bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 36
Ezekiel 36
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 35
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 37 →
1
Rabbi akkana jedhe, «Ati ilma namaa! gaarran Israa'eliititti raaga dubbadhu; waan ani Rabbi Gooftaan keessan waan ani isaaniin jedhu akka caqasan isaanitti himi.
2
Rabbiin maraa olii akkana jedha, diintonni Israa'elii ‹ammallee gaarran durii keenna ta'eera!› jedha'aa uf jajuu jalqabaniiran.
3
Kanaafuu Rabbiin maraa olii gaarran Israa'eliititti akkana jedhii raaga dubbadhu naan jedhe; «Baniin biyya ormaa biyya keessan karaa maraanuu waan diiganii fi dhugamaan gammoojjii waan taasisaniif biyyi teessan qabeenna banii biraa taate; isinillee worra namoonni itti kolfuu fi itti baldu taatan.
4
Kanaafuu isin gaarran Israa'elii dubbii Rabbii maraa olii dhagayaa'a; Rabbiin maraa olii gaarranii fi tullootaan, bisaan yaa'uu fi dhooqa maraan, banii lafa gammoojji'iitii fi lafa onaa keessa jiraatan ka baqatan maraan, qachoota gayee isaanii ta itti baldan banii naannaya san jiran maraafuu burqaa saamichaa taateen Rabbiin maraa olii akkana jedha,
5
«Ani hinaaffaa kiyya gudda'aan banii maraa fi biyya Eedoomii marattuu dubbadhaa; isaan gammachuu gudda'aa fi guddisanii tuffatanii lafa tiyya dhaalanii ta ufii godhatan» jedha Rabbiin maraa olii.
6
Ati biyya Israa'eliititti raaga dubbadhu; bani'iinillee akkana jedhi; «Rabbiin maraa olii sababaa baniin gaarran, tulloota, bisaan keessan ka yaa'uu fi dhooqa keessan maraa irrattuu salphinna keessanii fi ani Rabbiin maraa olii lola kiyya gudda'aa fi hinaaffa'aan ka'eera.
7
Biyyi ollaa keessanii ka naannoo keessan jiran maruu akka salphatan ani Rabbiin maraa olii hin kakadha.
8
Wonti ani isin banii kiyya Israa'eliin jedhu kana; mukkiin gaarran Israa'elii jiran maruu deebi'anii lalisanii daraaraa isinii kennan; isinillee daddaftanii gara biyya keessanii deebitan.
9
Ani waan isin woliin jiruuf isinii araarama; lafti teessan qotamtee midhaan itti facaafama.
10
Isin baay'essa; qachoota armaan dura diiggaman maraa ijaarattanii keessa jiraattan.
11
Baniinii fi busaayan akka horanii baay'atan godha; ijoollee hedduu hortanii baay'attan; achitti akka armaan dura jiraata'aa turtan sanitti jiraattan; ta durii caalaa isin duroomsa; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beettan.
12
Isin banii kiyya Israa'elii! deebitanii akka lafattii irra jiraattaniif isin fida; lafti teessan taati; lammata ta namni irra hin jiraanne hin taatu.
13
Wonti ani Rabbiin maraa olii jedhu kana; baniin lafa tanaan ta nama nyaattu jedha'aa ka waamanii fi banii isi'iitiinillee ta ijoollee hin qabne taasifteerti ka jedhu dhuga'a.
14
Ammaa achi lafattiin ta nama nyaattu hin taatu; ijoollee teessanillee isin irraa hin fudhattu; ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheera.
15
Lafti ammaa achi ta baniin itti baldu hin taatu; tuffi'iinillee isii hin laalan; ka lammata deebi'ee lafatti akka namni irra hin jiraanne taasisu hin jiru; ana Rabbii Goofta'atu waan kana dubbate» jedhe.
16
Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
17
«Ati ilma namaa! baniin Israa'elii hennaa biyya tana keessa jiraatan jireenna isaanii duwwa'aa fi hujii isaanii badaa maraanuu biyyattii tana batteessanii turan; jireenni isaan afoo kiyyatti jiraatan akka dubartii garaa argitee akka batti'iititti laallamtuuti.
18
Waan isaan biyyattii irratti ajjeecha'aa fi waaqolee tolfamaa waaqeffata'aa batteessaniif ani guddisee isaaniin lola.
19
Jireenni isaaniitii fi hujiin isaanii maruu waan badaa ta'eef ani isaanitti murteesse; akka isaan biyyoota ormaatitti bittinnaayan isaan taasise.
20
Kunniin yoma banii Rabbiillee ta'an lafa inni isaanii kenne keessaa bayaniiran jedha'aa baniin isaan keessa bittinnaayan waan isaanii waan dubbataniif baniin kiyya maqaa kiyya woyyuu arrabsisiiseera.
21
Garuu baniin Israa'elii banii isaan itti dhaqanii keessa jiraatan keessatti maqaa kiyya woyyuu waan arrabsiisaniif na yaachisa.
22
Eeganaa waan ani Rabbiin maraa olii waan isaaniitiif siin jedhu maraa isaanitti himi; wonti ani ammaa achi isinii godhu waan maqaa kiyya woyyuu isin hulee dhaxxanitti arrabsisiiftan saniif malee isiniif jedheetii miti.
23
Maqaa kiyya ka isin banii keessatti arrabsisiiftan waan woyyummaa guddinna maqaa kiyyaa hin mudhisa; achiin maayessa hennaa ani karaa keessaniin woyyummaa kiyya isaanitti mudhisu baniin akka ani Rabbiin ta'e beekan.
24
Mootummootaa fi biyyoota maraa keessaa yaasee wolitti isin qabee gara biyya teessanii isin fida.
25
Bisaan qulqulluu isinitti facaasee battummaa keessanii fi waaqolee tolfamaa keessan irraa akka qulqullooftan isin taasisa.
26
Onnee haarawa isinii kenna; Hafuura haarawa isin keessa kaaya; onnee akka dhaga'aa jabaattu isin keessaa baasee onnee akka foonii laaftu isinii kenna.
27
Hafuura kiyya isin keessa bulcha; akka isin seeraa fi ajaja isinii kenne maraa seeraan eeddanii raawwachuu dandeettan isin taasisa.
28
Achiin maayessa isin lafa abboota teessan ta duriitii kenne irra jiraattan; isin banii kiyya taatan; ani Waaqa keessan ta'a.
29
Ani waan battii maraa irraa isin fayyisa; ammaa achi isin akka hin beelofne akka midhaan isinii baay'atu ajaja.
30
Ani akka daraaraan mukaatii fi ka maasaa keessanii baay'atu godha; achiin maayessa beelli orma maraa salphisu isin irra hin gayu.
31
Isin amala keessan bada'aa fi hujii hamaa hojjata'aa turtan maraa hin qaabattan; hujii battii armaan dura hojjata'aa turtan maraafuu uf jibbitan.
32
Wonti ani godhu maruu isiniif jedhee akka hin goone isin biratti haa beekkamuu; kanaafuu isin banii Israa'elii! jireenni jiraattan isin haa saalfachiisuu, salphinni salphattan isinitti haa dhagayamuu jedhee natti dubbate; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti.
33
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Hennaa ani cubbuu keessan maraa irraa isin qulqulleesse qachoota diiggaman deebiftanii ijaarattanii akka keessa jiraattan isin taasisa.
34
Namoonni karaa maasaa keessaniitiin lufan maruu lafti akka lafa gammoojji'iititti laallamtu hin qotamti.
35
Ka isii laalu maruu ‹lafti lafa gammoojji'ii tun attamitti jeennata Eedanii fakkaate! qachoota armaan dura onaa fi ta waan diiggame itti tuulan attamitti ka baniin irra jiraatuu fi ka kushee itti ijaaratan ta'uu danda'an?› jedhan.
36
Hennaa san baniin badii jalaa bayan ka biyya ollaa keessanii maruu qachoota diiggaman ka deebisee ijaaree fi hulee ona ta'an maraa ka akka lalisu taasise ana Rabbiin akka ta'e beekan; Ani Rabbi waan kana maraa akka raawwadhu dubbadheera; hin raawwadhalle'e» jedha.
37
Rabbiin maraa olii akkana jedha «Worri Israa'elii deebi'anii hennaa tokko akka na kadhatan godha; laakkobsa isaanii akka tika hoolotaatitti baay'isa.
38
Akkuma armaan dura Yerusaalem hoolota guyyaa ayyaanaa ciinca'aaf dhiyaataniin guuttamtutti qachoonni diiggaman bani'iin guuttaman; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beekan.»
← Chapter 35
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 37 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48