bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 45
Ezekiel 45
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 44
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 46 →
1
Hennaa gosa maraafuu gayee qoodan qoonni tokko ka Rabbii ta'a; dheerinni lafa sanii ciqilee kuma diddamii shaniiti; dalgi isaa ciqilee kuma diddama; naannoon isaa maruu ka woyyoome ta'a.
2
Naannoo kana keessaa dheerinni roga maratuu ciqilee dhibba shanii ta'ee huleen tokko ka roga afurii qabu mana woyyu'uutiif ramadama; badhinni naannaya lafa kanaa hulee duwwaa ciqilee shantamaa qabu qabaata.
3
Naannoon Rabbiif kalame dheerinna ciqilee kuma diddamii shanii, dalga ciqilee kuma kudhaniititu laakkayama; inni hulee kaawwan maraa caalaa filatame ka manni woyyuun itti ijaaramu ta'a.
4
Kun lafa maraa keessaa kutaa woyyoome ta'ee lafa gadoota mana Rabbii keessatti isa tajaajilaniif ka kenname; huleen kun hulee worri gadootaa keessa jiraatanii fi ka manni woyyuun itti ijaaramu ta'a.
5
Lafti hafe gariin ka dheerinni isaa ciqilee kuma diddamii shanii, ka dalgi isaa ciqilee kuma kudhanii ta'e ammo gayee worra leewwotaa ka mana woyyuu keessatti tajaajila gara garaa tajaajilaniif kennama; qachoonni isaan keessa jiraatanillee achumatti ijaaraman.
6
Lafti hulee woyyoometti aanee jiru ka dheerinni isaa ciqilee kuma diddamii shaniitii fi ka dalgi isaa ciqilee kuma shanii qachoota gosa Israa'elii itti ijaaru'uuf itti kalama.
7
Qoonni bulchaa biyyatti'ii hulee woyyu'uu fi kaloo qachatti'iitti aanee gara lamaaniinuu jechuun gara dhiya adu'uutiin haga daangaa biyyatti'ii gaya; gara baya biiftu'uutiin lafa haga daangaa biyyatti'ii gawu kalan; dheerinni isaa gayee gosa tokkoo qoodan gaya.
8
Naannoon kun ilma mooti'ii ka bulchaa Israa'elii ta'uu kennama; achiin maayessa bulchoonni maruu banii miidhuu isaan hin barbaachisu; lafa biyyattii keessatti hafe maraa ammo gosa Israa'eliitii dhiisuu isaan barbaachisa.
9
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Isin bulchoota Israa'elii! hennaa hedduuf cubbuu hojjata'aa jiraattaniirtan; amma ammo dhiibba'aa fi nama hucuucuu dhiisaa'a! waan qajeela'aa fi waan dhuga'aa hojjadhaa'a! akka baniin kiyya ammallee lafa irraa buqqa'anii baqatan hin godhinaa'a! ka waan kana isinitti himu ana Rabbii maraa oliiti.
10
Namni maruu madaalaa fi waan ittiin bikku ka dhuga'aa, akkasuma waan ittiin safaru ka wol qixaa haa qabaatuu.
11
Ka meeshaa ittiin waa safaran maraa bikku goomoorii haa ta'uu; iifiin waan goga'aan bikkanii fi baatiin waan dhangala'uun bikkan maruu wol qixa ta'uu barbaachisa; akkaataa kanaan goomooriin tokko ganaa kudhanii fi waan dhangala'aan bikkan kudhan woliin wol qixa ta'a.
12
«Wonti isaan bikkan Geeraan diddamaa giraama tokko haa ta'uu giraamiin jahaatamaa saqilii minaanii tokko haa ta'uu.
13
Qamadiin goomoorii ka isin ciinca'aaf dhiyeessitan ganaa jahaa keessaa ganaa tokko garbuu goomoorii maraa ganaa jahaa keessaa ganaa tokko.
14
Dhadhaa keessaallee dhadhaa meeshaa qoroos jedhamu maraa keessaa waan dhangala'uun bikkan kudhan keessaa tokko qoroos tokko, goomoorii tokkoo fi baatii kudhanii jechu'u.
15
Akkasuma tika hoolota worra Israa'elii hoolota dhibba lamaa keessaa ka waan kanaaf ramadame hoolaa tokko; kun ka ciincaa dhiifamsa cubbuu isaaniitiif ka kennaa midhaanii woliin ciincawuu fi ka ciincaa fayyinnaa ta'ee dhiyaatu; ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera.
16
Baniin biyyattii keessa jiraatan maruu waan kana maraa nama Israa'eliin bulchutti kennan.
17
Ciincaa ciincawu, kennaa midhaaniitii fi kennaa waan dhuganii, aayyana jalqaba ji'aa, sambattan, ayyaannan banii Israa'elii keessatti ayyaanteffamuuf waan barbaachisu maraa qopheessuun gayee bulcha'aati; akka dhiifamsa cubbu'uu banii Israa'eliitiif ta'u ciincaa waan cubbu'uutiif dhiyaatu, kennaa midhaanii, ciincaa ciincawuu fi kennaa waan fayyumma'aa qopheessuu isaan barbaachisa.
18
Rabbiin maraa olii akkana jedhe, «Jiini jalqabaa seenee guyyaa duraatitti jibicha tokko ka mudaa hin qabne ciincessu'uun mana woyyuu qulqulleessita.
19
Gadichi dhiiga diqqoo waan ciincaa cubbu'uutiif ciincaye kana fuudhee qasatoowwan mana woyyu'uu, kortoo hulee ciinca'aa, roga arfanii fi qasatoowwan balballan dallawaa ka gara bayima itti bayan ka keessaa diba.
20
Cubbuu namni kamuu uduu hin yaannee fi uduu hin beenne hojjate maraafuu guyyaa torbeesso'ootitti akkasuma goota; akkaataa kanaan akka manni woyyuun woyyoomu goota.
21
Jiini jalqabaa seenee guyyaa kudha arfeesso'ootitti ayyaanteffattan; hennaa ayyaana kana ayyaanteffattan haga guyyaa torbaa xoroshoo raacitii hin qabne nyaattan.
22
Guyyaa ayyaanaa ilmi mooti'ii ka baallii qabu waan dhiifamsa cubbuu ufiitii fi ka bani'iitiif korma qopheessa.
23
Guyyaa ayyaanaa torban ayyaanni itti ayyaanteffatamu maraafuu korommii torbaa ka mudaa hin qabnee fi korbeeyyii hoolotaa torba ka ciincaa Rabbiitiif dhiyeessan qopheessa; korbeessa re'e'ee tokko ka kanniin woliin dhiifamsa cubbu'uutiif ciincaa ta'u qopheessa.
24
Hennaa kormi maraa fi korbeeyyiin ciincayan midhaan hammaaranii ganaa tokko tokkootii fi sayitii ejersaa liitirii sadihi sadihiititu kanniin maraa woliin dhiyaata.
25
Ayyaana daasee keessatti ayyaanteffatan ka jiini torbeesso'oo seenee guyyaa kudha shaneesso'ootitti ayyaanteffamuuf ilmi mootii ejersaa guyyaa torbanittuu ciincaa ciincawuu fi ciincaa waan cubbu'uutiif dhiyaatu kama wol fakkaatu qopheessa; ciincaan midhaaniitii fi ka sayitii ejersaa akkaatama tokkoon dhiyaata.»
← Chapter 44
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 46 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48