bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 3
Exodus 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 4 →
1
Muuseen gadicha worra Miidiyaamii soddaa ufiitii hoolota tissa'aa ture; inni hoolota lafa gammoojji'ii keessa oofee gara kooreebii gaara Rabbii jedhamee waamamuu dhaqe.
2
Maleekkaan Rabbii ibidda saato'oo ka bobawu keessaan itti mudhate; ibiddi saatoo keessaan hennaa bobawu; saatoon ammo akka gubata'aa hin jirre argee,
3
dhaqee «Maaf akka hin gubanne waan maalalchiisaa guddaa kana laalaa» jedhe.
4
Rabbi akka Muuseen waan kana laalu'uuf dhufe argee, saatoo keessaa «Muusee! Muusee!» jedhee waame; Muuseenillee «Yaa!» jedhe.
5
«Garana as hin dhiyaatin huleen ati dhaabatteertu tun waan Woyyuu ta'eef kophee luka keetii baafadhu;
6
ani Waaqa abbaa keetii Waaqa Abrahaamii, ka Yisaaqiitii fi ka Yaaqoobiiti» jedheen; Muuseen ammo waan gara Rabbii laaluu sodaateef fuula ufiititti haguuggate.
7
Achiin maayessa Rabbi, «Rakkinna banii kiyyaa ka biyya Misirii jiruu argee waan worra isaan gabbarsiisaniitii fi iyya isaan iyyan dhagayeera; rakkoo isaaniillee beekeera.
8
Harka worra biyya Misiriitii isaan baasee gara biyya aannanii fi damma baaftuu gara biyya badhoo michu'uu gara biyya Kana'aanii, Keexotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Eewiyaanotaatitii fi gara biyya Iyyaabusootaa isin baasu'uuf gad bu'e;
9
amma iyyi ijoollee Israa'elii gara kiyya ol bayeera; dhiibbaa worri biyya Misirii isaan irratti godhu argeera.
10
Ati amma koottu, banii kiyya ijoollee Israa'elii biyya Misirii keessaa akka baaftu gara Fari'oonii si ergaa» jedheen.
11
Muuseenillee Rabbiin «Ani eennu ka gara Fari'oonii dhaqee ijoollee Israa'elii biyya Misiriitii baasu?» Jedheen.
12
Rabbi, «Ani si woliin ta'a; akka ani si ergellee malkanni kana; hennaa banii biyya Misiriitii baafte gaara kana irratti na Waaqeffattan» jedheen.
13
Muuseenillee Rabbiin, «Yoo ani gara ijoollee Israa'elii dhaqee ‹Waaqa abbootii teennaatitu gara keessan na erge› jedhe, yoo maqaan isaa eennu? jedhanii na gaafatan maal isaaniin jedha?» Jedheen.
14
Rabbillee Muuse'een «Ani ‹ka jiruu fi ka jiraatu› akkasuma ‹ka jiruu fi ka jiraatutu gara keessan gara ijoollee Israa'elii na erge› isaaniin jetta» jedheen.
15
Rabbi ammallee Muuse'een, «Ijoollee Israa'eliitiin Waandhi Abrahaamii, Waandhi Yisaaqiitii fi Waandhi Yaaqoobii gara keessan na erge; kun maqaa kiyya ka bara baraati; maqaa kanaan baraa haga bara baraa beekkama.
16
Ka'iitii jaarsota Israa'elii wolitti qabii Waandhi abboota teessanii Waandhi Abrahaamii, Waandhi Yisaaqiitii fi ka Yaaqoobii «Ani isin argeera; waan biyya Misiriititti isin irra gayellee argeera.
17
Rakkinna biyya Misiriitii gara biyya Kana'aanii, Keexotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Ewiyaanotaatii fi gara biyya Iyyaabusootaa ta aannanii fi damma baaftuu isin baasa jedhee natti mudhate isaaniin jedhi.
18
Isaan «Waan ati jette hin dhagayan; achiin maayessa atii fi jaarsonni Israa'elii mootii biyya Misirii bira dhaxxanii ‹Waandhi Ibrootaa nutti mudhatee, akka Rabbii Waaqa keennaa ciincaa dhiyeessinu karaa deemsa guyyaa sadihii lafa gammoojji'ii keessa deemna› jettaniin.
19
Garuu mootiin biyya Misirii hunna jaba'aan yoo ta'e malee akka gad isin hin dhiifne Ani hin beeka.
20
Kanaafuu ani harka kiyya isatti diriirsee maalalee sodaachisuun biyya Misirii dhaya; achiin maayessa inni gad isin dhiisa.
21
«Afoo banii biyya Misiriititti banii kanaa gaachena kenna; hennaa achii baatan harka duwwaa hin baatan.
22
Dubartiin maruu ollaa ufii irraa, ta mana isi'ii jirtu irraa meeshaa birrii, worqi'ii fi faaya gara garaatii fi uffatallee hin fudhatan; isin ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta intalaatitti gootan; akkaataa kanaan worra biyya Misirii saamtanii yaatan»
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40