bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 29
Exodus 29
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 30 →
1
«Gadumma'aan akka na tajaajilan wonti ati isaan woyyoomsu'uuf gootu kana; jibicha mudaa hin qabnee fi korbeeyyii hoola'aa lama ta mudaa hin qabne qopheessi;
2
xoroshoo, buddeena, bixilee dhadha'aan sukkuumamee fi xoroshoo haphii dhadha'aan dibame daakuu qamadi'ii irraa qopheessi;
3
Waan kana maraa masoobii tokkocha irra kaayii jibichaa fi korbeeyyii lamaan woliin dhiyeessi.
4
Aaroonii fi ijoollee isaa gara daasee wol gayi'ii fidiitii bisaaniin nafa isaanii dhiqi.
5
Kanaan maayessa Aarooniin uffata gadumma'aa, shamisii, Efuudii, shinshinii efuudii irraan uffatan ka qomaa itti uwwifta; sabbata seeraan akka misha'atti dhayame hidhachiifta.
6
Maratallee mata'atti mariif; badhaasa woyyoome marata san irra goota.
7
Dhadhaa fuutee mataa isaa irratti buufta; hin muuddalle'e.
8
Ijoollee isaallee fuutee shamisoota itti uwwifta;
9
mudhii Aarooniitii fi mudhii ijoollee isaa sabbataan hidhi; qoobiillee itti gootee gadoota isaan goota; seerri gadumma'aa kun baraa haga bara baraa isaaniif ta'a.
10
Mirgoo gara daasee wol gayi'ii fidiitii Aaroonii fi ijoolleen isaa harka isaanii mataa mirgo'oo irra haa kaayanii.
11
Mirgoo balbala daasee wol gayanitti Rabbiin afoo fidii goorra'i.
12
Dhiiga mirgo'oo san irraa qubaan fuudhii gaaffan hulee ciinca'aa dibi; dhiiga hafe maraa hulee ciinca'aa jalatti jissita.
13
Moora madhumaan gara'aa maraa, cooma tiru'uutii fi kalee lamaan irra jiru fuudhiitii hulee ciinca'aa irratti ciinceessi.
14
Foon mirgo'oo, gogaa isaa, mi'a gara'aa ka hafe maraa ammo qe'e'ee baaftee ibiddaan gubda; kun ciincaa cubbu'uuti.
15
Korbeeyyii lamaan keessaa korbeessa hoola'aa tokkocha fuutee Aaroonii fi ijoolleen isaa harka isaanii kallacha korbeessa hoola'aa irra haa kaayanii;
16
korbeessa hoola'aa san qaltee dhiiga isaa fuutee naannaya ciinca'aatitti facaafta;
17
korbeessa hoola'aa san fuutee foon roga roga isaatiin mummurtee mi'a gara'aatii fi kottee arfanuu miiccee ka roga rogaan kukkutte san woliin keetta.
18
Achiin maayessa foon korbeessa hoola'aa san marumaa hulee ciinca'aatitti ciincessita; kun ciincaa Rabbiif ciincawuu fi ciincaa urgaawu; kun ciincaa Rabbiin gammachiisu ka ibidda irratti gubamu.
19
Hoolaa lammeesso'oollee fuutee Aaroonii fi ijoolleen Aaroonii harka isaanii kallacha isaa irra kaayan.
20
Hoolaa san qaltee dhiiga isaa fuutee qaccee gurra Aaroonii ka mirgaatii fi qaccee gurra ijoollee Aaroonii ka mirgaa, quba luka mirgaa abbuuddichaa fi quba harkaa isaanii abbuuddichaan tuxxa; dhiiga hafe hulee naannaya ciinca'aatitti facaafta.
21
Dhiiga hulee ciinca'aa jiruu fi dhadhaa irraallee diqqoo fuudhii uffata Aarooniitii fi uffata ijoollee isaa maraa irraati facaasi; inni, uffanni isaa, ijoolleen isaa, uffanni ijoollee isaallee isuma woliin woyyooman.
22
Akkasuma ka ittiin gadaa ta'an korbeessa hoola'aa waan ta'eef cooma hoola'aa, duma isaa, cooma mi'a gara'aa dhossu, moora tiruu irratti maramu, cooma kalee lamaan irra jiruu fi irree mirgaallee hin fuutu.
23
Buddeena tokkoo fi buddeena dhadha'aa tokko, xoroshoo haphii, xoroshoo masoobi'ii ka Rabbiin afoo jiru fuutee
24
harka Aarooniitii fi harka ijoollee Aaroonii keessa keetta; kennaa Rabbiin afo'otti sosocho'u gootee dhiyeessita.
25
Harka isaaniitii fuutee ciincaa ciincawu woliin Rabbiin afo'otti urgaa mishaa akka ta'u gubda; kun kennaa ibiddaan Rabbiif dhiyaatu.
26
Handaraafa hoolaa gadummaa Aarooniitiif qalame fuutee ciincaa Rabbii gootee afoo Rabbiititti sochoofta; kun seera kee ta'a.
27
Korbeessa hoola'aa ka ittiin gadaa ta'u'uuf fuudhan waan Aarooniitii fi ijoollee isaatiif seera ta'u handaraafa ciinca'aaf sochoofamuu fi irree achi keessaa fuudhame hin foota.
28
Baniin kiyya hennaa kennaa tokkumma'aa dhiyeessan handaraafa horii qalameetii fi luka duubaa Aaroonii fi ijoollee isaatiif gayee akka ta'u murteesseera; murtiinillee seera baraa haga bara baraa ta'a; kun kennaa baniin ana Rabbiif dhiyeessu.
29
«Uffanni woyyuun Aaroonii ka inni ittiin gadaa ta'e isaan maayessallee ijoollee isaatiif haa ta'uu.
30
Ijoollee keessaa ka gadaa ta'ee mana Woyyuu keessatti tajaajilu daasee wol gayi'ii keessa hennaa seenu guyyaa torbaaf haa uffatuu.
31
Korbeessa hoola'aa ka ittiin gadaa ta'u fuutee foon isaa hulee woyyu'utti affeelta.
32
Ijoolleen Aaroonii foon korbeessa hoola'aa san, buddeena masoobii keessa jirullee balbala daasee wol gayi'iititti haa nyaatanii.
33
Buddeena yookaan foon ittiin gadaa ta'anii fi waan araaraatiif ka isaanii ta'e kana irraa haa nyaatanii; namni biraa ammo akka hin nyaanne waan woyyoomeeruuf.
34
Buddeena yookaan foon ittiin gadaa ta'an yoo hafee bule waan hafe san waan woyyuu ta'eef hin nyaattamu.
35
Akkuma ani si ajaje Aaroonii fi ijoollee isaatiillee kana godhi; guyyaa torbaaf gadaa isa taasifta.
36
Guyya guyya'aan waan araara cubbu'uutiif jibicha ciincaa dhiyeessita; haga waan araaraa gooteen maayessa hulee ciinca'aa hin midhaassita; akka woyyuu ta'uufillee dhadhaa ejersaa dibda.
37
Guyyaa torbaa hulee ciinca'aatitti waan araaraatiif qaltee woyyoomsita; huleen ciinca'aallee Woyyuu Woyyoota keessaa ta'a; ka hulee ciinca'aa tuqe maruu hin woyyooma.
38
Hulee ciinca'aa sanitti ka ati dhiyeessitu kana; guyya guyya'aan hennaa maraa korbeeyyii lamaa wogga'aaf dhiyeessita.
39
Korbeessa tokko ganama dhiyeessita; korbeessa lammeesso'oo galgala dhiyeessita.
40
Korbeessa duraa woliin daakuu qamadi'ii kiiloo tokko, sayitii ejersaa ka dhimbiibamee sukkuumameen kennaa dhugan liitirii tokko dhiyeessi.
41
Korbeessa lammeesso'oo ammo galgala qalta; akkuma ka ganamaa kennaa nyaataatii fi dhuddo'oo gootee dhiyeessita; Rabbiif kennaa urgaawu ta'a.
42
Yoo ani si woliin qaaqu'uuf balbala daasee wol gayi'ii dhufe kun Rabbiin afo'otti ciincaa hennaa maraa ciincawu ta'a.
43
Ijoollee Israa'elii woliin achitti argama; daaseenillee ulfinna kiyyaan woyyooma.
44
Daasee balbala wol gayi'iitii fi hulee ciinca'aallee hin woyyoomsita; Aaroonii fi ijoollee Aaroonii akka isaan gadumma'aan na tajaajilan isaan woyyoomsa.
45
Ijoollee Israa'elii jidduu jiraadha; Waaqa isaanii ta'a.
46
Akka ani Rabbii Waaqa isaanii ta'ee isaan jidduu jiraadhee biyya Misiriitii isaan baase hin beekan; ani Rabbi Waaqa isaaniiti.
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 30 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40