bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 37
Ezekiel 37
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 36
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 38 →
1
Hunni Rabbii na irra dhufe; Hafuurri fuudhee gara dhooqa lafeewwan hedduu itti wolitti qabamanii na fide;
2
Achi keessa na naannessee lafeewwan hedduu natti mudhise; achi keessa lafeewwan heddutu jira.
3
Inni akkana naan jedhe, «Ilma namaa! lafeewwan kunniin waan deebi'anii lubbu'uun jiraatan sitti fakkaataa?» Anillee akkana jedheen, «Rabbii maraa olii! ka waan kana beeku sima»
4
Innillee akkana naan jedhe, «lafeewwan kanniinitti akkana jedhii raaga dubbadhu; «isin lafeewwan goggogaan dubbii Rabbii dhagayaa'a.
5
Waan Ani Rabbiin maraa olii jedhu maraa akkana jedhii isaanitti himi; Ani hafuura isin keessa kaaya; akka deebitanii lubbu'uun jiraattan isin taasisa.
6
Ribu'uu fi foon isinii kennee gogaa isinitti uwwisa; hafuura isin keessa kaayee akka isin deebitanii lubbu'uun jiraattan isin taasisa; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beettan.»
7
Anillee akkuma inni na ajaje raaga dubbadhe; akkuma raaga dubbachuu jalqabeen laagaa waan socho'uu dhagaye; lafeewwan sunniin ufumaa wolitti dhufa'aa wol qabachuu jalqaban.
8
Uduma ani isaan laalu lafeewwan sunniin ribuu, foonii fi gogaa uffatan; ufii ammo hafuura hin qaban ture.
9
Rabbi akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! qilleensatti raaga dubbadhu; qilleensi roga arfaniiyyuu dhufee akka isaan lubbu'uun jiraataniif reeffa kanniinitti akka bubbisu itti dubbadhu.»
10
Anillee akkuma inni na ajaje raaga dubbannaan hafuurri isaan marattuu seene; isaan lubbuu argatanii ol ka'anii miilaan dhaabatan; duula hedduu ta'an.
11
Rabbi akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! baniin Israa'elii akkuma lafee kanniiniiti; isaan ‹lafeen keenna gogeera; abdii kutanneerra; wonti keenna dhumateera› jedhan.
12
Kanaafuu ati banii kiyya banii Israa'eliititti raaga dubbadhu; Ani Rabbiin maraa olii awwaala isaanii banee achi keessaa isaan baasee akka gara biyya isaanii isaan deebisu isaanitti himi.
13
Baniin kiyya hennaa ani hulee isaan itti awwaalamanii isaan baase akka ani Rabbiin ta'e beekan.
14
Ani Hafuura kiyya isaan keessa kaaya; akka lubbu'uun jiraatan isaan taasisa; lafa ufii irra akka nagayaan jiraatan isaan taasisa; achiin maayessa isaan ka waan kana dubbatee fi ka waan kana raawwate akka ana Rabbiin ta'e beekan; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
15
Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
16
«Ati ilma namaa! ulee tokko fuudhii isa irratti Yihuuda'aa fi banii Israa'elii ka Yihuuda'aan wolii gale jedhii barreessi; ammallee ulee biraa fuudhii isa irratti Yooseefiif jechuun worra Efreemii ka worra Israa'eliitiin wolii gale jedhii barreessi.
17
Achiin maayessa ulee lachuu harka keetiin wolitti qabii akka isaan tokko ta'an wolitti maxxansii qabadhu.
18
Baniin keellee kun maal akka ta'e akka isaanitti himtuuf hennaa si gaafatan,
19
Rabbiin maraa olii akkana jedha jedhii isaanitti himi; ulee Yooseefii ka harka Efreemii jiru, ulee Israa'elii ka isaaniin wolii gale tokko fuudhee tokko akka ta'an ulee Yihuuda'aatiin wolitti maxxansee harka kiyyaan tokko ta'an.
20
Ulee lamaan harka keetiin irratti barreessite fuudhii akka baniin argu godhi.
21
Ani Rabbiin maraa olii banii kiyya ka hulee gara garaatitti bittinnaaye banii maraa keessaa wolitti isaan qabee ka gara lafa isaanii isaan deebisu akka ana ta'e isaanitti himi.
22
Biyya Israa'eliitii fi gaarran isi'ii irratti mootummaa tokko akka ta'an isaan godha; isaan maruu mootii isaan bulchu tokko qabaatan; lammata banii lama hin ta'an; mootummaan isaaniillee bakka lamatti hin qoodamu.
23
Isaan lammata waaqolee tolfamaa ufiitiin, waan isaanii ka nama jibbisiisuu fi cubbuu biraatiin uf hin batteessan; gantummaa isaan irratti kufan keessaa isaan baasee isaan qulqulleessa; hennaa san isaan banii kiyya ta'an; anillee Waaqa isaanii ta'a.
24
Mootii akka Daawitii tajaajilaa kiyyaa qabaatan; bulchaa tokko jalatti wolitti qabamanii seeraa fi ajaja kiyya amanamumma'aan raawwatan.
25
Isaan lafa ani Yaaqoobii tajaajilaa kiyyaa kennee fi ta abboonni isaanii ta durii irra jiraatan irra jiraatan; ijoolleenii fi fiixaan isaanii maruu uduu hin hafne baraa haga baraa lafa san irra jiraatan; mootiin akka Daawitii tajaajilaa kiyyaa baraa haga bara baraa isaan irratti mooya.
26
Ani isaan woliin waadaa nagayaa gala; waadaan sun waadaa baraa haga bara baraati; Ani deebi'ee isaan ijaaree laakkobsa banii isaanii baay'isa; mana kiyya woyyuu ka baraa haga bara baraa jabaatee dhaabatu lafa isaanii keessatti ijaara.
27
Ani achitti isaan woliin jiraadha; Waaqa isaanii ta'a; isaanillee banii kiyya ta'an.
28
Hennaa ani manni kiyya woyyuun baraa haga bara baraa isaan keessa akka jiraatu godhe baniin Israa'elii anaa fi banii fooyame akka ta'e worri Yihuudii hin taane hin beekan.»
← Chapter 36
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 38 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48