bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 41
Ezekiel 41
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 40
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 42 →
1
Ammallee namichi sun mana woyyuu keessa gara hulee woyyuu na fide; inni yoo hulee wol bira lufaniin ka mana woyyu'uu bikku dheerinni ladda gara lamaaniituu ciqilee jaha.
2
Dalgi ciqilee kudhan; yabbinni dallawa dhaga'aa ka bita'aa fi mirga jiranii maruu ciqilee shan; hulee woyyuu san yoo bikku ciqilee afurtama; dalgi isaallee akkasuma ta'e.
3
Achi keessallee ol lufee hulee wol bira lufaniin ka gara keessaa ol fidu hennaa bikku dheerinni ciqilee lama; dalgi ammo ciqilee jaha ta'e; dalloofni dhaga'aan ijaaran ka bita'aa fi mirga jiran yabbinni isaanii ciqilee torba.
4
Roga tokko irraa jalqabee haga roga tokkoo kutaa gara keessa gamaan jiru hennaa bikku dheerinni isaa ciqilee diddama, dalgi isaallee ciqilee diddama ta'e; achiin maayessa «Kun woyyittii woyyootaati» naan jedhe.
5
Namichi sun ijaarsa dhaga'aa ka mana woyyu'uu gara keessaatiin yoo bikku yabbinni isaa ciqilee jaha ta'e; ijaarsa dhaga'aa san biratti kutaawwan hedduu dalga ciqilee afur afur qabantu ijaarameera.
6
Kutaawwan kunniin tokko tokko irratti gamoo sadihii ta'anii ijaaramanii gamoowwan maruu kutaawwan soddoma qaban; ijaarsi gara diidaa ka mana woyyu'uu ka gamoo maraatuu ijaarsa gamoo gara jalaatiin jiru caalaa haphi'i; sababaan kun ta'eef uduu ijaarsa mana woyyu'uutitti hin maxxanne kutaawwan sunniin ijaarsa dallawaatitti maxxananii waan ijaaramaniif.
7
Dhaabni manaa ka jalaa dhaaba gamo'oo irra yabba'a; yoo gara diidaatii laalan ammo jalaa haga gubba'aa furdinni dhaaba manaa wol qixa fakkaata; dhaabni manaa jalaa haga gubba'aatitti haphata'aa waan deemaniif akkuma ol bayaniin laakkobsi kutaawwanii badhata'aa deeman; karaa itti ol bayaniinillee karaa gamoo lafa irraa ol ka'ee gara gubba'aa ol bayuutiin.
8
Bu'uurri mana woyyu'uu ciqilee jaha ol fagaata; bu'uurri kutaawwan diidaallee haguma san.
9
Yabbinni dhaaba manaa kutaawwan diidaa ciqilee shan; kutaawwan mana woyyu'uu ladda jiranii fi manniin dhaga'aan ijaaran jidduu'u bakka duwwa'atu jira; badhinni bakka duwwaa sanii ciqilee diddamaa mana woyyu'uu irra naannaya.
11
Balballi kutaawwan mana woyyu'uu laddaa ka banaman; gara kolba lafa duwwa'aatiin yoo ta'u balballi tokko kolba kaabaatiin banama; balballi kuun ammo kolba gara kibbaatiin banama; huleen duwwaan dhiifame sun ciqilee shan.
12
Gara dhiya adu'uutiin qaccee lafa duwwa'aa san afoo mana dhaga'aan ijaarametu jira; naannofni yabbinna dhaaba mana sanii ciqilee shan; dalgi isaa ciqilee torbaatama; dheerinni isaa ammo ciqilee sagaltama.
13
Namichi sun mana woyyummaa hennaa bikku ciqilee dhibbaa akka ta'e arge; mana woyyuu duuba naannayee bakka duwwaa bira lufee ijaarsa manaa gara dhiya adu'uutiin haga dhumaa yoo bikku wolumatti qaba'atti ciqilee dhibba ta'e.
14
Dheerinni balbala mana woyyu'uu ka kolba gara baya biiftu'uutiin afoo jiru hulee duwwaa gara lamaaniin jirullee yoo bikku ciqilee diddama ta'e.
15
Hulee wol bira lufaniin ka gara lamaanii woliin dheerinni ijaarsa manaa ka kolba dhiya adu'uutiin jiru hennaa bikku ciqilee dhibbaa ta'e; hulee wol bira lufan ka mana woyyu'uu huleen woyyuunii fi huleen woyyittii woyyootaa ta gara keessaa
16
Isaan sadiinuu gara keessaa seenan ka naannaya ufiitii foddaawwan gara diidaa ka gaadaa qabu qaban; dhaabni manaa lafa irraa jalqabee haga fodda'aa mukaan ijaarame; cufanaan foddaawwaniillee mukumaan ijaaraman.
17
Akkasuma huleen gara balbala mana woyyu'uu ka gara keessaa ol seensisu mukumaan ijaarame; dhaabni kutaawwan gara keessaatiin jiranii muka bifa boca qabuun ijaaramaniiran.
18
Bifti waan muka sanitti uwwisanii mukkiin meexxi'iitii fi fakii Kiruubeelii fakkaata; naannaya kutaawwan sanniiniititti fakiiwwan muka meexxi'iitii fi fakiiwwan Kiruubeelii wol keessa diranii irratti kaasaniiran; Kiruubiin maruu fuula lama lama qaban.
19
Fuula ufii ka nama fakkaatu ka cinaa tokkootiin gara muka meexxi'ii laala; fuulli isaa ka cinaa kaanii ammo ka leenca darmii fakkaatu gara meexxi'ii laala; isaan naannaya mana woyyu'uu irratti kaafamaniiran.
20
Lafa irraa kaasee haga balbala gubba'aa dhaaba manniinii irratti bifa boca mukkiin meexxi'iitii fi ka Kiruubeelii kaasaniiran.
21
Qasatoowwan balbala mana woyyu'uu maruu roga arfan wol qixaa qaban.
22
Seensa mana woyyu'uu afoo hulee ciinca'aa ka muka irraa hojjatame fakkaatutu mudhata; isaan maruu roga wol qixxaayaa afur qaban; ronni maruu ciqilee lama lama; ol dheerinni isaa ciqilee sadihi; utubaawwan roga sanniin irkisu bu'uurrinii fi laddi isaanii maruu muka irraa hojjatame; namichi sun «kun xarapheessaa Rabbiin afo'otti argamu» naan jedhe.
23
Huleen woyyuunii fi huleen woyyittii woyyootaa balbala dachaa qaban.
24
Balballi maruu cufanaa lama lama qaba; kana jechuun balballi maruu cufanaa dhiiba'aa yookaan harkisa'aa gara lamaaniin banama jechu'u.
25
Hulee mana woyyu'uutii fi balbala dhaaba manaa irrattillee boca bifa meexxi'iitii fi fakii Kiruubeelii irratti kaasaniiran; kutaa balbala seensaa ka gara diidaatiin fakii golga bareeda mukaatitu hojjatameera.
26
Dhaaba kutaawwan balbala seensaa gara lachiinuu foddaawwan gara keessaa ol seene boca mukkiin meexxi'ii qaban.
← Chapter 40
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 42 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48