bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 27
Ezekiel 27
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 28 →
1
Rabbi akkana naan jedhe,
2
Ati ilma namaa! waan Xiroosiitiif faaruu gaddaa baasi;
3
Amma qachaa Xiroosii ta daangaa seensa galaanaa jirtu, ta daldaltoonni qachaa gara garaatii dhufanii itti wol gayaniin Rabbiin maraa olii akkana jedha jedhii isi'itti himi; ‹Xiroos! ati sirimaa ani bareeddu'u ufiin jetteerta.
4
Huleen jiraattu galaana keessa; worri si ijaare akka markaba bareeduutitti si ijaaran.
5
Cufanaan kee hindheessa gaara Heermoonii irratti argamuun hojjatame; utubaawwan kee muka Libaanosiitiin hojjatame.
6
Kabalaan kee ka bisaaniin dhayatan qilxuu Baasaaniin keessaa argameen hojjatame; manni kee keessi muka hindheessaa ka biyya Qophiroosiitii argameen hojjatame naannaya isaa ilkaan arbaa itti maxxansan.
7
Daasee markaba keetii akka yoo laalan fago'oo mudhatu uffata biyya Misirii ka faaya adda addaatiin hojjatameen midhaaffame; golgi kee carqii diimaa dhiilge'ee fi bulee guddisee bareedu ka lafa bisaaniin marfamte ka biyya Qophiroosiitii argameen hojjatame.
8
Worri akka kabala'aatitti siin dhayatan worra qachaa Arwaadiitii fi qachaa Siidoonaa keessaa dhufan; Xiroos! ogeeyyiin kee bulchoota markaba keetiiti.
9
Worri waan si jalaa diiggame ijaaru ogeeyyiin biyya Geebaariititti leenji'an si keessa jiran; worri markaba oofan markaba keetiin dhufa'aa daangaa keetitti si irraa waa bita'aa gurguratan.›
10
«Loltoonni biyya Faaresii, Liidiya'aatii fi biyya Liibiya'aatii dhufan loltootuma kee woliin si tajaajilan; wonte'ee fi meeshaa lolaa ka mata'atti godhatan qe'ee kee ka lolaatitti fannisaniiran; isaan namoota akka ati ulfinna argattu godhan.
11
Loltoonni biyya Arwaadiitii dhufan worra dallawa dhaga'aa kee eegan; namoonni biyya Gaamaadiitii dhufan kusheewwan kee eegan; isaan wontee ufii dallawa dhaga'aa kee irratti fannisan; worri akka ati bareeddu godhan isaan.
12
«Ati waan guddiftee duroomteef daldaltoota worra Tersesii woliin mi'a kee wol jijjiira'aa isii irraa meetii, sibiila, qorqoorro'oo fi cilee dhaga'aa argata'aa turte.
13
Ati worra Giriikii, worra Tuubaaliitii fi worra meeshaa kee ka sibiila diimaa irraa hojjatame fuutee bikka meeshaa sanniinii mi'a kee isaanii kenna'aa turte.
14
Beetitoogaari'ii faradoo woraanaatii fi gaangiin kee fuutee mi'a kee isaanii kenna'aa turte.
15
Ati namoota biyya Roodii woliin daldala'aa turte; baniin biyya galaanaa ladda jiran meeshaa kee si irraa fudhatanii bikka san ilkaan Arbaatii fi muka jabaa Zoophii jedhamu sii fida'aa turan.
16
Baniin biyya Sooriya'aa meeshaa kee ka daldalaatii fi meeshaa kee ka biraallee heddu si irraa bita'aa turan; bikka meeshaa si irraa fudhatanii Baluurii, uffata diimaa dhiilge'ee fi uffata faaya gara garaatiin midhaassan, jirbii qadhaa, faaya gara garaa ka Elellaaniin hojjatamee fi mi'a diimaa gatii gudda'aa sii kenna'aa turan.
17
Daldaltoonni biyya Yihuuda'aatii fi biyya Israa'elii gatii meeshaa keetiitii fi qamadii, misingaa, damma, dhadhaa ejersaatii fi urgooftuu gara garaa ka biyya Misirii sii kaffala'aa turan.
18
Baniin biyya Damaasqo'oo waan meeshaa keetiitiifillee daadhii woyini'ii ka biyya Helboonii fuudhanii fi rifeensa hoola'aa ka biyya Saahooriitii fuudhan sii kenna'aa turan.
19
Worri Daana'aatii fi Giriikii ka biyya Uuzaalii keessa jiraatan worri Amooniillee meeshaa kee si irraa bitu'uuf siin wolii galan; isaan waan meeshaa keetiin jijjiiratan sibiila bassanii hojjatan urgooftuu gara garaatii fi hixichoo sii fida'aa turan.
20
Baniin biyya Daadaanii waan meeshaa keetiin jijjiiratan gilaasii fardaa sii fidan.
21
Baniin biyya Arabaatii fi bulchoonni biyya Qeedaarii waan meeshaa keetiin jijjiiratan ilmoolee re'iinii, hoolotaa fi re'iin sii fida'aa turan.
22
Daldaltoonni biyya Saaba'aatii fi ka biyya Raama'aa waan meeshaa keetiin jijjiiratan dhagaa gatii gudda'aa, worqi'ii fi urgooftuu gara garaa mimmishaa sii fida'aa turan.
23
Baniin biyya Kaaraanii, Kaaneehiitii fi worri qachoota Eedaanii keessa jiraatan, daldaltoonni biyya Saaba'aa, worri qachaa Ashuuriitii fi qachaa Kilmaadii keessa jiraatan maruu si woliin daldala'aa turan.
24
Isaan uffata babbareedaa, carqii diimaa dhiilge'ee fi uffata harkaan midhaassan, waan babbareedaa lafatti afatan, haada sirri'itti dhayanii fi sibaagoo sirri'itti dhaddoo dhayanii sitti gurgura'aa turan.
25
Markaboonni worra Tarseesii meeshaa kee sii fe'a'aa si gargaaran. «Ati galaana biratti meeshaa gara garaa heddu qabda.
26
Worri bisaan dhayatu galaana xiillaa jidduu si fidan; bubbeen baya biiftu'uu jabaan si rakkisee galaana keessatti si caccabse.
27
Qabeenni kee ka meeshaa daldalaatiin argatte, worri markaba kee oofan, daldaltoonni teetii fi worri markaba kee midhaassan loltoonni markaba kee keessa jiran maruu hennaa markaboonni kee caccaban isaan maruu galaana xiillaa keessatti liqimfaman.
28
Iyyansi isaan hennaa markaboonni isaanii liqimfaman dhageessisan banii galaana bira jiru hollachiise.
29
Hennaa san worri markaboota biraa oofan, worri worra markabaa biraa oofan ajajan maruu yaa'anii qarqara galaanaa dhaabatan.
30
Isaan maruu biyyee ufitti firfirsanii daaraa irratti gangalata'aa laagaa ufii ol qabatanii mararamanii sii booyan.
31
Guddisanii sii gaddanii mataa ufii haadatanii uffata gaddaa uffatan; guddisanii onnee ufiitiin gaddanii mararamanii sii booyan.
32
Gadda keessa maqaa kee waama'aa sii booyan; waan keetiif akkana jedha'aa faarfata'aa booyan; ta akka Xiroosii galaana keessatti baddee hafte eennu?
33
Meeshaan kee biyya gara garaa keessa yoo faca'u fedha biyya sanniinii maraa guuta'aa ture; meesha'aa fi qabeenna kee ka si irraa hafeen mootota biyya lafaa maraa duroomsiteerta.
34
Amma garuu ati galaana xiillaa keessatti caccabdee hafteerta; meeshaan keetii fi namoonni sii hojjatan maruu sima woliin badan.
35
«Worri daangaa galaanaa jiran maruu sababaa wonti hamaan si irra gayeef guddisanii nayaniiran; mootonni isaaniillee uduu hin hafne raafamaniiran; fuula nama maraa irraa soda'atu mudhata.
36
Daldaltoonni banii maraa sitti baldan; dhumti kee guddisee nama naasisa; ati baraa haga bara baraa hin mudhattu.»
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 28 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48