bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 36
Exodus 36
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 35
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 37 →
1
«Baasili'eelii fi Eeliyaab, namoonni ogummaa qaban maruu akkuma Rabbi hujii ogumma'aa mana woyyumma'aa keessatti hojjataniif isaanii kenne waan Rabbi isaan ajaje maraa haa hojjatanii.»
2
Muuseen Baasili'eelii fi Eeliyaabiin, namoota Rabbi ogummaa isaanii kenne worra keessi isaanii huji'iif kakka'e maraa waame.
3
Isaanillee kennaa ijoolleen Israa'elii mana woyyumma'aatiin akka hujaniif fidan maraa hojjatu'uuf Muusee harkaa fuudhan; isaan ganama ganama akkuma fedha isaanii kennaa gara isaa fidan.
4
Ogeeyyiin mana woyyumma'aa hojjatan maruu waan hojjatan maraa dhiisanii dhufan.
5
«Isaan waan hujii mana woyyumma'aatiin hojjatamu haga barbaachisuu olitti fidan» jedhanii Muuse'etti himan.
6
Kanaafuu wonti isaan fidan maruu hujii hojjatan saniif gayee waan irraa hafaa tureef Muuseen worra dhiiraa yookaan worra intalaa kennaa irraa hafu akka hin finne jedhee ganda keessatti labsii baase; baniinillee akka hin finne dhooggaman.
8
Worri isaan bira jiran ka hujii ogumma'aan hojjatan maruu hulee bulti'ii golgaawwan kudhaniin hojjatan isaan maraa uffata jirbii fooyame ka bifa sami'ii, ka diimaa dhiilgee irraa hojjatame, waan kanniin irratti akka ogeessa misha'aatitti kiruubeeliin isaan irratti godhan.
9
Dheerinni golga maraatuu ciqilee saddeeti; dalgi ciqilee afur; golgi maruu wol qixa.
10
Golga shanii wal qabsiisan; ammallee akkasuma golga shanii wol qabsiisan.
11
golga wol qabsiisan ka duraa handaara irratti qubee bulee bifa sami'ii itti godhan; akkasuma golga kaawwan ka lammeesso'oo irrattillee akkasuma godhan;
12
qubeewwan shantamaa golga tokko irratti godhan; handaara lammeesso'oo irrattillee akkasuma godhan; qubeewwan maraa fuula wolitti deebisanii turan.
13
Qabduu worqi'ii shantama hojjatan; golga sanniinillee wol qabsiisan; sun mana tokko ta'e.
14
Golga daasee hulee bulti'ii ka gubba'aa rifeensa re'e'ee irraa hojjatan; golga kudha tokko godhan.
15
Dheerinni golgaa maraatuu ciqilee soddoma; dalgi isaa ciqilee afur; golgi maruu wol qixxa.
16
Golga shananuu wol qabsiisan; golga jahanillee wol qabsiisanii tokko godhan.
17
Handaara golga tokkoo irratti gurra shantama godhan; akkasuma golgaa biraatiin ka wol qabsiisanillee handaara isaa irratti gurra shantama godhan.
18
Daaseewwaan maraa wol qabsiisu'uuf sibiila wolitti qabsiisaniin shantama hojjatan.
19
Daasee dachaa godhu'uuf gogaa korbeessa hoola'aa, isa irrattillee ka biraa irra dhawu'uuf gogaa dhiisifame godhan.
20
Balbala hulee bulti'ii muka ajo'oo irraa hojjatan;
21
Dheerinni balbala maraatuu ciqilee kudhan; dalgi isaa ciqilee tokkoo fi wodhakka'a.
22
Balbala maraa irratti waan lamaan wol qabsiisutu ture; balbala cufanaa mana bulti'ii maraa akkasuma godhan.
23
Balbala mana bulti'ii san cinaa bita'aatiin cufanaa diddama godhan.
24
Balbala cufanaa diddamaa maraafuu miillan birrii irraa hojjatame godhaniif; cufanaa maraa jala wonti lamaan isaan wolitti qabsiisu waan lamaantu jira.
25
Hulee bulti'ii gara cinaa mirgaatiin cufanaa diddama godhan.
26
Isaanillee miillan birri'ii afurtama; cufanaa maraa jala miillan lama godhan.
27
Hulee bulti'ii cinaa gara dhiyaatiin duuba irraan cufanaa jaha godhan.
28
Hulee bulti'ii qaccee lamaan irra gara duubaatiin cufanaa lama godhan.
29
Gadii ka'ee haga gurra lammataa cufanaa tokkochi dacha'a; qaccee gama lammataallee akkasuma godhan.
30
Cufanaan saddeetii fi miilli birri'ii kudha jaha; cufanaa maraa jala miila lama lamatu jira.
31
Mana bulti'ii ka muka ajo'oo irraa hojjatame, cufanaan gama tokkoo loosaa shan;
32
cufanaa mana bulti'ii gama lammeesso'ootiin loosaa shanii, balbala mana bulti'ii dudda duubaan gara dhiyaatiin jiranillee loosaa shan godhan.
33
Loosaan wodhakka'aa balbala maraa qacce'ee haga qacce'ee lufa.
34
Cufanaa sanniinillee worqii diban; qaalawwan loosa'aallee worqii irraa hojjatan; loosaawwan sanniinillee worqii diban.
35
Golgallee uffata bifa sami'ii, diimaa dhiilgee, uffata gad diratan, jirbii fooyame mishaa irraa kiruubeeliin hojjataan ogeessi hojjate irraa godhan.
36
Utubaawwan muka ajo'oo irraa hojjatame afur godhaniifii worqii diban; fannoon isaallee worqi'i; isaan maraafuu miila worqii irraa hojjatame afur godhaniif.
37
Balbala daase'eetiif uffata mishaa, golga mishaa bifa sami'ii, diimaa dhiilgee irraa golga ogummaa misha'aan fooyame irraa hojjataniif.
38
Utubaawwan shananittuu fannoo godhan; goodaa isaatii fi soomayyuu isaa worqii diban; miila isaa shanan sibiila irraa hojjatan.
← Chapter 35
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 37 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40