bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 1
Exodus 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 2 →
1
Maqaan ijoollee Yaaqoobii ka Israa'el jedhamanii waamamanii ka Yaaqoobiin woliin gara biyya Misirii galanii kanniin.
2
Roobeel, Simoon, Leewwii, Yihuudaa,
3
Yisaakoor, Zaabiloon, Biiniyaam,
4
Daan, Niftaaleem, Gaadii fi Aseer.
5
Horteen maatii Yaaqoobii wolitti qaba'atti namoota torbaatama; Yooseef durumaa biyya Misirii keessa jiraata ture.
6
Yooseef haga du'e ilmaan haadhaa ta isaatii fi horteen isaa maruu,
7
ijoolleen Israa'eelii horanii baay'atanii guddisanii badhatanii lafa guutanii jajjaboota ta'an.
8
Kanniin maraan maayessa biyya Misirii keessatti mootiin Yooseefiin hin beenne mooye.
9
Inni, «Baniin Israa'elii kun nu caalaa horanii baay'atanii jabaataniiran,
10
Kanaafuu yoo diinni keenna nutti ka'e isaanillee isaan gargaaranii nu woraananii akka biyyaa hin baqanne koottaa mala isaanitti haa dhoofnuu» jedhe.
11
Kanaan maayessa akka hujii gudda'aan worra Israa'elii miidhan worra garaa jabaatan ka isaan hojjachiisan isaan irratti muudanii qachaa Raamse'ee fi Fiitoomiin Fari'oonii ijaarsisiisan.
12
Garuu worri Israa'elii haguma isaan isaan rakkisaniin ta qaraa caalaa baay'atanii lafa guutanii jabaatan; kanaaf worri Misirii guddisanii isaan sodaatan.
13
Worri Misirii ijoollee Israa'elii rakkisa'aa bulchan.
14
Hujii jajjaba'aan dhoqqee dhiichisuu, faara dhoofsisuu, qonna qochisiisuu maraan hujii isaan rakkisuun jireenni isaanii akka isaanitti hadhaawu godha'aa turan.
15
Kanaan maayessa mootiin biyya Misirii deessiftuu worra Ibrootaa Siphaara'aa fi Fuwa'aan,
16
«Isin hennaa dubartiin Ibrootaa dawuu geette hennaa deessiftan, yoo dhiira ta'e ajjeesaa'a; yoo intala taate ammo haa jiraattuu itti dhiisaa'a» isaaniin jedhe.
17
Worri deessisu ammo Rabbiin sodaatanii akka mootiin biyya Misirii isaan ajaje hin goone; daa'imman dhiiraa hin ajjeefne.
18
Mootiin biyya Misirii dubartoota deessiftu sanniin ufitti waamee, «Maaf akkana gootan? Daa'imman dhiiraa maaf dhiiftan?» jedhee isaan gaafate.
19
Deessiftoonni ammo Fari'ooniin, «Dubartoonni Ibrootaa akka dubartoota biyya Misiriitii miti; isaan jajjabdoota; uduu worri deessisu isaan bira hin geenne waan ufumaan dayaniif» jedhaniin.
20
Rabbi worra deessisuuf waan mishaa godhe; baniinillee baay'atee guddisee jabaate.
21
Worri deessisan waan Rabbiin sodaataniif Rabbi mara isaaniitiifuu maatii kenne.
22
Kanaan maayessa Fari'oon, «Dhiira dhalate maraa lagatti gataa'a, intala dhalatte maraa ammo hin ajjeesinaa'a» jedhee banii maraa ajaja cima'aan seere.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40