bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 8
Exodus 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 9 →
1
Kanaan maayessa Rabbi Muuse'een «Gara Fari'oonii dhaqiitii ‹Akka na tajaajilan banii kiyya gad dhiisi siin jedha Rabbi;
2
yoo gad dhiisuu didde ammo biyya tee maraa irratti raacha gad dhiisa.
3
Lannillee raacha dhala; raachanillee yaa'anii gara mana keetii, gara hulee ati bultuu, gara siree teetii, gara mana garboota teetii, gara banii keetii, meeshaa waa itti nyaatanii fi itti bilcheeffatanitti seenan;
4
raachan maruu si'i, banii keetii fi garboota kee maraa irra yaa'an.› » jedheen.
5
Rabbi Muuse'een, «Aarooniin ulee tee fudhadhuutii lagaa fi burqaa bisaanii, hulee bisaan itti kuufamu irra harka kee diriirsii raachan biyya Misirii maraa irratti yaa'aa jedhi» jedheen.
6
Kanaafuu Aaroonillee bisaan biyya Misirii maraa irratti harka ufii diriirse; Raachanillee yaa'anii biyya Misirii maraa irra garagalan.
7
Worri asmaa hojjatuu fi morullee akkasuma godhan; biyya Misirii maraa irra raacha yaasan.
8
Fari'oon Muuse'ee fi Aarooniin waamee akka Rabbi naa fi banii kiyya irraa raacha kaasu Rabbiin naa kadhadhaa'a; banii keessan Rabbii akka ciincaa dhiyeessan gad dhiisaa» isaaniin jedhe.
9
Muuseenillee Fari'ooniin «Akka raachan mana keetii badan, laga keessatti akka hafan si'ii fi garboota keetii, banii keetiifillee yoom akka Rabbiin sii kadhannu nutti himi» jedheen.
10
Innillee, «Boru» jedheen. Muuseenillee, «Rabbiin Waaqa keenna fakkaatu akka hin jirre akka beettu akkuma jecha keetii haa ta'u.
11
Raachanillee si biraa, mana keetii, ka garboota keetiitii fi banii kee biraa hin deeman; laga keessatti hafan» jedheen.
12
Muuse'ee fi Aaroon Fari'ooniin biraa bayanii deeman; Muuseen akka Rabbi raachan mana Fari'ooniitii baasuuf Rabbiin kadhate.
13
Rabbillee akkuma Muuseen kadhate san godhe; raachanillee bakkuma jiran marattuu dhumanii,
14
akka tuula'aatitti wolitti qaban; laftillee hin ajoofte.
15
Fari'oon akka raachi dhume haga arge garaa jabaatee waan Rabbi isatti dubbate hin dhageenne.
16
Rabbi Muuse'een, «Aarooniin ulee tee fuudhiitii daaraa lafaa dhayi; akka daaraan biyya Misirii maraa irratti bookee nama iddu ta'u jedhiin» jedhe.
17
Isaanillee akkasuma godhan; Aaroon harka ufii ol fudhatee ulee ufiitiin daaraa lafaa dhoofnaan sa'aa nama irratti daaraan biyya Misirii maruu bookee nama iddutti jijjiirame.
18
Worri asmaa hojjatuu fi worri moru baasuu yaalan; garuu baasuu hin dandeenne; bookeen nama iddu sa'aa nama irra yaa'e;
19
Worri moru Fari'ooniin «Kun hujii Rabbiiti!» jedhaniin; onneen Fari'oonii ammo hin jabaatte; waan Rabbi jedheen hin dhageenne.
20
Rabbi Muuse'een, «Fari'oon obboro'oon ka'ee laga bu'aa isa afoo dhaabadhuu; Rabbi akkana jedha; ‹Akka na tajaajilan banii kiyya gad dhiisi;
21
Yoo banii kiyya gad dhiisuu didde ammo si'ii fi garboota kee, bani'ii fi mana kee maraa irrattuu qarxaasaa nama iddu gad dhiisa; manniin biyya Misiriitii fi lafa isaanii maraa qarxaasa'atu guuta.
22
Guyyama san ani Rabbiin akka ta'e akka beettu lafa Geersaamii ta baniin kiyya irra jiraatu akka qarxaasaan irra hin jiraanne adda fooya.
23
Banii kiyyaa fi banii kee gara gara fooya; maalaleen kun boruma ta'a.› »
24
Rabbillee akkasuma godhe; mana Fari'ooniitii fi mana garboota isaa maraa keessa qarxaasa'atu nam'e; biyyi Misirii maruu sababaa qarxaasa'aatiif bade.
25
Kanaan maayessa Fari'oon Muuse'ee fi Aarooniin waamee «Deema'aatii biyyuma tana keessatti ciincaa Waaqa keessanii dhiyeessaa'a» isaaniin jedhe.
26
Muuseen, «Rabbii Waaqa keennaa ciincaa biyya Misirii kana keessatti dhiyeessuun nu hin barbaachisu; worri biyya Misirii waan nu ciinceessinu akka batti'iitiitti waan laalaniif yoo nu waan isaan akka batti'iititti laalan kana biyya Misiriititti isaan afo'otti ciincessine isaan nuun hin lolanii?
27
Nu'u Rabbii Waaqa keennaa ciincaa dhiyeessu'uuf akkuma Rabbi Waandhi keenna nu ajaje deemsa guyyaa sadihii gara lafa gammoojji'ii deemna» jedhe.
28
Fari'oonillee, «Rabbii Waaqa keessanii akka lafa gammoojji'iititti ciincaa dhiyeessitan gad isin dhiisaa; garuu fagaattanii hin deeminaa'a; Waaqa naa kadhadhaa'a» jedhe.
29
Muuseenillee, ‹Kunoo ani si biraa deema; qarxaasaan Fari'ooniin biraa, garboota isaatii fi banii isaa maraa irraa boru akka deeman Rabbiin kadhadha; garuu akka baniin Rabbii ciincaa hin dhiyeessine ammallee deebitee nu hin sobin» jedheen.
30
Muuseen Fari'ooniin biraa bayee Rabbiin kadhate;
31
Rabbillee akkuma Muuseen kadhate qarxaasaa Fari'ooniin biraa, garbootaa fi banii isaa maraa irraa tokko uduu hin hafne kaase; Rabbillee akkuma Muuseen jedhe godhe.
32
Yoma san Fari'oon onnee ufii jabeeffate; baniillee gad dhiisuu dide.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40