bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 4
Exodus 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 5 →
1
Muuseenillee Rabbiin «Sirima na hin amanan; dubbii kiyyallee hin dhagayan; ‹Rabbi sirima sitti hin mudhanne› yoo naan jedhan maal jedha?» jedhe.
2
Rabbi «Wonti harka kee jiru kun maali'i?» jedheen; innillee «Ule'e» jedheen; Rabbillee, «Lafa buus» jedheen.
3
Inni lafa buufnaan bofa taate; Muuseen isii irraa dheesse.
4
Rabbi Muuse'een, «Rabbi Waandhi abboota isaanii Waandhi Abrahaamii, Waandhi Yisaaqiitii fi Waandhi Yaaqoobii akka sitti mudhate akka beekan harka kee hiixadhuu eegee isi'ii qabi» jedheen. Innillee harka ufii hiixatee qabnaan harka isaa irratti ulee taate.
6
Rabbi «Harka kee bobaa jala kaayadhu» jedheen; innillee harka ufii bobaa kaayatee yoo harka ufii boba'aa baafatu, adii akka barada'aa ta'e.
7
Innillee, «Harka kee boba'atti deebifadhu» jedheen; innillee harka ufii boba'atti deebifatee henna baafatu, deebi'ee nafa isaa fakkaate.
8
«Ammallee malkata duraa yoo amanuu baatan malkata lammeesso'oo hin amanan.
9
Yoo malkata kana lamaan amanuu baatan, jecha keellee yoo dhagawuu baatan lagaa bisaan woraabii lafa gogaa irratti jissi; bisaan lagaa woraabdee lafatti jissite sun dhiigatti jijjiirama» jedheen.
10
Muuseen Rabbiin «Gooftaa kiyya, afaan kiyya hin cabaqa; arraba kiyyaanillee qajeelchee dubbadhee hin danda'u; kaleessaa fi dheengadda hennaa ati garbicha kee natti dubbatte irraa jalqabee afaaniin dubbadhee hin danda'u» jedheen.
11
Achiin maayessa Rabbi Muuse'een «Afaan namaa ka uume eennu? duudaa'a, ka gurraan hin dhageenne, ka argu akka hin argine ka godhu anaa mii?
12
Kanaafuu amma deemi; ani afaan sii ta'aa; waan dubbattullee sitti himaa» jedheen.
13
Innillee, «Gooftaa kiyya; yabo'oo bikka kiyya nama biraa akka ergitu si kadhadha» jedheen.
14
Rabbi Muuse'etti aaree «Namni gosa Leewwi'ii obboleessi kee Aaroon hin jiraa mii? Inni midhaassee akka dubbatu hin beeka; inni gara kee dhufa; hennaa argiteen inni garaa ufii keessatti hin gammada.
15
Ati isatti himta; waan inni dubbachuu barbaachisu afaan keettaan; ani afaan keetii fi afaan isaa keessallee hin ta'a; waan gootanillee isin barsiisa.
16
Inni waan keellee banii woliin dubbata; inni afaan sii ta'a; atillee isaaf akka Waaqaa taatee isa barsiifta.
17
Ulee waan maalale'ee ittiin gootu tana harkatti qabadhuu deemi» jedheen.
18
Muuseen gara Yootoorii soddaa ufii deebi'ee «Obboleewwan tiyya ta biyya Misirii jirtu mee haga adhaa ka lubbu'uun jirtuu kaan deemee laalaa na hoffolchi» jedheen; Yootoorillee hoffolcheenii «Nagayaan deemi» jedheen.
19
Rabbi Muuse'een, «Miidiyaamiin keessatti namoonni lubbuu tee barbaadan maruu du'aniiranii deebi'ii gara biyya Misirii dhaqi» jedheen.
20
Kanaafuu Muuseen haadha manaa ufiitii fi ijoollee ufii harree isaan yaabbisee gara biyya Misirii ulee Rabbii ta maalaleen irraan mudhatu fudhatee deeme.
21
Rabbi Muuse'een «Hennaa gara biyya Misirii deebitu, maalalee ani harka keetitti hojjadhe maraa Fari'ooniin afo'otti godhuu hin irraanfatin; ani waan garaa isaa jabeessuuf innillee banii gad hin dhiisuu.
22
Hennaa san Fari'ooniin akkana jetta, ‹Israa'el ilma kiyya ka hangafaati.
23
Akka na waaqeffatu ilma kiyya gad naa dhiisi siin jedhee atillee waan gad dhiisuu diddeef ani ilma kee ka hangafaa si jalaa ajjeesa› jedha Rabbi jetta» jedheen.
24
Achiin maayessa Muuseen uduu gara biyya Misirii deema'aaru hulee inni buletti Rabbi itti dhufee ajjeessu'uunii barbaade.
25
Haati manaa isaa Siiphaaraan fiiddee cabbii fuutee mucaa ufii gadoomsitee coraa saniin luka isaa tuxxee «Ati idaayyicha kiyya ka dhiigaati» jetteen.
26
Rabbillee hin araarameef; hennaa san «Waan gadooma saniitiif, ati idaayyicha kiyya ka dhiigaati» jette.
27
Rabbi Aarooniin «Ka'iitii gammoojjii keessatti Muuse'etti dhaqi» jedheen; innillee deemee gaara Rabbii irratti Muuse'etti dhaqee dhungateen.
28
Muuseen waan Rabbi isatti dubbatee fi dubbii inni itti hime maraa, waan inni isa ajajee fi maalalee maraa Aaroonitti hime.
29
Kanaan maayessa Muuse'ee fi Aaroonillee deemanii jaarsota banii Israa'elii maraa wolitti qaban.
30
Aaroonillee waan Rabbi Muuse'etti dubbate maraa himee, maalalee maraa banii afo'otti hojjate.
31
Baniinillee hin amane; akka Rabbi ijoollee Israa'elii tooyatee rakkinna isaaniillee arge haga dhagayan gad jedhanii Rabbii sagadan.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40