bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 7
Ezekiel 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 8 →
1
Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
2
«Ilma namaa! ani Rabbiin maraa olii wonti waan biyya Israa'eliitiif jedhu kana; kallattii maraanuu dhumti ardii tanaa gayeera.
3
Isin banii Israa'elii amma badiin teessan geetteerti; lola kiyya isinitti buusa; akkuma hujii keessaniitiin isinitti murteessa; waan battummaa keessan maraatiifillee isin adaba.
4
Ani sirima garaa isinii hin laafu; isinii hin raaramu; haga isin hujii battumma'aa san irra jirtan ani isin adaba; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beettan.»
5
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Rakkinni dhufeera! rakkinni dhufeera!
6
Dhumti dhufee isin irra gayeera; dhumti dhuftee isin irra geetteerti.
7
Isin baniin biyyattii keessa jirtan maruu badiin teessan geetteerti; hennaan gayeera; guyyaanillee dhufeera; guyyaan sun guyyaa raafamtan malee guyyaa hulee gugurda'atti gammaddanii itti buraaxxanii miti.
8
Ani amma dhiyeenna kanatti lolaa fi balaa kiyya isinitti buusa; akkuma hujii keessaniitiin isinitti murteessa; sababaa hujii keessan bada'aatiif isin adaba.
9
Ani sirima garaa isinii hin laafu; isinii hin araaramulle'e isin haga hujii battumma'aa irra jirtan ani isin adaba; hennaa san ka isin adabu akka ana Rabbiin ta'e beettan.»
10
Amma kunoo guyyaan Israa'el itti baddu dhiyaateera; dhartinii fi hammeenni baay'ateera; uf jajuunillee guddateera.
11
Sababaa didda'aatiif hujiin hammeennaa baay'ateera; isaan keessaa namni tokkollee hin hafu; durummaanii fi qabeenni isaan horatan maruu wonti tokkollee isaanii hin hafu.
12
Amma hennaan badi'ii gayee guyyaanillee dhiyaateera; lolli kiyya ka ana Rabbii nama maraa irra waan gawuuf ka waa bitatu hin gammadin; ka waa gurguratullee hin gaddin.
13
Haga ka waa bitatuu fi waa gurguratu lafa kana irra jiru namni waa gurgurate meeshaa gurgurate san akkuma deebi'ee hin arganne akkasuma raanni raagame nama maraafuu waan ta'eef hafuu hin danda'u; isaan waan yakka hojjataniif lubbuu ufii oolchuu hin danda'an.
14
Xurumbaan hin afuufama; wonti maruu hin qophaaya; lolli Rabbii waan nama maraa irra gayuuf eennullee gara hulee lolaa hin dhaqu.
15
Diida lolatu jira; mana maraa keessa dhibe'ee fi beelatu jira; worri qacha'aan ala jiraatan maruu lolaan dhuman; worra qachaa keessa jiru garuu dhukkubaa fi beelatu fixa.
16
Akkuma handariin uf hambisu'uuf dhooqa keessaa gara gaaraa ol bayan akkasuma worri du'a irraa hafan yoo jiraatan uf hambisu'uuf jedhanii akkuma handari'ii gaara irra yaa'anii sababaa cubbuu ufiitiif mararoo gadda ufii dhageessisan.
17
Harki maruu haree waa qabuu dadhaba; jilbi maruu hin laamshaya.
18
Uffata gaddaa uffatan; hin nayan; hin saalfatan; mataa haadatan.
19
Isaan meetii ufii karaa irratti gatan; worqiin isaaniillee akka waan batti'iititti laallama; meetiinii fi worqiin isaanii guyyaa lola Rabbii isaan hin oolchu; beela isaan irraa hin balleessu, garaa isaanii hin guutu; wonti kunniin maruu sababaa cubbuu isaaniitiif isaan irra gaya.
20
Faaya bareeda isaanii ka ittiin dhaadatan waaqolee tolfamaa nama jibbisiisuu fi babbadaa ittiin hojjatan; kanaafuu faaya isaanii maraa ani isaan irratti hin jibba.
21
Rabbi akkana jedha, «Faaya keessan maraa ormatu booji'a; worri cubbamtoonnillee akka saamaniif dabarsee kenna; isaan hin busheessan.
22
Saamtonni mana woyyuu kiyya keessa seenanii batteessan; hennaa isaan batteessan ani isaan hin dhooggu.
23
«Ati biyyattiin waan lubbuu namaa ajjeeftuuf, qachattii keessa diddaan waan jiruuf haada sibiilaa ka hidhaniin qopheessi.
24
Banii keessaa namoota hammeeyyii as fidee akka isaan manniin keessan dhaalan godha; uf tuuluu worra jajjaba'aa hin balleessa; isaan hulee keessan ka woyyoome hin batteessan.
25
Isin hennaa rakkattan nagaya barbaaddan garuu hin argattan.
26
Balaan tokko balaa biraa fida; oduun tokko oduu biraa fida; isin akka worri raattotaa raaga argan akka isinitti himan isaan barbaadattan; seerri gadoonni banii barsiisan, gorsi manguddoonni banii gorsanillee isaan harkaa bade.
27
Mootiin hin booya; ijoolleen moototaa maruu sirima abdii kutatan; baniin nayee hollata; ani akkuma hujii keessaniitiin isin adaba; akkuma isin nama biraa irratti murteessitaniin isinitti murteessa; akkaataa kanaan akka ani Rabbiin ta'e beettan.»
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48