bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 10
Exodus 10
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 11 →
1
Kanaan maayessa Rabbi Muuse'een, «Akka ani Waaqa ta'e akka beettan waan ani biyya Misirii irratti godhe maraa ilmaan ilmaan teetiititti akka himtu ani maalalee tanallee isaan jiddu'utti godhu'uuf garaa Fari'ooniitii fi garaa garboota isaa jabeesseeraa Fari'ooniin bira seeni» jedheen.
3
Kanaafuu Muuseenii fi Aaroon Fari'ooniin bira seenanii «Rabbi Waandhi Ibrootaa ‹Ati haga yoomii ajaja kiyya fudhachuu didda? banii kiyya akka na tajaajilu gad dhiisi;
4
Yoo banii kiyya gad dhiisuu didde ammo ani boru biyya kee irratti tuuta awwaannisaa gad dhiisa.
5
Innillee lafa dhossa; laftillee hin mudhattu; midhaan baradaa irraa hafe awwaannifni nyaatee fixa; muka keessan ka maasaa keessatti marge maraa isin jalaa nyaatee fixa.
6
Manniin keellee, manniin garboota teetii maraa fi manniin worra biyya Misirii maraa awwaannifni keessa guuta; wonti kun waan abboonni abboota teessanii urga dhalatan irraa jalqabanii hin arginetu ta'a» jedhanii Fari'ooniin biraa bayan.
7
Garboonni Fari'oonii, «Namni kun haga yoomii gufuu nutti ta'a? namoonni akka Rabbii Waaqa ufii tajaajilan gad isaan dhiisi; akka biyyi Misirii bada'aartu arga'aa hin jirtuu?» Jedhaniin.
8
Kanaafuu Fari'oon Muuse'ee fi Aarooniin deebi'ee waamsisee «Deema'aa Waaqa keessan tajaajilaa'a; garuu namoonni deeman eennuun fa'a?» isaaniin jedhe.
9
Muuseen, «Nutu deema; waan Rabbiin ayyaanteffannuuf didiqqa'aa fi gugurdaan, jaarsonni teenna, ijoolleen teenna ta dhiiraatii fi ta intalaa, hoolonninii fi loowwan keennallee nu woliin deeman» Jedheen.
10
Fari'oon «Isinii fi ijoollee teessanillee Rabbi isin woliin haa ta'u; garuu didda'aaf akka karoorfattan beekeera;
11
isin firri isaa yookaan jaalalloon isaa isa tajaajiluu waan barbaaddaniif deema'aa Rabbiin tajaajilaa'a» isaaniin jedhee Fari'oon uf afo'oo isaan ari'e.
12
Rabbi Muuse'een, «Akka awwaannifni biyya Misirii irratti quphatee marga baradaa irraa hafe maraa nyaatu akka awwaannifni biyya Misirii maraa irratti dhufu harka kee biyya Misirii irratti diriirsi» jedhe.
13
Kanaaf Muuseenillee biyya Misirii irratti ulee ufii diriirse; Rabbi halkan san qilleensa bariisa'aa halkan guutuu akka bubbisu godhe; hennaa bariite qilleensi baya biiftu'uu irraa bubbisee awwaannisa fide.
14
Awwaannifni guutuma biyya Misirii keessa yaa'e; haga daangaa biyya Misirii maraa irratti quphatan isaanillee guddisanii baay'ee turan; awwaannifni akkasii achiin dura hin turre; asiin maayessallee hin jiraatu.
15
Guutumaan guutu'utti lafa dhossan; biyyiti hin dukkanoofte; waan biyyattii keessatti marge ka baradaa irraa hafe maraa mukaa fi daraaraallee hin nyaatan; wonti jiidhaan biyya Misirii maraa keessatti munninii fi margillee hin hafne.
16
Fari'oon Muuse'ee fi Aarooniin daddafee waamee «Ani isinii fi Rabbii Waaqa keessan yakkeera;
17
amma balleessaan kiyya; tanuma callaa naa dhiisaa'a; akka adabbii guddaa kana na irraa kaasu Rabbii Waaqa keessan naa kadhadhaa'a» isaaniin jedhe.
18
Muuseenillee Fari'ooniin afo'oo bayee Rabbiin kadhate.
19
Rabbillee bubbee dhiya adu'uutii fidee awwaannisa bubbee saniin fuudhee galaana diima'atti gate; awwaannifni tokkollee daangaa biyya Misirii maraa keessatti hin hafne.
20
Rabbi garaa Fari'oonii waan jabeesseef ijoollee Israa'elii gad hin dhiifne.
21
Kanaan maayessa Rabbi Muuse'een «Harka kee gara Sami'ii badhis dukkanti jimiin eennullee arguu hin dandeenne worra Misirii irratti haa ta'uu» jedhe.
22
Muuseenillee harka ufii gara Sami'ii badhifnaan dukkanti jimiin guyyaa sadihiif worra Misiriititti bu'e.
23
Eennullee obboleessa ufii arguu hin dandeenne; guyyaa sadihiif eennulle hulee ufiitii hin kaane; ijoolleen Israa'elii maruu ammo hulema taa'anitti ifa qaban ture.
24
Fari'oon Muusee waamee, «Deema'aa Rabbiin tajaajilaa'a; garuu hoolotaa fi horii keessan dhiisaa'a; ijoolleen teessan ammo isin woliin haa deemanii» jedheen.
25
Muuseen, «Ati ciincaa Rabbii Waaqa keennaa ciincessinu nuu kennitaa?
26
Rabbii Waaqa keenna tajaajilu'uuf horiin keenna nu woliin deema; qeensi tokkolle asitti hin hafu; Waaqa keenna haga achi geennuuf hennaa meeqa akka tajaajillu hin beennu» Jedhe.
27
Rabbi waan garaa Fari'oonii jabeesseef Fari'oon gad isaan dhiisuu hin feene.
28
Fari'oon, «Narraa deemi! yoo fuula kiyya afoo deebitee dhaabatte akka duutu beeki; lamuu fuula kee arguu hin barbaadu» jedheen.
29
Muuseenillee, «Akkuma ati jette haa ta'uu; fuula kee deebi'ee hin argu» jedhe.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40