bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 39
Exodus 39
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 38
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 40 →
1
Akkuma Rabbi Muusee ajaje mana woyyumma'aa keessatti akka tajaajiluuf uffata bulee bifa sami'ii, diimaa dhiilgee ogumma'aan hojjatame uffata qulqulluu Aaroonii hojjatan.
2
Akkuma Rabbi Muusee ajaje efuudii worqii irraa, bulee bifa sami'ii, diimaa dhiilgee, uffata mishaa jirbii irraa hojjatame hojjate;
3
worqiillee tumanii akka baalaa haphisanii mummuran; akkuma hojjataan ogeessi hojjatutti uffata bulee, diimaa dhiilgee, uffata mishaa jirbii irraa hojjatame wolitti hodhan.
4
Gamni lachuu wol qabata; efuudii gurmuu gubba'aan wol qabsiisan.
5
Akka Rabbi Muusee ajajetti hujii kana fakkaatu worqii, uffata bulee, diimaa dhiilge'ee fi uffata jirbii mishaa irraa hojjatame hojjatan.
6
Dhagaa gatii gudda'aa akka chaappa'aatitti bocanii maqaa ijoollee Israa'elii irratti qirqidan.
7
Dhagaan kun yaadannoo ijoollee Israa'eliitiif akka ta'u efuudii gurmu'uu irra qaxxaammursanii kaayan.
8
Akkuma Rabbi Muusee ajaje uffata qomaa akka efuudii ogeessi hojjatuutitti worqii, jirbii bulee bifa sami'ii, jirbii diimaa dhiilgee, jirbii misha'aa fi jirbii uffata gad dirataniin hojjatan irraa hojjatan;
9
inni roga afur qaba; uffata qomaa dachaa godhan; dheerinni taakkuu tokko, dalgillee taakkuu tokko; kunniin maruu dacha'a.
10
Dhagaawwan gatii gudda'aa duraa duubaan afur godhaniif; gara afo'ootiin sardiyoon, toophaaziyoonii fi dhagaa gatii gudda'aa calalaqaa godhaniif;
11
gama lammeesso'ootiin baluur, sanpeerii fi almaaziin godhaniif;
12
gama sadeesso'ootiin yaakinti, kelqedoonii fi ameeteesxinoos;
13
gama arfeesso'ootiin biralee, maraagidi, Iyaasphiid; dhagaa kanniin maraa worqi'iin diban.
14
Dhagaawwan gatii gudda'aa sunniin maqaa ijoollee Israa'elii kudha lamman qaba; akkuma maqaa isaaniitiin akka chaappa'aatitti maqaan isaanii qirqidame; kun waan gosa ijoollee Israa'elii kudha lamaati.
15
uffata qomaa haada miseensa miseensamee godhanii worqii mishaa irraa hojjatan.
16
guduunfaa worqi'ii lama qubee worqi'ii fakkeessanii hojjatan; guduunfaa lamaa uffata qomaa gamaa gamanatti tolchan.
17
Miseensa worqi'ii ka miseenfame lamaan uffata qomaa lamaan gamaa gamana jiran keessa naqan;
18
qaccee miseensa lamaanii qaalawa lamaan keessa naqanii efuudii gurmuu irraan gara afo'ootiin gad diran.
19
Qubee worqi'ii lama hojjatanii qaccee uffata qomaa ka waan gad diratan afo'oon jirutti godhan.
20
Ammallee deebi'anii qubeewwan worqi'ii lama hojjatanii guduunfaa efuudi'ii lamaan ka gurmuu afo'oon gad bu'u woliin garaa jalaan wol qabsiisan; isaan kunniin hulee hidhata ogeessi ogumma'aan hojjate itti wol gawu biratti itti hojjatan.
21
Akkuma Rabbi Muusee ajajetti uffanni qomaa sun akka hidhata san irra taa'utti diranii fuula duraa saniif akka gaachena ta'utti hiikkamee akka hin laafne uffata bulee, diimaa dhiilgee, qubee san uffata gad diratan ka afo'ootiin wolitti hidhan.
22
Akkuma Rabbi Muusee ajaje, uffata efuudi'ii bulee bifa sami'ii godhee;
23
morma isaa wodhakka'atti baase; akka hin biinxamne naannaya mormaa goode.
24
Handaara qaccee uffata gad diratanii bulee, diimaa dhiilgee, jirbii fooyame arrawa qaraaruu irraa hojjate.
25
Worqii mishaa irraa bilbila hedduu hojjatanii naannaya isaa wodhakka'atti arrawa qaraaruu godhan.
26
akkuma Rabbi Muusee ajajetti naannaya qaccee uffataatitti daraaraa muka roomaani'ii hojjatan.
27
Akkuma Rabbi Muusee ajaje akkuma worri woyaa hojjatu midhaassanitti Aaroonii fi ijoollee isaatii shamisiiwwan,
28
sabbata maratan, qoobiiwwanii fi surreewwan,
29
sabbata hidhataniinillee jirbii bulee, diimaa dhiilgee, uffata gad diratan akka ogeessi hojjatutti bareechisan.
30
Akkuma Rabbi Muusee ajaje, malkata ulfinnaa ka woyyoome worqii qulqullaaye irraa hojjatan; isa akka fakii chaappa'aa godhanii hojjatanii jecha «Woyyummaan Rabbiif» jedhu irratti barreessan.
31
Haada jirbi'ii sabbata irratti rarraasu'uuf bifa bule'een irratti hidhan.
32
Akkasuma daaseen hulee bulti'ii ka itti wol gayan maruu hojjatamee dhumate; akkuma Rabbi Muusee ajaje ijoolleen Israa'eliillee akkasuma godhan.
33
Daasee bulti'iitii fi meeshaa maraa Muuse'etti fidan; wonti isaan fidan waan ittiin qabatan, cufanaawwan, loosaawwan, utubaawwan, miillan,
34
gogaa hoolaa arrawaa, gogaa dhifame ka isa irra dhayan,
35
ka golga dacha'aa san dhossu, saanduuqa waada'aa, waan ittiin baatanii fi teessoo hulee ciinca'aa woliin,
36
gabata'aa fi mi'a isaa maraa woliin, xoroshoo woyyuu Rabbiif dhiyaatu,
37
baattuu ibsa'aa ka worqii mishaa irraa hojjatame; akkasuma teessoo isaatii fi meeshaa isaa maraa, dhadhaa ejersaa ka ifu,
38
hulee ciinca'aa ka worqii irraa hojjatame, hixaana urgaa misha'aa, balbala daase'eetii fi golga isaa,
39
hulee ciinca'aa ka sibiila naasi'ii irraa hojjatame, ittisa sibiila diimaa irraa wol keessa diramee hojjatame, waan ittiin baatan, meeshaa maraa, diimaa irratti dhiqatan,
40
golgaawwan hulee itti wol gayanii, utubaawwan miillan isaanii woliin, golga afoo itti yaa'anii, haada isaa, xiribbaa isaa, meeshaa ittiin tajaajilan ka daasee wol gayi'ii maraa,
41
uffata qandhafaa ka uffatanii hulee ciinca'aatitti hojjataniin, uffata gadichi Aaroon ittiin tajaajiluu fi uffata ijoollee isaati.
42
Akkuma Rabbi Muusee ajaje ijoolleen Israa'elii maruu akkasumatti hojjatan;
43
Muuseen waan kanniin maraa yoo laalu akkasumatti waan hojjataniif isaan eebbise.
← Chapter 38
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 40 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40