bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 46
Ezekiel 46
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 45
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 47 →
1
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Balballi gara baya biiftu'uutiin bayima itti bayan ka keessaa fidu guyyaa huji'ii jahanuu cufaa ta'uu isaan barbaachisa; guyyaa Sambataatii fi guyyaa jalqaba ji'aa ammo hin banama.
2
Ilmi mooti'ii kutaa seensaatiin gara bayima itti bayan ka keessaa seenee qasatoo balbala dallawaa bira dhaabata; gadoonni ammo ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa ka inni qopheesse dhiyeessan; ilmi mooti'ii hulema dhaabatan irra uduma jiru achumatti sagada; achiin maayessa hin baya; balballi dallawaa ammo haga halkanii hin cufamu.
3
Sambata maraa fi jalqaba ji'aa marattuu baniin maruu kolba balbala seensa baya biiftu'uu jirutti Rabbii haa sagadanii.
4
Ilmi mooti'ii guyyaa Sambataa maraa ciincaa ciincawuu fi ilmoolee hoola'aatii fi korbeeyyii hoola'aa ka mudaa woyiituu hin qabne jaha Rabbiif haa dhiyeessuu.
5
Korbeeyyii hoola'aa maraa woliin midhaan ganaa tokko haa fiduu; akkasuma ilmoolee hoola'aa woliin haga barbaade haa fiduu; ciincaa ganaa tokkoo ka dhiyaatu maraa woliin sayitii ejersaa liitirii sadihii haa fiduu.
6
Guyyaa jalqaba ayyaanaa marattuu jibicha tokko, ilmoolee hoolotaa jahaa fi korbeessa hoola'aa tokko ka mudaa hin qabne haa fiduu.
7
Korommii maraa fi korbeeyyii hoola'aa maraa woliin kennaa midhaanii ganaa tokko tokko haa fiduu; akkasuma kennaan ilmoolee hoola'aa maraa woliin dhiyaatu ilmi mooti'ii haguma ufii kennuu barbaade haa kennuu; daakuu ganaa tokkoo maraa woliin sayitiin ejersaa liitirii sadihii woliin haa dhiyaatuu.
8
Ilmi mooti'ii karama ol seene saniin haa bayuu.
9
Baniin guyyaa ayyaanaa kamuu hennaa Rabbii sagadu'uuf dhufan worri balbala dallawa gara kaabaatiin seenan balbala dallawa gara kibbaatiin haa bayanii; worri balbala dallawa gara kibbaatiin seenan balbala dallawa gara kaabaatiin haa bayanii; namni kamuu balbala seeneen hin bayin; ammo balbala biraa ka kolba balbala seeneetiin afoo jiruun bayuu isa barbaachisa.
10
Ilmi mooti'ii hennaa baniin seenu seenee hennaa isaan bayan haa bayuu.
11
Guyyaa ayyaannan gugurda'aa fi didiqqa'aallee kennaan midhaanii ka korommi'ii fi korbeeyyii hoola'aa maraa woliin dhiyaatu ganaa tokko haa ta'uu; namni Rabbii sagadu maruu ilmoo hoola'aa maraa woliin haguma ufii barbaade haa dhiyeessuu; kennaa ganaa tokkoo maraa woliin haa dhiyaatuu.
12
Ilmi mooti'ii tokko ka baallii qabu hennaa ciincaa ciincawuu fi ciincaa fayyumma'aa fedha ufiitiin Rabbii dhiyeessuu barbaade balballi gara baya biiftu'uutiin bayima itti bayan ka keessaa fidu haa banamuufii; kennaan inni dhiyeessullee akka kennaa Sambataa itti raawwataniititti haa raawwatamuu; inni haga bayee deemeen maayessa balballi haa cufamuu.»
13
Rabbi akkana jedha, «Ilmi mooti'ii ganama maraa ciincaa ciincawu ka Rabbiif dhiyaatu ilmoo hoola'aa ka mudaa hin qabne ka woggaa tokkoo qopheessuu isa barbaachisa.
14
Isa woliin ganama maraa uduu wol irraa hin kunne kennaa midhaanii kiiloo lamaa fi sayitii ejersaa liitira tokko ka daakuu misha'aan sukkuumu qopheessa; kun seera hennaa maraa ta'u.
15
Ilmoon hoola'aa, kennaa midhaaniitii fi ciincaan akkataa kanaan ganama ganama dhiyaata.»
16
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Ilmi mooti'ii ka baallii qabu gayee ufii qoodee ijoollee ufii keessaa nama tokkoo yoo kenne gayeen sun ka isaatii fi ka maatii isaa ta'a.
17
Ilmi mooti'ii ka baallii qabu ammo gayee ufii qoodee hojjattoota ufii keessaa nama tokkoo yoo kenne ayyaana Iyyoobeeliyyu'uu ka woggaa shantameesso'ootti naannayee dhufutti ilma mooti'ii sanii haa deebi'uu; lafti sun ka isaa waan ta'eef baraa haga bara baraa ka isaatii fi ka ijoollee isaa ta'uu barbaachisa.
18
Ilmi mooti'ii ka baallii qabu gayee bani'ii hunnaan fudhatuu isa hin barbaachisu; lafti inni ijoollee ufiitiif qoodee kennu lafuma isaaf qoodamee kenname callaa ta'uu barbaachisa; akkaataa kanaan gayee banii kiyyaa hunnaan fudhata'aa banii kiyya hin miidhin.»
19
Achiin maayessa namichi sun kolba balbala seensaatiin kutaawwan gadoota woyyuu maxxana gara kaabaatiin na fide; kutaawwan san keessa gara dhuma dhiya adu'uutiin hulee tokko arge.
20
Inni akkana naan jedhe, «Huleen kun kutaa worri gadootaa foon ciincaa dhiifamsa cubbu'uu itti affeelanii fi buddeena ciinca'aa itti godhan; akkaataa kanaan akka baniin hin miidhamneef ciincaa woyyoome maraa keessaa ciincaan tokkollee gara bayima itti bayanii hin bawu.»
21
Achiin maayessa namichi sun gara bayima itti bayan ka diidaa na fidee roga arfan irra na naannesse; ronni maruu bayima itti bayan tokko qaba.
22
Bayimni itti bayan didiqqaan roga arfan irra jiru maruu wol qixa; isaan maruu dheerinna ciqilee afurtamaatii fi dalga ciqilee soddomaa qaban.
23
Naannofni bayima itti bayan arfanuu gara keessatiin ijaarsa dhaga'aa gaggabaabaa qaban; ijaarsa dhaga'aa sanniin jala girgiraa ibiddaatitu jira.
24
Namichi sun, «Kunniin maruu kutaawwan tajaajiltoonni mana woyyu'uu ciincaa baniin dhiyeessuu itti bilcheessan.» naan jedhe.
← Chapter 45
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 47 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48