bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 35
Exodus 35
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 34
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 36 →
1
Muuseen ijoollee Israa'elii maraa wolitti qabee akkana isaaniin jedhe, «Wonti akka gootaniif Rabbi isin ajaje kana;
2
guyyaa jahaa hujii keessan hojjadhaa'a; guyyaan torbeesso'oo ammo guyyaa woyyuu Sambata Rabbii ka hara baafataa isinii ta'a; namni guyyaa san hojjatu maruu haa ajjeefamuu;
3
guyyaa Sambataatiin mana keessanitti ibidda hin bobeeffatinaa'a»
4
Muuseen ijoollee Israa'elii maraanuu akkana jedhe,
5
«Rabbiif kennaa dhiyeessaa'a; namni kennaa Rabbii kennu akka jaalalaa fi fedha ufiititti Rabbii haa kennuu; worqii, birrii, sibiila diimaa, waan bifa Sami'ii fakkaatu,
6
diimaa dhiilgee'e, uffata mishaa rifeensa re'e'ee,
7
gogaa hoolaa korbeessa arrawaa, gogaa dhiisifame, muka ajo'oo,
8
sayitii ibsa'aa, dhadhaa ejersaa, hixaana urgaawuu fi urgoo isaa,
9
dhagaa gatii gudda'aa, callee qomaa fi Efuudii irratti godhan haa fidanii.
10
«Isin keessaa worri ogummaa harkaa qaban maruu dhufanii waan Rabbi ajaje maraa;
11
daasee bulti'iitii fi dachaa isaa, waan qabataniin, cufanaawwan balbalaa, loosaawwan, utubaawwan, miillan,
12
Saanduuqa waada'aa, Loosaawwan ittiin baadhatan, qadaada saanduuqa dhiifamsaa, golga fuula isaa dhossu,
13
gabataa, loosaawwan, Meeshaa maraa, xoroshoo,
14
baattuu ibsa'aa, sayitii ibsa'aa,
15
girgiraa hixaanaa, loosaawwan, dhadhaa ejersaa, hixaana urgaayaa, golgaa balbala hulee bulti'ii,
16
waan ciincaa gubamu itti aarsan, sibiila diimaa, ka kanniin irraa waa ittisu, loosaawwan, mi'a isaa maraa, saanii irratti dhiqatanii fi ka isa irra kaayan,
17
golgaawwan hulee itti gad bayanii, utubaawwan, miillan, golgaawwan balbala hulee itti gad bayanii,
18
xiribbaa daase'ee ka hulee bulti'iitiin dhaaban, haada isaa,
19
uffata ogeessi hojjate ka mana woyyumma'aa keessatti ittiin tajaajilan, uffata Aarooniitii fi ka ijoollee isaa ka isaan gadumma'aan ittiin tajaajilan maraa haa hujanii» jedheen.
20
Kanaan maayessa ijoolleen Israa'elii maruu Muusee biraa deemanii
21
maruu akkuma garaan isaa fedhetti uffata woyyuu ka tajaajila mana woyyumma'aatiif ta'u kennaa Rabbii gara daase'ee fidan.
22
Dhiirtinii fi intaltillee akkuma garaan isaanii fedhe worqii godhatan, lootii, qubee qubaa, qubeewwan gara garaa, faaya qandhafaa maraa Rabbii fidan; namoonni maruu kennaa worqi'ii Rabbii dhiyeessan.
23
Namoonni maruu uffata bulee bifa sami'ii, diimaa dhiilgee, uffata mishaa gad diratan, rifeensa re'e'ee, gogaa dhiisifame, gogaa korbeessa hoola'aatii fi worri gogaa qabu maruu fidan.
24
Namni Rabbii silata qabe maruu kennaa birri'iitii fi ka sibiila diima'aa Rabbii kenne; ka muka ajo'oo qabu maruu hujii mana Rabbiitiif fide.
25
Dubartoonni ogummaa harkaa qaban harka ufiitiin jirbii fooyan; jirbii bifa sami'ii, diimaa dhiilge'ee fi uffata mishaa gad diratan ka harkaan fooyame Rabbii fidan.
26
Dubartoonni ogummaa mishaa qaban maruu rifeensa re'e'ee hojjatan;
27
bulchoonnillee dhagaa gatii gudda'aa, callee qomaa ka gatii gudda'aa,
28
ibsaa, dhadhaa ejersaa, hixaana urgaayu, urgooftu'uu fi sayitii fidan;
29
dubartoonninii fi dhiirti Israa'elii maruu kennaa hujii Rabbiitiif ta'u maraa akka fedha ufiititti Rabbii fidan.
30
Muuseen banii Israa'eliitiin akkana jedhe, «Rabbi gosa Yihuuda'aa keessaa Baasili'eelii ilma Uurii akaakayyicha Hoorii maqa'aan waame.
31
Rabbi hunna Hafuura ufiitiin hujii isaa maraan, ogumma'aan, hubanna'aa fi beekkumsaan akka guuttamu godhe.
32
Akka inni hujii ogumma'aan hojjatu akka inni worqii, birri'ii fi sibiila diimaa hojjatu,
33
mi'a gatii gudda'aa akka hojjatu, dhagaa akka bocu, akka muka bocuu fi hujii ogumma'aa maraa akka hojjatu isa taasise.
34
Inninii fi Ayisaamikii gosa Daanii akka barsiisaniif Rabbi onnee isaanii keessa kaaye.
35
Akka isaan sibiila bassan, akka hojjattoota ogeeyyii ta'an; uffata bifa sami'ii, diimaa dhiilgee, uffata mishaa gad diratan worra uffata hodhan, worra uffata kuulanii midhaassan, worra hujii ogumma'aa maraa hojjatan godhanii akka leenjisan Rabbi ogummaa isaanii kenne.
← Chapter 34
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 36 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40