bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 28
Exodus 28
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 29 →
1
Ati obboleessa kee Aaroonii fi ijoollee Israa'elii keessaa ijoollee Aaroonii Naadaabiin, Abiyuudiin, Alaasarii fi Itaamiriin akka gadoota naa ta'an naa fooyi.
2
Uffata ulfinnaatii fi ka qandhafaa obboleessa kee Aaroonii hojjadhu.
3
Ati akka Aaroon woyyuu ta'ee naa hojjatu worra ayyaana ogumma'aa qabuu fi worra ogeeyyii ta'an marattuu akka uffata isaa hojjatan isaanitti himi.
4
Uffanni isaan hojjatanillee ka uffata qomaa qabu, qamisii babarruu gad diratan, Efuudii, Shinshinii, Shamisii, waan mata'atti maratanii fi ka sabbata hidhataniin qabu haa ta'uu; uffata seeraa kanniin akka gadoota naa ta'aniif obboleessa kee Aaroonii fi ijoollee isaatii haa hojjatanii.
5
Worqii'i, uffata bulee akka Sami'ii, diimaa dhiilge'ee fi uffata mishaa jirbii irraa haa hojjatanii.
6
«Efuudiillee worqi'ii fi jirbii fooya'aa mishaa ka bifa Sami'ii, diimaa dhiilgee irraa ogeessi mishaan ogumma'aan hojjate haa ta'uu.
7
Gamni lachuu akka tokko ta'u ka ceekuu lamaan irratti wal gawu haa ta'uu.
8
Efuudii gubba'aan sabbata hidhataniin qabu ka ogumma'aan wolitti diddirame, ka biraallee ka gad diratan isaan woliin tokko haa ta'uu; ka worqii irraa hojjatame, bulee bifa Sami'ii, diimaa dhiilge'ee fi ka jirbii fooyame irraa hojjatame haa ta'uu.
9
Dhagaa gatii gudda'aa lama fuudhii maqaa ijoollee Israa'elii irratti qirqidi;
10
akkuma dhaloota isaaniitiin dhagaa tokko irratti maqaa jaha; dhagaa kaan irrattillee maqaa jahaa qirqidi.
11
Akka hujii namni ogeessi hojjatuutiin akka chaappa'aa godhee maqaa ijoollee Israa'elii dhagaa lama irratti haa qirqiduu; dhagaan lamaa sunniin worqi'iin haa dibamuu.
12
Dhagaan lamaan kunniin yaadannoo ijoollee Israa'elii akka ta'u dhagaa gatii gudda'aa lamaan carqii ceekuu irraatiin akka wol qabatu goota; Aaroon maqaan isaanii yaadanno'oof akka ta'u gurmuu ufii lamaan irratti Rabbiin afo'otti baadhata.
13
Worqii dhaga'aan uwwifame lamaan; ammallee lootii lamaan worqii qulqulluu akka miseensa miseensameetiin tolchi; ammallee lootii miseensaman sanniin irratti rarraasi.
15
Uffata qomaa ka fedha Rabbii ittiin gaafatan akka ogeessi hojjatutti hodhiif; akkuma kiisii qomaatitti hojjatta; worqii irraa, bulee bifa Sami'ii irraa, diimaa dhiilge'ee fi uffata mishaa jirbii irraa hojjadhu.
16
Dheerinni taakkuu tokko, badhinnillee taakkuu tokkoon dachaa ta'ee sirri'itti haa hojjatamuu.
17
Tartiiba afuriin lootii itti godhi; tartiiba duraatitti dhagaa gatii gudda'aa, sardiyoon, toophaaziyoon, dhagaa gatii gudda'aa ka calalaqu,
18
tartiiba lammeesso'oo irratti baluur, sampeerii fi Almaas;
19
tartiiba sadeesso'ootitti yaakinti, qerqedoonii fi ameeteesxiroon;
20
tartiiba arfeesso'ootitti Biralee, dhagaa gatii gudda'aa, Iyyaasphiid; kanniin marattuu lootii worqi'iititu itti godhama.
21
Dhagaan gatii gudda'aa sunniin akkuma maqaa ijoollee Israa'eliitiin kudha lama akka chaappa'aatitti haa qirqidamuu; kunniin gosa Israa'elii maqaa ijoollee Yaaqoobii kudha lama haa ta'uu.
22
Uffata qomaatiif miseensa akka haadaatitti miseenfame worqii mishaa irraa hojjadhu.
23
Uffata qomaa irratti qubee worqi'ii lamaan hojjadhuuf; qubee lamaan sanniin kiisii gama lamaanii irratti godhi.
24
Achiin maayessa haada miseenfame ka worqi'ii san haada uffata qomaa lamaan keessa galchita.
25
Qaccee haada lamaanii san lootii lamaan keessa seensiftee gurmuu efuudi'ii irratti afo'oon wolitti seensifta.
26
qubeewwan lamaan worqi'iillee hojjadhu; isaan qaccee lamaan uffata qomaa ka efuudii jalaan jiru irra goota.
27
Akkasuma ammallee qubee worqi'ii lamaan hojjatta; efuudii bobaa jalaan malaan haga wolitti hiiteen maayessa qoma gubbaa deebiftee qabata sanniin wol qabsiifta.
28
Uffanni qomaa malaan haga wolitti hidhame akka adda hin baane uffata qomaa gubbaa haa ta'uu; qomni akka gargar hin baane, qubeewwan uffata qomaa irra jiran qubeewwan uffata efuudii irra jiraniin jirbii bule'een wolitti hidhi.
29
Aaroon hennaa gara mana Woyyuu seene Rabbiin afo'otti seera murti'ii qoma ufii irratti baraa haga bara baraa maqaa gosa ijoollee Israa'eliitiif haa baadhatuu.
30
Uriimii fi tumiim akka seera kiyya ittiin beettu uffata qomaa irra kaayatta; kun hennaa Rabbiin afoo dhufte hennaa maraa qoma Aaroonii irra taa'a; Aaroon hennaa maraa Rabbiin afo'otti seera murtii ijoollee Israa'elii qoma ufii irratti baadhata.
31
Shinshinii Efuudii gubba'aan uffatan maraa bulee bifa Sami'ii godhi;
32
wodhakka'aan qaalawa mormaa itti baasi; akka hin biinxamne jirbi'iin naannaya mormaa goodi.
33
qaccee jalaan naannoo isaallee bulee bifa Sami'ii, diimaa dhiilgee, diimaa qaraaruu akka fakii roomaani'iitiin godhi; naannaya qaccee isaa worqii shaka shaka jedhu itti godhi.
34
Shakkisaan worqi'ii diimaan qaraaruunii fi shakkisaan diimaan qaraaruun naannaya isaa maraa irra haa ta'uu.
35
Aaroon hennaa tajaajilu shinshinii kana haa uffatuu; hulee woyyitti'iititti yoo na afoo dhufe yookaan hennaa achii bawu ani laagaa shaka shaka jedhu yoo dhagaye inni du'a oola.
36
«Worqii mishaa irraa malkata baala fakkaatu hojjadhu; isa irrattillee fakii chaappa'aatiin affarroo itti baasii jecha ‹Woyyummaan Rabbiif› jedhu irratti qirqidi.
37
Jirbii bulee bifa Sami'iitiin marata biratti gara afo'ootiin rarraafta.
38
Kun kallacha Aaroonii irra taa'a; wonti kun cubbuu kennaa woyyuu ijoolleen Israa'elii Rabbiif dhiyeessitu maraa irra jiru baadhata; Rabbiin afo'otti akka gaachena isaanii ta'u hennaa maraa malkanni baala fakkaatu kallacha isaa irra haa ta'uu.
39
Shamisii jirbi'ii mishaa babarruu godhii marata jirbii irraa hojjadhu; sabbatallee akka waan jirbi'iin saamsameetitti hojjatta.
40
Ijoollee Aarooniitiif shamisii, sabbata mudhi'iitii fi qoobii ulfinnaa ka qandhafaa goota.
41
Waan kanniin maraa Aaroonii fi ijoollee isaatitti uwwisi; gadumma'aan akka naa hojjatan dhadhaa ejersaatiin isaan muudda; gadoota isaan goota; isaan woyyoomsita;
42
akka qaama saalaa dhoffatan garaa jalaan boggee jirbii irraa hojjatame isaanii goota; boggeen sun mudhii irraa ka'ee haga gudeedaa gaya;
43
cubbuu isaanitti ta'ee akka hin duune Aaroonii fi ijoolleen Aroonii hennaa daasee seenanii tajaajilan gara hulee ciinca'aa hennaa dhiyaatan kunniin hennaa maraa seera baraa haga bara baraa isaaniif haa ta'uu.
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 29 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40