bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 37
Exodus 37
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 36
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 38 →
1
Baasili'eelillee muka ajo'oo irraa saanduuqa waada'aa hojjate; dheerinni isaa ciqilee lamaa fi wodhakka'a; dalgi isaa ciqilee tokkoo fi wodhakkaa; ol fageenni isaa ciqilee tokko.
2
Keessaa fi duuba isaa worqii mishaa dibe; naannaya isaallee worqi'iin goode.
3
Qubeewwan worqi'ii afur itti godhe; miillan arfan irrattillee akkasuma godhe; gama tokkoon qubeewwan lama, gama biraatiinillee qubeewwan lama godhe.
4
Loosaa baadhataniinillee muka ajo'oo irraa hojjatee worqii dibe.
5
Loosaa saanduuqa waada'aa baadhataniin qaalawa keessa galche.
6
Qadaada waadaa dhiifamsaa worqii mishaa irraa ka dheerinni isaa ciqilee lamaa fi wodhakka'aa, ka dalgi isaa ciqilee tokkoo fi wodhakka'aa hojjate;
7
Kiruubeelii lamaa worqii daakkame irraa hojjatee qadaada dhiifamsa cubbu'uu gamaa gamanaan godhe.
8
Qadaada waadaa dhiifamsaa woliin kiruubii tokko gama tokkoon, kiruubii kaan gama kaaniin wolitti hojjate.
9
Kiruubiinillee akka waan koola ufii ol kaafataniititti qadaada waadaa dhiifamsaa koola ufiitiin dhossanii fuula ufii wolitti deebisanii gara kiruubii qadaada waadaa dhiifamsaa laalan.
10
Gabataa muka ajo'oo irraa ka dheerinni isaa ciqilee lamaa, dalgi isaa ciqilee tokkoo, ka ol fageenni isaa ciqilee tokko hojjatee,
11
naannaya isaa worqii mishaa dibe.
12
Naannaya goodaa isaa irratti badhinna ganaa tokko godhee, naannaya gooda'aa irratti hojjatee
13
qubeewwan worqi'iin hojjatame afur roga arfan irrattuu godhe.
14
Wonti gabataa ittiin baadhatan ka qaalawa keessa lufu gara qaccee gooda'aa bira.
15
Waan gabataa ittiin baadhatan muka ajo'oo irraa hojjatee worqii dibe.
16
Waan ittiin jissan, meeshaa gabataa woliin taa'u, xuwweewwan, mooqqaawwan, ka mijuu ittiin dhugan, waan woraabaniin worqii mishaa irraa hojjate.
17
Baattuu ibsa'aallee worqii mishaa irraa hojjate, miila isaatitti waan soomayyuu irratti hojjatameen godhe; waan mijuu itti dhugan maraa, qola isaatii fi abaaboo isaallee achuma irraa hojjate.
18
Ladda isaatiin damee jahatu bayeef; damee baattuu ibsa'aa sadiin gara tokkotti, damee baattuu ibsa'aa kaawwanillee gara biraatiin baase.
19
Damee gara tokkoo irratti qolaa fi abaaboo, waan mijuu ittiin dhugan, ka abaaboo muka lawuzi'ii fakkaatuu fi damee baattuu ibsa'aa irraan ol bayan jahanitti godhe.
20
Waan mijuu ittiin dhugan ka daraaraa lawuzi'ii fakkaatu qola baattuu ibsa'aatii fi daraaraa afurii godhe.
21
Damee jahan baattuu ibsa'aa irraa bayan ka gama lamaaniinuu hojjatame ka damee qola lamaaniitiin gadii tokko ta'ee ka hojjatame, qola lammataallee damee lamaa gaditti tokko ture.
22
Qollinii fi dameen isa woliin tokko turan; maruu tokko ta'ee worqii mishaa irraa hojjatamee ture.
23
Ibsaa torbaniif baattuu ibsa'aa, saanii isaatii fi saanii ibsaa irra kaayanillee worqii qulqullaayaa irraa hojjate.
24
Meeshaa baattuu ibsa'aa maraa kiiloo giraamii soddomii shanii worqii mishaa irraa hojjate.
25
Girgiraa ciincaa hixaanaa itti aarsan muka ajo'oo irraa dheerinna ciqilee tokko, badhinna ciqilee tokko, ol fageenna ciqilee lama, ka badhinni isaa wol qixa ta'e hojjate.
26
Naannaya isaa marattuu duraa fi duuba isaa, isa biratti gaafa worqii mishaa irraa, naannaya isaatitti goodaa worqi'ii godhe.
27
Gooda'aa gaditti qubeewwan worqi'ii lama gamaa fi gamanatti; ladda lamaanittuu loosaa baadhataniin godhe.
28
Loosaa baadhataniin san muka ajo'oo irraa hojjatee worqii dibe.
29
Akkuma urgooftuu mishaa worri ogeeyyiin hojjatanitti dhadhaa ejersaa qulqullaayaa hojjate.
← Chapter 36
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 38 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40