bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 11
Ezekiel 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 12 →
1
Hafuurri lafaa ol na kaasee gara balbala baya biiftu'uu ka mana Rabbii bira jiru bira na fide; achi balbala dallawaa biratti namoota diddamii shanii arge; isaan keessa namoonni banii bulchan Azaaniyaa ilma Azuuriitii fi Falaaxiyaa ilma Banaaya'aa fa'atu jira.
2
Rabbi akkana naan jedhe, «Ilma namaa! namoonni kunniin karoora badaa baafatan; qachattii tanatti waan hamaa mari'atan.
3
‹Hennaan deebinee manniin itti ijaarru fago'oo miti; qachattiin akka ottee foon itti affeelanii taatee nu garuu isii keessatti akka foon affeelamee taaneerra› jedhan.
4
Kanaafuu ati ilma namaa isaanitti raaga dubbadhu»
5
Kanaan maayessa Hafuurri Rabbii na irra bu'ee Rabbi akkana jedhii dubbadhu naan jedhe, «Isin banii Israa'elii! isin waan kana dubbattaniirtan; yaada keessan keessa waan jiru ani hin beeka.
6
Qachaa tana keessatti nama hedduu ajjeeftaniirtan; karaa isi'ii maraa reeffaan guuttaniirtan.
7
Kanaafuu wonti ani Rabbiin maraa olii isiniin jedhu kana, ‹foon ottee foon itti affeelan keessa jiru namoota isin ajjeeftan; qachattiin tun ottee foon itti affeelan; isin garuu qachattii keessa baqattan.
8
Isin woraana sodaattaniirtan; ani garuu woraana isinitti fida; ani Rabbi Gooftaan waan kana dubbadheera.
9
Ani qachattii keessaa isin baasee banii ormaatitti isin kennu'uun isinitti murteessa.
10
Kanaafuu daangama biyya teessaniititti woraanaan isin ajjeesan; ani daangama Israa'eliititti isinitti murteessa; hennaa san isin akka ani Rabbiin ta'e beettan.
11
Qachaan tun ottee foon itti affeelan isinitti hin taatu; isinillee isii keessatti akka foonii hin taatan; ani daangaa Israa'elii irratti isinitti murteessa.
12
Isin seeraa fi ajaja kiyya diiddanii seeraa fi ajaja banii ollaa keessan jiruu waan raawwataniif ka isinitti murteesse akka ana Rabbiin ta'e beettan.»
13
Hennaa ani raaga dubbadhu Falaaxiyaan ilmi Banaya'aa kufee du'e; anillee kallachaan lafatti gad kufee iyya'aa, «Rabbii maraa olii! banii Israa'eliin keessatti hafe maraa fixuu barbaaddaa?» jedhe.
14
Rabbi akkana naan jedhe,
15
«Ilma namaa! worri Yerusaalemiin keessa jiraatan waan fira keetii, waan worra kee ka baqateetii fi waan banii Israa'elii maraatiif hin mari'ata'aaran ‹isaan waan Rabbiin irraa fagaataniif Rabbi lafa isaanii dabarsee nuu kenneera› jedhan»
16
Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Yoma ani akka isaan biyya fagoo dhaqanii achi keessa jiraataniif banii hedduu keessa isaan bittinneessellee Ani hennaa hago'oof mana woyyuu isaan itti wol gayan isaanii ta'a.
17
Kanaafuu waan ani Rabbi isaaniin jedhu maraa isaanitti himi; ani banii isin keessa jiraattanii fi biyya isin itti bittinnooftan keessaallee wolitti isin qaba; biyya Israa'eliillee deebisee isinii kenna.
18
Isaan hennaa deebi'an waaqolee tolfamaa battii nama jibbisiisu yoo argan uf afo'oo balleessan.
19
Onnee tokko isaanii kenna; Hafuura haarawa isaan keessa kaaya; onnee akka dhaga'aa jabaatte isaan keessaa baasee onnee akka foonii laaftu isaanii kenna.
20
Hennaa san isaan seera kiyya raawwatan; ajaja kiyya maraa hin kabajjan; isaan banii kiyya ta'an; anillee Waaqa isaanii ta'a.
21
Worra onnee ufiitiin waaqolee tolfamaa battii nama jibbisiisu hordofan garuu akkuma hujii isaaniitiin isaanii kenna» jedha; ka waan kana dubbate Rabbii maraa oliiti.
22
Hennaa san Kiruubeelonni koola ufii badhisanii bararuu jalqaban; miilli akka miila korbo'oo isaan ladda jira; ulfinni Waaqa Israa'elii ka calanqisu isaan irra jira.
23
Ulfinni Rabbii ka calanqisu qachattii keessaa ka'ee gaara gara qachattiin gara baya biiftu'uu jiru irra dhaabate.
24
Hafuurri ol na kaase; mudhata Hafuura Rabbiitiin kennameen gara worra baqatan ka Baabilooniin keessa jiruu na fide; achiin maayessa mudhanni ani arge ka'ee na irraa deeme.
25
Anillee waan Rabbi natti mudhise maraa worra baqate sanniinitti hime.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48