bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 14
Exodus 14
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 15 →
1
Kanaan maayessa Rabbi Muuse'een akkana jedhe;
2
«Deebi'anii Megidoonii fi galaana jidduu, Ba'aalzaafoonii fi Fihaahirootiin afo'otti akka quphatan ijoollee Israa'eliititti himi;
3
Fari'oon ijoolleen Israa'elii yootana lafa gammoojji'ii keessatti karaan itti cufamee jaanjuranii waan lafa mara'aaran itti fakkaata.
4
Ani garaa Fari'oonii waan jabeessuuf inni isaan hordofa; kanaafuu ani Fari'oonii fi loltoota isaa maraa irratti ulfinna argadha; yoo san worri biyya Misiriillee akka ani Rabbiin ta'e beekan» worri Israa'eliillee akkuma isaanitti himame godhan.
5
Akka baniin baqate mootii biyya Misiriititti himnaan Fari'oonii fi garboonni Fari'oonii yaada ufii jijjiiratanii «Baniin kun akka nu tajaajilu uduu gad isaan dhiisuu baannee?» jedhan.
6
Mootichi konkolaataa fardaan harkifamu qopheeffatee loltoota ufii hiriirse.
7
Konkolaataa fardaa ka filataman dhibba jaha, faradoo biyya Misirii maraa, konkolaataa fardaa maraafuu ajajoota loltootaa ramadeef;
8
Rabbi garaa Fari'oonii hin jabeesse, innillee banii Israa'elii hordofe; ijoolleen Israa'elii garuu irree Rabbii jaba'aan bayan.
9
Worri biyya Misirii, faradoon Fari'oonii, konkolaataawwan fardaa ka Fari'oonii, loltoonni fardaan lolan maruu ijoollee Israa'elii ari'an; worri Israa'elii garuu qarqara galaanaa bira afoo Ba'aalzaafooniitii fi Fihaahirootiin biratti ka quphataniiran isaan dhaqqaban.
10
Hennaa Fari'oon gara isaanii dhiyaate, baniin Israa'elii ol jedhanii yoo uf duuba midhatan worri biyya Misirii ka isaan hordofanii dhufan argan; hennaa san baniin Israa'elii guddisanii sodaatanii gara Rabbii iyyan.
11
Muuse'een ammo, «Akka waan biyya Misiriititti huleen awwaalaa hin jirree gammoojjii keessatti haa dhumnu'uuf nu baaftee? maaf nu baafte?
12
Lafa gammoojji'ii keessatti ka rakkanne irra isaanii garboomuu nuu woyyaa nu dhiisi wonti jenneef kanaafii mii?» jedhaniin.
13
Muuseenillee bani'iin, «Hin sodaatinaa'a! worra biyya Misirii ka adha arga'aartan kanniin baraa haga bara baraa lamuu hin argitanii jabaadha'aa dhaabadhaa'a; akka Rabbi itti isin hambisullee dhaabadha'aa laalaa'a.
14
Rabbi waan isinii loluuf isin cadhaa'a» isaaniin jedhe.
15
Rabbi Muuse'een, «Maaf natti iyyita? baniin Israa'elii akka deemu isaanitti himi.
16
Ati ammo ulee tee ol kaasii harka kee gara galaanaa diriirsii galaana gargar qoodi baniin Israa'elii galaana wodhakkaa lafa gogaa irra haa deemanii.
17
Ani garaa banii biyya Misirii hin jabeessa; isaanillee isaan faanaa bu'an; ani Fari'oonii fi loltoota Fari'oonii worra farda yaabbatanii fi konkolaataa fardaa maraa irratti ulfinna argadha.
18
Hennaa ani biyya Misirii, Fari'ooniin, worra konkolaataa fardaa yaabbatanii fi worra faradoo yaabbatan irratti ulfinna argadhe akka ani Rabbiin ta'e beekan.
19
Maleekkaan Rabbii ka qara banii Israa'elii afoo deema'aa ture uf duuba deebi'e; utubaan duumessaa ka afoo isaanii deema'aa turellee gara duubaa deebi'ee dhaabate;
20
Wodhakkaa banii Israa'eliitii fi banii Misirii seene; achiin maayessa duumessaa fi dukkanatu ta'e; gama worra Israa'eliitiin ammo dukkana ibse; halkan san guutuu isaan lachuu wolitti hin dhiyaanne.
21
Muuseen harka ufii galaana irra diriirse; Rabbi qilleensa jabaa baya biiftu'uutiin galaana duubatti deebise qilleensi halkan guutuu waan bubbiseef galaana gara lafa goga'aa jijjiire bisaan bakka lamatti addaan qoodame;
22
Baniin Israa'elii galaana jidduu lafa gogaa irra deema'aa ceeyan; bisaan bita'aa fi mirga isaaniititti akka girgidda'aa ta'ee dhaabate.
23
Worri biyya Misirii, worri faradoo Fari'oonii yaabbatan, loltoonni konkolaataa fardaa yaabbatanii fi worri farda yaabbatan maruu banii Israa'elii ari'u'uuf isaan duubaan galaana wodhakkaa seenan.
24
Haga bari'e Rabbi utubaa ibiddaatii fi utubaa duumessaa keessaan loltoota biyya Misirii laalee isaan sodaachise.
25
Worra konkolaataa fardaa hidhee isaan dhiphise; worri biyya Misirii, «Rabbi worra Israa'eliitii hin lolaa koottaa Israa'eliin jalaa dheessinaa!» woliin jedhan.
26
Rabbi Muuse'een, «Harka kee galaana irra diriirsi akka bisaan worra biyya Misirii, konkolaataa fardaatii fi loltoota faradoo yaabbatan irra gara galuu» jedheen.
27
Kanaaf Muuseen harka ufii gara galaanaa diriirse; galaannillee deebi'ee yaa'uu jalqabe; Worri biyya Misirii jalaa dheessan; Rabbi worra biyya Misirii galaana irra gara galchee achitti isaan hambise.
28
Bisaan gara gale sun worra faradoo yaabbatan, worra konkolaataa fardaa yaabbatanii fi banii maraa liqimse; isaan keessaa namni tokkollee hin hafne.
29
Worri Israa'elii ammo galaana keessa lafa gogaa irra deema'aa bisaan bita'aa fi mirga isaaniititti akka girgidda'aa isaanii ta'ee ceeyan.
30
Gaafas Rabbi akka kanaan banii Israa'elii harka worra Misiriitii hambise; baniin Israa'elii reeffa banii biyya Misirii galaana qacce'etti argan.
31
Baniin Israa'elii harka Rabbii gudda'aa ka inni biyya Misirii irratti godhe arganii Rabbiin sodaatanii garbicha Rabbii Muuse'etti amanan.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40