bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 21
Exodus 21
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 22 →
1
«Seerri ati dura afoo isaaniititti gootu kana;
2
garbicha Ibrootaa yoo bitte, inni woggaa jahaa sii haa hojjatuu; woggaa torbeesso'ootitti gatii tokko malee akkanumaan bilisa isa baafta;
3
Yoo hojja ufii dhufee jiraate hojjuma ufii haa bawuu; yoo haadha manaa ufii woliin dhufee jiraate haati manaallee isuma woliin haa baatuu.
4
Yoo gooftaan isaa haadha manaa itti fuudhee jiraate, isiin yoo ijoollee dhiiraatii fi ta intalaa deetteef, haati manaa isaatii fi ijoolleen isaa gooftaa isaatiif haa hafanii; inni ammo hojjuma ufii bilisa haa bawuu.
5
Yoo garbichi sun haadha manaa tiyyaa fi ijoollee tiyya hin jaaladha, ani bilisa hin bawu jedhe, gooftaan isaa sun gara worra murteessanii fidee,
6
gara qasatoo balbalaa fidee muta'aan gurra isaa haa woraanuu; baraa haga bara baraa garbicha isaa haa ta'uu.
7
«Namni yoo intala ufii garbumma'aaf kenne, akka garboota kaawwanii isiin bilisa hin bayin;
8
gooftaan isii bitate sun yoo isiin isa gammachiisuu baatte, baniin isii haa furuu malee inni isii nama biraatitti hin gurgurin;
9
Yoo isii mucaa ufiititti fuudhuu barbaade, seera ijoollee intalaatiif ta'u maraa haa godhuufii.
10
Mucaa ufiititti yoo intala biraa fuudhuu barbaade akkuma haadha manaa ta isaa ta duraatitti isi'iifillee nyaata, uffata, waan isiin irra bultu maraa isii jalaa hin hanqisin.
11
Waan sadiin kanniin yoo godhu'uufii baate, horii malee akkanumaan isa biraa haa baatuu.
12
Namni yoo nama dhayee namni harkatti du'e, innillee haa ajjeefamuu.
13
Yoo beekka'aan hin ajjeefne, tasa Rabbi harka isaa keessatti yoo daneesse ani hulee inni itti dhokatu hin qopheessaaf;
14
garuu namni tokko yoo beekka'aan goshoo ufii ajjeese, uf oolchu'uuf jedhee gara hulee ciinca'aa seene, du'aan haa adabamuu.
15
«Ka abbaa yookaan haadha ufii dhaye sirima haa ajjeefamuu.
16
«Namni nama garbumma'aaf yookaan gurgurachu'uuf ukkaamsee yoo hate du'aan haa adabamuu.
17
Ka abbaa yookaan haadha ufii arrabsu sirima haa du'uu.
18
Namoonni lamaa wol lolanii tokko dhaga'aan yookaan tontoommo'oon madeessee garuu yoo du'uu baatee dhibamee siree irra yoo ciise;
19
achii oli ka'ee bordifatee yoo raasaa baye, ka isa dhaye sun bilisa ta'a; garuu waan hujii isa hiissiseef, gumaata haa kaffaluufii; haga inni fayyuuf isa haa badaduu.
20
«Namni tokko garbicha ufii yookaan garbittii ufii ule'een dhayee yoo harkatti duute haa adabamuu.
21
Ka dhayame guyyaa tokko yookaan guyyaa lamaa yoo ture, qabeenna isaa waan ta'eef hin adabamu.
22
«Namni lamaa yoo wol lole, yoo dubartii ulfaa haga quuqamtutti darbe, garuu yoo miidhamuu baatte waan abbaan worraa isi'ii jedhe maraa haa kennuu; akkuma jaarsonni isatti murteessanitti haa kaffaluu.
23
Miidhaan biraa yoo irra gaye, lubbuu lubbu'uun,
24
ija ijaan, ilkaan ilkaaniin, harka harkaan, luka lukaan,
25
gubaa guba'aan, madaa mada'aan, tumaa tuma'aan haa kaffaluu.
26
«Namni ija garbicha ufii yookaan garbittii ufii dhayee balleesse waan gatii ija isaaniitiif bilisumma'aan gad haa dhiisuu.
27
Namni ilkaan garbicha ufii yookaan garbittii ufii dhayee cabse, waan ilkaan isaaniitiif bilisa gad isaan haa dhiisuu.
28
Sangaan intala yookaan dhiira woraanee yoo ajjeese dhaga'aan dhayamee haa du'uu; foon isaallee akka hin nyaattamne, abbaan sangaa sanii bilisa ta'a.
29
Sangaan sun yoo ka duraan nama nyaatu akka ta'e ragame abbaan isaa sun eeguu baatee nama dhiiraa yookaan intalaa woraanee yoo ajjeese, sangaan dhaga'aan tumamee haa du'uu; abbaanillee haa du'uu.
30
Abbaa sanga'aa san irraa yoo gumaa barbaadan ammo haga itti murtaaye maraa haa kaffaluu.
31
Deebi'ee ammallee dhiira yookaan intala yoo woraane seeruma kanaan itti murtaaya.
32
Sangaan garbicha yookaan garbittii yoo woraane abbaan sangaa sanii saqilii soddomaa gooftaa isaaniitii haa kaffaluu, sangaanillee dhaga'aan tumamee haa ajjeefamuu.
33
Namni tokko boolla duuchame yoo bane, yookaan yoo ufii qotee afaan banaa dhiisee sangaan yookaan harreen itti bade,
34
abbaan boolla sanii gatii horii sanii abbaa hori'iitii haa kaffaluu; ka du'e ammo ufii haa fudhatuu.
35
Sangaan tokko sangaa nama biraa woraanee yoo ajjeese ka ajjeese sun gurguramee qixa adda haa qoodamanii; ka du'ellee foon isaa qixxe'etti haa qoodamanii.
36
Yoo sangaan sun duraanuu akka nama nyaatu ka beekkame ta'e abbaan yoo eeguu baate, bikka sangaa du'ee sangaa biraa haa kaffaluu; ka du'e ammo ufiif haa hambifatuu.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40