bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 33
Ezekiel 33
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 32
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 34 →
1
Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
2
«Ati ilma namaa! ‹Ani hennaa biyya takkatti woraana kaasee baniin nama isa eegu yoo qopheeffate
3
Namni eegu sunillee diina dhufu argee akka isaan balaa irraa uf eeggataniif laagaa xurumba'aa namoota marattuu yoo dhageessise,
4
Eennullee laagaa isaa waan seeraan hin dhageenneef diinni dhayee yoo isa ajjeese balleessaan kama isaati.
5
Laagaa uf eeggataniin waan hin hubanneef balleessama ufiitiin du'e; inni uduu laagaa san dhagayee uf eeggatee silaa badii jalaa baya.
6
Garuu ka waa eegu sun hennaa diinni dhufu argee yoo laagaa badii jalaa bayaniin uduu hin dhageessifneen hafe, diinni dhufee namoota saniin keessaa tokko yoo ajjeese namni du'e sun cubbuu ufiitiin du'e; ani ammo dhiiga nama du'e sanii namicha waa eegu san gaafadha› jedhii banii kanatti himi» naan jedhe.
7
«Ati ammallee ilma nama! ani tissee banii Israa'elii si taasiseera; seera ani sitti kennu maraa isaanii dabarsuu si barbaachisa.
8
Hennaa ani nama cubbama'aan ‹Ati nama cubbamaa dhugamaan hin duuta› jedhuun ati yoo akka inni hujii badaa san irraa deebi'u isa hin seerre namni sun cubbuma ufiitiin du'a; waan du'a isaatiif ani sima gaafadha.
9
Ati nama cubbamaa san akka inni hujii badaa irraa deebi'u isa gorsitee inni hujii hamaa ufii irraa deebi'uu didee cubbuu hojjachu'utti jabaatee yoo du'e ammo ati waan kana irraa bilisa taata.
10
Ati ilma namaa! worra Israa'eliitiin akkana jedhi, «Isin yakki keennaa fi cubbuun keenna nutti ulfaateera; sababaa kanaaf huqqata'aarra; eeganaa nu attamitti jiraachuu dandeenna? jettaniirtan.
11
Ani Rabbiin maraa olii jiraataa waan ta'eef namni cubbamaan cubbuu hojjachuu dhiisee akka lubbu'uun jiraatuuf malee akka inni cubbu'uun du'u isatti hin dhiisu; kanaafuu isin Israa'el! hujii keessan hamaa dhiisaa'a maaf du'a barbaaddan?» jedhii isaanitti himi.
12
«Ati ammallee ilma namaa! namni balchaan yoo cubbuu hojjachuu jalqabe hujiin mishaan inni duraan hojjate isa hin fayyisu; namni hamaan hujii hamaa hojjachuu yoo dhiise hujiin hamaan inni duraan hojjate sun gufuu isatti hin ta'u; namni balchaan cubbuu hojjachuu yoo jalqabe balchummaan isaa ka duraanii du'a isa oolchuu hin danda'u.
13
Yoo nama balcha'aan ati dhugamaan lubbu'uun jiraata jedheen inni ammo yoo hujiin balchumma'aa kiyya ka duriituu na gaya jedhee cubbuu hojjachuu jalqabe hujii isaa mimmishaa duraanii keessaa tokkollee hin laaluuf; kanaafuu inni sababaa cubbuu ufiitiif du'a.
14
Ani nama hamaa tokko akka inni du'u itti himee inni ammo cubbuu hojjachuu dhiisee waan seeraatii fi waan dhuga'aa yoo hojjate;
15
Kana jechuun sababaa waan liqeesseetiif yoo qabdii qabate, yookaan qabeenna hate yoo deebise, cubbuu hojjachuu dhiisee seera jireenna namaa kennu yoo eege dhugamaan lubbu'uun jiraata malee inni hin du'u.
16
Cubbuu inni hojjate maraa hin dhiisaaf; inni hujii dhuga'aatii fi qajeelaa waan hojjateef dhugamaan lubbu'uun jiraata.
17
Baniin kee ammo wonti ani godhu sirri'ii mitii jedhan malee hujii isaaniititu sirri'ii miti.
18
Namni balchaan hujii balchumma'aa hojjachuu dhiisee yoo hujii hamaa hojjachuu jalqabe hujii hamaa ufiitiin du'a.
19
Namni hamaanillee cubbuu hojjachuu dhiisee waan dhuga'aatii fi waan qajeelaa yoo hojjate isumaan jiraata.
20
Worri Israa'elii ammo waan ani Rabbi godhu maraa sirri'ii miti jettan; ta'ullee ani isin marattuu akkuma hujii keessaniitiin isinitti murteessa.
21
Baqannee woggaa kudha lammeesso'oo ji'a kudhaneesso'oo guyyaa shaneesso'ootitti namni tokko Yerusaalemiin keessaa dheessee bayee akka qachattiin diina harkatti kufte natti hime.
22
Namnichi dheessee jalaa baye sun uduu na bira hin geenne guyyaa tokkoon dura galgala hunni Rabbii gara kiyya dhufe, bariisaa san uduu namichi na bira hin geenneen duratti Rabbi arraba kiyya naa hiike; kanaafuu hennaa san irraa jalqabee ani dubbachuu dadhabne.
23
Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
24
«Ilma namaa! baniin qachoota Israa'elii ka diiggaman keessa jiraatan, ‹Abrahaam nama hojja ufii jiraatu; biyyi maruu isaa kennamte; nu'u namoota heddu; dhugamaan lafti dhaalaan nuu kennamteerti› jedhan.
25
Waan ani Rabbiin maraa olii isaaniin jedhu akkana jedhii isaanitti himi, ‹isin foon dhiiga woliin nyaattan, waaqa tolfamaa waaqeffattan, nama ajjeeftan, eeganaa isin waan kanniin maraa godha'aa attamitti lafti teenna jettan?
26
Isin guraadee keessan hedattan, waan nama jibbisiisu raawwattan; namni maruu haadha manaa nama biraa woliin seebara; eeganaa isin attamitti lafti teenna jettan?»
27
Eeganaa ani Rabbiin maraa olii waan jiraataa ta'eef baniin qachoota keessa jiraatan dhugamaan akka ajeeffaman akka isaan seere ibsii isaanitti himi; worra baadiyaa jiraatan busaaya'atu nyaata; worra gaarranii fi holqa keessatti dhokatanii jiraatan bala'atu isaan fixa.
28
Ani biyyattii onaa fi lafa gammoojji'ii taasisa; hunni isiin uf jajjuun hin dhaabata; gaarran Israa'elii ona eennullee keessa hin lufne ta'an.
29
Sababaa yakka nama jibbisiisu ka isaan hojjataniitiif biyyatti onaa fi lafa gammoojji'ii taasisu akka ani Rabbiin ta'e beekan.» jedhee natti dubbate.
30
Rabbi akkana jedhe, «Ati ilma namaa! baniin dallawa qachatti'iitiif balbala manniin ufii biratti waan kee mari'atan; isaan ‹koottaa dubbii Rabbii ka karaa isaatiin dhufu yoo dubbatu haa dhageennuu› woliin jedhan.
31
Kanaafuu akka banii kaawwanii banii kiyyallee ati maal akka dubbattu dhagayuu calla'aaf wol gayan; waan ati isaanitti himtu maraa ammo hin raawwatan; dubbii ati dubbattu san waan jaalatan fakkaatanii mudhatan; garuu saamuu hin dhiisan.
32
Ati isaan biratti akka nama laagaa mishaa qabuutii fi akka nama meeshaa faaru'uu ka jaalalaan faarsuuti; waan ati jettu hin dhagayan malee hin raawwatan.
33
Dubbiin ati isaanitti himte ammo dhugamaan hin raawwatama; hennaa dhuga'aan raawwatame akka raanni isaan keessa jiru beekan» jedhe.
← Chapter 32
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 34 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48