bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 28
Ezekiel 28
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 29 →
1
Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
2
«Ati ilma namaa! Rabbiin maraa olii mootii Xiroosiititti akkana jedhii himi; ‹ati waan guddiftee uf jajjeef galaana keessa teessoo waaqolee tolfama'aa irra taa'an jetteerta; ati yoma yaada keetiin ani Waaqa ufiin jettellee ati nama malee Waaqaa miti.
3
Ati Daani'eeliin caalaa ogeessa uf seeta; wonti tokkollee akka waan si jalaa hin dhokannee sitti fakkaata.
4
Ati dhugamaan ogumma'aa fi mala keetiin qabeenna guddaa argatteerta; mana kee ka meeshaa kaayattu keessa birri'ii fi worqii tuulatteerta.
5
Ati ogummaa daldala keetiin mudhifteen durummaa guddaa argatteerta; sababaa qabeenna kee gudda'aatiin uf jajjeerta›
6
Eeganaa wonti ani Rabbiin maraa olii jedhu kana; ‹sababaa ati ani ogeessa akka Waaqaati jettee yaaddeef;
7
Diintota gar jabeeyyii balaa sitti buusan sitti fida; isaan waan ati beekkumsaa fi ogumma'aan wolitti qabatte ka bareedu maraa si jalaa balleessan.
8
Si garuu boolla keessatti gatan; galaana keessatti du'a badaa duuta.
9
Eeganaa hennaa isaan si ajjeesu'uuf sitti dhufan ati ammallee akka Waaqaatitti uf laaltaa? ati hennaa harka worra si ajjeesuutitti kufte ati nama malee aka Waaqa hin taane uf beetta.
10
Ati harka namoota biyya biraa ka Rabbitti hin amanneetiin duuta; ani Rabbii waan kana dubbadheera› » jedhee natti dubbate.
11
Rabbi ammallee akkana jedhee natti dubbate,
12
«Ati ilma namaa! waan hamaa mootii Xiroosii irra gayuuf faaruu gaddaa faarfadhu waan ani Rabbiin maraa olii jedhu akkana jedhii isatti himi, ‹Ati waan ogeessaa fi bareedaa taateef fakkeenna mishaa namaa taatee turte.
13
Ati Eedenii bakka biqiltuu Rabbii keessa jiraata'aa turte, ati uffata worqi'ii ka dhagaa gatii gudda'aa ka Sardiyoon, Almaazi, Biralee, Maraagidi, Iyyaasphiidi, Sanpeerii fi Baluur jedhamanii waamamaniin midhaaffame uffata'aa turte; ati hennaa dhalatte irraa jalqabdee kana maraa hin qabda.
14
Ani si'i akka maleekkaa Kiruub jedhamu ka waa eeguutitti muudee achi si kaaye; gaara kiyya woyyuu irra jiraata'aa turte; dhagaa gugurdaa ka guddisee falaqqisu jidduu deema'aa turte.
15
Urga dhalattee jalqabee haga hennaa waan hamaa hojjachuu jalqabdeetitti ati nama mudaa hin qabne turte.
16
Ati waa bita'aa gurguru'uuf ariifatta; kun maruu gara hujii miidha'aatii fi gara cubbu'uu si geesse; sababaa kanaaf akka ati gaara kiyya woyyuu gad dhiiftee baatu si giddisiise; kanaaf maleekkaan Kiruub jedhamu dhagaa guddisee ifu ka gatii gugurda'aa keessaa ari'a'aa si baase.
17
Ati bareeda keetiin guddiftee uf jajje; waan ulfinna barbaaddeef ogummaa kee salphifte; sababaa kanaaf gubba'aa gad si darbe; mootota biraatiifillee malkata adabbi'ii si taasise.
18
Sababaa yakka waa bita'aa gurgurtuutiif huleen kee ka ati itti waaqeffattu maruu hin battaayan; kanaafuu ani qachatti'itti ibidda kaasee akka gubattu godhe; amma worri si laalan maruu akka ati daaraa taate argan.
19
Ati baddeerta! baraa haga bara baraa hin argamtu biyyi si beekan maruu raafamaniiran; hireen badaan sirra gaye kun akka isaan irra hin geenneef guddisanii sodaataniiran» jedhee natti dubbate.
20
Rabbi akkana naan jedhe,
21
«Ati ilma namaa! fuula kee gara Siidona'aa deebisi isi'itti raaga dubbadhu;
22
Banii isi'iitiin Rabbiin maraa olii akkana jedha» jedhiin; ani isinitti ka'eera; waan ani isin irratti raawwadhuun baniin maruu na galatoonfatan; hennaa ani murtii qajeelaa murteessuu fi woyyummaa kiyya mudhisu akka ani Rabbiin ta'e beekan.
23
Ani balaa kiyya isinitti fida; karaa maraa irrattuu akka dhiinni jigu godha; sababaa lola karaa gara garaatiin isinitti ka'uun isin keessaa namoonni hin dhuman; baniinillee akka ani Rabbiin ta'e beekan.
24
Rabbi akkana jedha, «Ammaa achi worra ija tuffi'iitiin isii laaluu fi biyya naannaya isi'ii jiran ka akka qore'ee fi qummuuddu'uu ta'ee Israa'eliin miidhu eennullee hin jiraatu; isaan akka ani Rabbii guddaa ta'e hin beekan.»
25
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Hennaa ani worra Israa'elii biyyoota gara garaa ka isaan itti bittinnaayan keessaa wolitti isaan qabuu fi hennaa uduu baniin maruu argan banii kiyya keessatti woyyummaa kiyya mudhisu isaan deebi'anii lafa ufii ka ani hojjataa kiyya Yaaqoobii kenne irra jiraatan.
26
Isaan sodaa malee achi jiraatan manniin ijaaratan, woyinii dhaabatan, ani worra ija tuffi'iitiin isaan laalu ka ollaa isaanii maraa hin adaba; worri Israa'elii garuu sodaa tokko malee nagayaan jiraatan; hennaa san isaan akka ani Rabbi Waaqa isaanii ta'e beekan.»
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 29 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48