bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Ezekiel 31
Ezekiel 31
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 30
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 32 →
1
Baqannee woggaa kudha tokkeesso'oo jiini sadeesso'oo seenee guyyaa jalqabaatitti Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
2
«Ati ilma namaa! mootii biyya Misiriitii fi banii heddu saniin akkana jedhii itti himi; ‹ati guddinnaan eennuun wol fakkaatta?
3
Ati akka haafa babbareedaa gaaddisa qabuutii fi akka birbirsa Libaanosii ka dheerinni isaa duumessa bira gawuuti.
4
Achi bisaan gayaa muka san guddisutu jira; bisaan lafa jala jiru muka guddisa; bisaan yaa'u mukkiin raasaa jiru jala yaa'a.
5
Munni kun guddisee waan bisaan argateef hojja'aan mukkiin kaawwan maraa caale; dameewwan isaallee fufurda'aa fi dhedheeraa ta'an.
6
Simbirran maruu dameewwan sanniin irratti maandhee ijaartan; busaayaan lafa irraa ilmoolee ufii gaaddisa isaa jalatti dhalan; baniin gugurdaan maruu gaaddisa san jalatti hara baafaa'aa turan.
7
Munni sun hidda ufii gara bisaanii waan gad fageeffateef dameen isaa guddisee guddatee babadhatee bareede.
8
Munni Libaanosii ka jeennata Rabbii keessa jiru isatti hin bikkamu; hindheessi damee isaa hin gayu; dameen dhaddachaa damee isaatiin yoo wolitti bikkan waan diqqoo woyiiti; mukkiin jeennata Rabbii keessa jiran keessaa ka akka isaa bareedu tokkollee hin jiru.
9
Ani dameewwan babadha'aan isa bareechise; inni muka ani Rabbi jeennata Eedenii keessatti dhaabe caalee maraa hinaafsise.
10
Munni kun guddatee haga duumessa bira gaye muka boonee uf jaje kana ani Rabbiin maraa olii akkana godha.
11
Ani baasee isa gata; bulchoota bani'iititti dabarsee isa kenna; inni haguma hammeenna isaatiin badii isa irratti raawwata.
12
Banii keessaa worri garaa jabaatan muka san muranii gatan; luxuun isaa gaarranii fi dhooqa keessatti kufan; dameewwan isaa caccabanii bisaan yaa'u irra ciisan; baniin gaaddisa isaa jalatti wol gayan maruu isa dhiisanii deeman.
13
Simbirran dhufanii gudeelcha san irra taa'an; dameen isaa hulee busaayaan itti hara baafatu ta'a.
14
Inni haguma fedhellee bisaan dhuga'aa yoo guddate munni akkaataa kanaan hojjaan isaa haga duumessaa gaye ammaa achi sirima hin jiraatu; murtiin du'aa ka worra du'an irra gawu isaan irrallee hin gaya; du'anii worra du'etti eda'aman.»
15
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Hennaa munni sun muramee worra du'anitti eda'amu bisaan lafa jalaa san cufee namoonni hedduu uduu booyaniif isa irra gara gala; lanni hedduu akka adda citan godha; bisaan gugurdaan yaa'u akka dhaabatu godha; sababaa kanaaf waan gaarran Libaanosii dukkanaan golgu fida; kanaaf mukkiin lafa raasa'aa jiran maruu hin quuran.
16
Ani muka san hennaa akka inni du'ee ka du'an kaawwanitti eda'amu godhu laagaan kufa isaa banii maraa hollachiisa; mukkiin jeennata keessaa ka worra du'e kaawwanitti eda'amanii fi mukkiin Libaanosii mimmishaan bisaan dhuga'aa guddatan maruu inni du'ee waan worra du'anitti eda'ameef hin gammadan.
17
Worri gaaddisa isaa jala turanii fi worri banii keessaa isa gargaara'aa turan du'anii worra guraadeen dhumanii awwaalamanitti gad bu'an.
18
Munni fakkeenna mootii biyya Misiriitii fi banii maraati; mukkiin jeennata keessa jiran keessaa ka hojja'aan bareedaan isa gawu hin jiru; amma ammo akka mukkiin jeennata keessaa ka worra du'anitti eda'amanii innillee du'ee worra du'anitti eda'ama» Rabbiin maraa olii waan kana dubbateera.
← Chapter 30
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 32 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48