bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 32
Exodus 32
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 31
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 33 →
1
Muuseen gaara irraa uduu hin buune turraan baniin gara Aaroonii dacha'ee, «Muuseen biyya Misirii keessaa nu baase maal akka ta'e waan hin beenneef ka'iitii waaqolee afoo keenna deeman nuu hojjadhu» jedhaniin.
2
Aaroonillee, «Worqii gurraatii fi qubee haadha manaa teessanii, ka ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta intalaallee guura'aatii natti fidaa'a» isaaniin jedhe.
3
kanaafuu baniin maruu worqii gurraa fi quba isaanii maraa baasanii Aaroonitti fidan.
4
Innillee isaan irraa fuudhee ibidda keessatti bassee waatii hojjate; Innillee, «Israa'el! kunniin waaqolee kee ka biyya Misiriitii si baasan!» isaaniin jedhe.
5
Aaroon haga kana arge hulee ciinca'aa qopheessee «Boru ayyaana Rabbiiti» jedhee labse.
6
Ganama obboroo ka'anii ciincaa gubamuu fi ciincaa fayyinnaa dhiyeessan; baniinillee taa'ee nyaatee dhugee sirbu'uuf lafaa ka'e.
7
Rabbi Muuse'een, «Baniin ani biyya Misirii keessaa baase cubbuu hujaniiranii, deemii gad bu'i.
8
Karaa ani isaan ajaje irraa dafanii goranii, fakii waati'ii ufiif hojjatanii sagadaniifii ciincaa dhiyeessaniif; Israa'el ‹kunniin waaqolee biyya Misiriitii isin baasan› jedhee dubbate.
9
Rabbi Muuse'een baniin kun banii lum'a jabaatu akka ta'e argeera,
10
ani lola kiyyaan isaan gubee akka isaan balleessu na dhiisi; si ammo nama abbaa banii gudda'aa si taasisaa» jedheen.
11
Muuseen Rabbii Waaqa ufii afo'otti «Yaa Rabbi; isaan baaftee isaan irratti maaf guddiftee aartee lolte?
12
Worri biyya Misirii ‹gaara jiddu'utti fixee lafa irraa isaan balleessu'uuf waan hama'aaf isaan baase› jedhanii maaf dubbatan? Lola irraa deebi'i; banii kee ka dhara hujee garaa laafi.
13
Fiixaa keessan akka urjii Sami'ii baay'isa, lafa tanallee fiixaa teessan maraaf kenna; dhaala baraa haga bara baraa isaanii taati jettee akkuma ufiin isaanii kakatte, garboota tee Abrahaam, Yisaaqii fi Israa'eliin qaabadhu» jedhee kadhate.
14
Kanaafuu Rabbi banii cubbuu hojjate sanii garaa laafe.
15
Kanaan maayessa Muuseen deebi'ee dhagaa baxxee waada'aa lamaan harkatti qabatee gaara irraa gad bu'e; dhagaan baxxeen waada'aa gamaa fi gamanaan barreeffama qaba.
16
Dhagaan baxxeen sunniin hujii harka Rabbiiti; barreffamni dhagaa baxxee irratti qirqidamellee harka Rabbiitiin barreeffame.
17
Iyyaasuun laagaa ililtaa bani'ii dhagayee Muuse'een «Safara keessa laagaa ililta'aatitu jira» jedheen.
18
Innillee, «kun laagaa worra mooyanii yookaan laagaa worra mooyamaniitii miti; garuu ani laagaa sirbaa dhagaya'aara» jedheen.
19
Gara safaraa hennaa dhiyaatu banii sirbuu fi waatii argee Muuseen aari'iin bobayee dhagaa baxxee waada'aa gaara jalatti caccabse.
20
Waatii tolfame san fuudhee ibiddaan bassee akka daaraa ta'utti daakee daaraa san bisaanitti firfirsee banii Israa'elii obaase.
21
Muuseen Aarooniin «Banii maal gootee cubbuu guddaa kana isaanitti fidde?» Jedheen.
22
Aaroonillee, «Gooftaa kiyya hin aarin; baniin kun akka dhara jaalatu atuu hin beetta.
23
Isaan, ‹Muuseen biyya Misiriitii nu baase kun maal akka ta'e hin beennuu; kanaafuu waaqolee afoo keenna deeman nuu huji› naan jedhan.
24
Anillee namni isin keessaa worqii qabu uf irraa ciree natti haa fiduu isaaniin jedhe; isaan natti fidan, anillee ibidda keessa buuse innillee waatii ta'e» jedheen.
25
Muuseen Aaroon akka baniin diintota ufii afo'otti salphatan, banii akka adaba dhaban akka gad dhiiseeru hennaa arge,
26
safaraa afoo dhaabatee «Namni Rabbii gara kiyya haa dhufuu!» jedhe; ijoolleen Leewwi'ii maruu isa biratti wol gayan.
27
Innillee Rabbi Waandhi Israa'elii «Namni keessan maruu guraadee mudhii ufiititti haa hidhatuu; ganda keessa asii fi achi haa deddeemuu; namni keessan maruu obboleessa ufii, goshoo ufiitii fi ollaa ufii haa ajjeesuu» isaaniin jedhe.
28
Ilmaan Leewwi'iillee akkuma Muuseen jedhe godhan; gaafa san banii keessaa namoota kuma sadihiititu dhume.
29
Muuseenillee, «Akka Rabbi eebba isinii buusu adha marti keessanuu harka keessan ijoollee teessanii fi obboleewwan keessaniif woyyoomsaa'a» jedhe.
30
Haga lafti bariite Muuseen bani'iin «Isin cubbuu guddaa hojjattaniirtan; ani amma gara Rabbii ol bayaa maal laataa cubbuu keessan isinii dhiisisiisa» isaaniin jedhe.
31
Muuseen gara gaara Rabbii ol bayee «Bade! baniin kun cubbuu guddaa hojjateera; worqii irraa fakkeenna waaqole'ee ufiif hojjateera.
32
Amma cubbuu kana isaanii dhiisi! Yoo waan isaanii hin araaramne ta'e ammo yabo'oo galmee maqaa banii keetii itti barreessite irraa yabo'oo maqaa kiyya haqi» jedhe.
33
Rabbi Muuse'een «Nama na yakke san galmee kiyya irraa haqa.
34
Ammallee deemiitii gara ani siin jedhe isaan masakki; maleekkaan kiyya si afoo deema; inni hennaa isaan tooyatu cubbuu isaaniitiif isaan adaba» jedheen.
35
Akka Aaroon fakii waati'ii isaaniif hojjatuuf waan isa giddisiisaniif Rabbi bani'itti dhukkuba ulfaataa erge.
← Chapter 31
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 33 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40