bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 23
Exodus 23
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 24 →
1
«Oduu sobaa hin odeessin; akka sobaa si hin taasifne nama soba raguun hin shariikin;
2
hamaa hojjachu'uuf namoota hamaa hojjatan faanaa hin deemin; murtii dabsu'uuf namoota baay'e'een wolii galtee soba hin ragin.
3
Yoo hiyyeessi murtii afo'otti dhiyaate, hiyyummaa isaa laaltee murtii hin dabsin.
4
«Sangaan yookaan harreen diina keetii ka bade yoo argite deebisiif.
5
Nama si jibbu jalaa harreen fe'aa jissee yoo argite bira hin lufinii gargaarii fe'i.
6
«Hiyyeessa falmatu jalaa murtii hin dabsin.
7
Waan soba ta'e irraa fagaadhu; nama qulqulluu hin ajjeesin; ani nama akkasii san cubbuu irraa waan hin qulqulleessineef;
8
gabbarsuu hin nyaatin; waan worra murtii qajeelaa murteessan akka hin murteessine taasisuuf; qulqulloonnillee akka dubbii dabsan godha.
9
«Nama isinitti baqate irratti daba hin hujinaa'a; isin hennaa biyya Misiriititti baqattoota taatanii teettan namni baqate maal akka ta'e waan beettaniif.
10
Woggaa jahaa lafa tee qotii facaasii midhaan galfadhu;
11
Woggaa torbeesso'oo ammo lafa bulchi; waan lafa san irratti marge maraa akka hiyyeeyyiin biyya keetii irraa nyaatan, waan hafe busaawaan raasa'aa haa nyaatuu; woyiniinii fi munni ejersaallee akkasuma haa ta'uu.
12
«Guyyaa jahaa hujii kee hojjadhu; guyyaa torbeesso'oo garuu Sambata waan ta'eef sangaan kee, harriin kee, garbichi keetii fi ilmi garbicha kee ka sitti galeellee hara haa baafatuu.
13
«Waan ani isiniin jedhe maraa eegaa'a; maqaa waaqolee kaawwanii hin waaminaa'a; afaan keessan irraallee hin dhagayamin.
14
«Woggaa keessa hennaa sadihii ayyaana naa gootan.
15
Ayyaana xorosho'oo ayyaanteeffadhu; waan ji'a Abiibii biyya Misirii keessaa baataniif akkuma si ajaje ji'a kana keessa guyyaa torbaa waan raacitii hin qabne nyaatta; harka duwwaallee na afoo hin dhufinaa'a.
16
Waan maasaa keetitti facaaftu keessaa hangafa ayyaanni haama'aa uduu hin lufne ayyaana hennaa midhaan galchanii ayyanteffadhaa'a;
17
woggaa keessatti harka sadihii dhiirti mana keetii maruu, Rabbii Gooftaa afo'otti haa mudhatuu.
18
«Dhiiga ciincaa naa dhiyeessitu keessa waan raacitii qabu woliin naa hin dhiyeessin; coomni ayyaana kiyyaaf dhiyaatu haga bari'uuf akka hin turre.
19
«Daraaraa lafa kee irratti facaaftee marge keessaa hangafa filatamaa gara mana Rabbii Waaqa keetii fidi; ilmoo hoola'aa ka re'e'ee aannan haadhaatiin hin affeelin.
20
«Ani maleekkaa karaa irratti si eegu, gara hulee ani itti si galchullee akka si geessu sii erga.
21
waan inni siin jedhu dhagayii ajajamiif; waan maqaan kiyya isa irra jiruuf yoo isin cubbuu hojjattan waan isinii hin dhiifneef uf eeggadhaa'a.
22
Ati ammo yoo jecha isaa dhageette, waan ani siin jedhe maraa yoo goote, diintota tee hin jibba; worra si dhiphisan hin dhiphisa.
23
Maleekkaan kiyyallee waan si afoo deemuuf gara biyya Amoorootaa, Keexotaa, Ferzotaa, Kana'aanotaa, Ewiyaanotaatii fi gara Iyyaabusootaa si geessa; anillee isaan balleessa.
24
waaqolee isaaniitii hin sagadin; hin waaqeffatinille'e; waan isaan hojjatan hin hojjatin; sirimaa isaan diigi; soodduu isaaniillee caccabsi.
25
Rabbii Waaqa keessan hin waaqeffattan; inni nyaataa fi dhuddoo keessan hin eebbisa; dhibeellee isin jiddu'uu balleessa.
26
Lafa tee keessatti ta quuqamtu yookaan dubartiin dhabduun hin jiraattu; umurii dheeraallee sii kenna.
27
«Sodaa kiyya afoo kee kaaya; banii itti dhaxxu maraa hin sodaachisa; diintonni kee martinuu dudda galanii akka dheessan godha.
28
Qarxaasaa nama iddu ergee Eewwota, Kana'anotaa fi Keexota si afo'oo ariisisa.
29
lafti akka duwwaa hin taane busaawaan lafa irraallee akka sitti hin baay'anne, haga woggaa tokko afoo keetii hin ari'u;
30
garuu haga bay'attee Ardii dhaaltutti hago hago'oon ari'a;
31
daangaa kee galaana diimaa irraa haga galaana Filisxeemii, lafa gammoojji'iitii haga laga Efraaxisii godha; worra biyya san keessa jiraatan maraa harka kee jala galcha; atillee isaan ariita.
32
Isaanii fi waaqolee isaanii woliin waadaa hin galin;
33
waaqolee isaanii yoo waaqeffatte siiboo sitti ta'anii akka na yakkitu akka si hin taasifne biyya kee keessa akka hin teenne.»
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40