hennaa Kiruubeelonni socho'an miilli akka miila korbo'oo ka isaan woliin jiranillee wolumaan socho'an; hennaa Kiruubeelonni bararu'uuf koola ufii badhifatan miilli akka miila korbo'oo ka isaan ladda jiru gara biraa gara hin galan.
17
Hafuurri uumama jiraattota sanniinii waan akka miila akka miila korbo'oo keessa jiruuf uumamni lubbuu qaban sunniin yoo dhaabatan miilli akka miila korbo'oo maruu wolumaan dhaabatan; yoo Kiruubeelonni lafaa ol ka'an miilli akka miila korbo'oo sunniinillee wolumaan ol ka'an.
18
Kanaan maayessa ulfinni Rabbii hulee dhaaba mana woyyu'uu irraa ka'ee Kiruubeeliin irra dhaabate.
19
Ani uduu waan kana laala'aaru Kiruubeelonni koola ufii badhisanii lafa irraa hennaa ol bayan miilli akka miila korbo'oo ka ladda isaanii jiran hennaa isaan woliin ol bayan arge; isaan gara dallaya balbala mana woyyu'uu ka gara baya biiftu'uutiin jiruu hennaa gayan hin dhaabatan; ulfinni Waaqa Israa'eliillee isaan irra jira.
20
Kunniin uumama laga Keebaarii biratti Waaqa Israa'elii jalatti arge; ani akka isaan Kiruubeeliin ta'an beeke.
21
Isaan maruu fuula afur afurii fi koola afur afur qaban; koola maraa jala waan akka harka namaa fakkaatutu jira.
22
Fuulli isaanii fuula akka ani laga Keebaarii biratti argee fakkaatan; Kiruubeelonni maruu qajeelanii gara afo'oo deeman ture.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48