bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 12
Exodus 12
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 13 →
1
Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin biyya Misirii keessatti;
2
«Jiini kun jalqaba ji'oota maraa isinii haa ta'u; jiini kun ji'a jalqaba wogga'aa isinii haa ta'u.
3
Ijoollee Israa'elii marattuu himaa'a; ji'a kana keessa guyyaa kudhaneesso'ootitti namni maruu mana abbaa ufiitiif korbeessa tokko akka
4
laakkobsa maati'iitiin haa fiduu; inninii fi ollaan isaallee akkuma laakkobsa isaaniitiin korbeessa tokko tokko haa fidanii; martinuu haguma nyaachuu danda'u haa qoodamuu.
5
Korbeessi keessan hoolaa yookaan re'ee keessaa ka mudaa hin qabnee fi ka woggaa tokkoo haa ta'uu.
6
Ji'a kana haga guyyaa kudha afurii haa eeganii; gumiin banii Israa'elii maruu yoo galgalaaye haa qalanii.
7
Dhiiga fuudhanii balbalaa fi qasatoo mana waa itti nyaata'aaran maraa haa dibanii.
8
Foon ibiddaan woddamee fi xoroshoollee halkanuma san baala hadhaayaa san woliin haa nyaatanii;
9
Foon dheedhi'ii fi ka bisaaniin affeelame hin nyaatinaa'a; foon mata'aa, ka many'e'eetii fi mi'a gara'aa maraa wodda'aa nyaadhaa'a.
10
Kanniin keessaa haga ganamaatitti nyaadha'aa fixa'aatii waan hafe ammo ibiddaan gubaa'a.
11
Yoo nyaattan mudhii keessan hidhadhaa'a; kophee keessan godhadhaa'a; ulee teessan harkatti qabadha'aa ariiti'iin nyaadhaa'a; kun Ayyaana faasika'aa ka ana Rabbiin itti kabajjitan isinii haa ta'u.
12
«Ani halkanuma san biyya Misirii maraa keessa lufee hangafa sa'aa namaa ka biyya Misirii maraa ajjeesee waaqolee tolfamaa biyya Misirii maraa adaba; ani Rabbiin waan ta'eef;
13
manni dhiinni irra jiru maruu malkata isinii ta'a; ani mana dhiiga irratti arge maraa bira lufa; hennaa ani biyya Misirii dhawu balaan isin hin tuqu.
14
Guyyaan kun guyyaa itti na qaabattan haa ta'uu; guyyaa Rabbiin ayyaanteffattan isinii haa ta'uu; ayyaanni kun ilmaan ilmaan teessaniitiif seera isinii haa ta'uu» isaaniin jedhe.
15
Guyyaa torbaa xoroshoo nyaattan; guyyaa jalqabaatitti raacitii mana keessanii baasaa'a; guyyaa jalqabaatii haga guyyaa torbeesso'oo namni xoroshoo raacitii uf keessaa qabu nyaate banii Israa'elii irraa fooyamee haa baduu.
16
Guyyaa jalqabaatii jalqabee haga guyyaa torbeesso'oo wol gayii qulqulluu isinii haa ta'u; guyyoota kanniinitti waan nyaataa malee womaa hin hojjattan; kanuma gootan.
17
guyyaa kana banii keessan biyya Misiriitii waan baaseeruuf, ayyaana xorosho'oo kana eegaa'a; eeganaa guyyaa kana ijoollee ijoollee teessaniitii seera bara baraa akka ta'uuf eeddan.
18
Ji'a jalqabaa guyyaa kudha arfeesso'oo galgala irraa jalqabee haga jalqaba guyyaa diddamii tokkoo xoroshoo nyaattan;
19
guyyaa torbaaf mana keessan keessatti raacitiin hin argamin; namni xoroshoo raacitii qabu nyaatu, namni namatti galee jiraatullee dhalataa biyyaa banii Israa'elii irraa fooyamee haa baduu.
20
Waan raacitii uf keessaa qabu kamuu hin nyaatinaa'a; mana keessan marattuu xoroshoma nyaadhaa'a» isaaniin jedhe.
21
Muuseen jaarsota Israa'elii waamee, «Mana keessan maraayyuu korbeessa filadha'aatii ayyaana faasika'aatiif qalaa'a.
22
Baala hisoophi'ii qabaa tokko fuudha'aa dhiiga meeshaa keessa jirutti cuupha'aatii balbalaa fi qasatoo lamaanitti dibaa'a; isin keessaa eennullee haga bariituuf diida hin bayin.
23
Rabbi banii biyya Misirii dhawu'uuf waan bayuuf hennaa dhiiga balbalaa fi qasatoo lamaan irratti arge, Rabbi balbala irra lufa; akka balaan mana isin hin seenne dhoogga;
24
Isin seera kana ufii fi ijoollee teessanii seera baraa haga bara baraa gootanii eeddan.
25
Isin hennaa biyya Rabbi isinii kennu'uuf isinitti himetti galtan seera kana eegaa'a.
26
Yoo ijoolleen teessan ‹Seerri kun maali'i?› jedhanii isin gaafatan;
27
isin ‹Hennaa Rabbi biyya Misirii bala'aan dhaye malkanni Rabbi mana keenna balaa jalaa hambiseen ciincaa faasika'aa kanaan› isaaniin jettan; baniinillee hennaa kana dhagayan gad jedhanii sagadan.
28
Ijoolleen Israa'eliillee deemanii akkuma Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin ajaje godhan.
29
Rabbi halkan qixxee ilma mooticha Fari'oonii teessoo irra taa'ee irraa jalqabee hangafa worra mana hidha'aa keessaa, haga ijoollee hangafaa worra booji'amanii, hangafa worra biyya Misirii maraa haga hangafa horiin goromumma'aan dhalee mara fixe.
30
Fari'oonii fi garboonni isaa maruu worri biyya Misirii maruu halkaniin yoo ka'an manni namni keessaa hin duune waan hin jirreef biyya Misirii maraa irratti booya guddaa booyan.
31
Fari'oon Muuse'ee fi Aarooniin halkanuma san waamee, «Isin ijoolleen Israa'elii banii kiyya keessaa baya'aa deemaa'a; akka ani ijaan isin hin argine deema'aa Rabbii keessan tajaajilaa'a.
32
Akkuma jettan gobbuu keessanii fi horii keessan fudhadha'aa deemaa'a; ana ammo eebbisaa'a» jedhe.
33
Worri biyya Misirii «Akka baniin Israa'elii biyya san keessaa ariiti'iin bayaniif isaan jarjarsa'aa turan; isaan maruu waan dhuma'aaran waan isaanitti fakkaateef»
34
baniin dukkuussiin isaanii uduu hin bukoofne fuudhanii keree isaaniillee uffata ufiitiin maranii gurmuu ufiititti baadhatan.
35
Ijoolleen Israa'elii akkuma Muuseen isaan ajaje godhan; worra biyya Misirii irraa birrii, meeshaa worqi'iitii fi uffata kadhatan.
36
Rabbillee banii Israa'eliitii banii biyya Misirii afo'otti waan isaan barbaadan akka isaanii kennaniif gaachena isaanii ta'e; isaanillee waan isaan qaban maraa saamanii deeman.
37
Ijoolleen Israa'elii Raamse'ee ka'anii gara Suukootii hennaa deeman daa'immaniin ala haga namoota kuma dhibba jahaa turan.
38
Akkasuma ka biraallee baniin wol maka'aa baay'e'e, tinni hori'iillee baay'e'etu isaan woliin yaa'e.
39
baniin dukkuussii ufii ka biyya Misiriitii qabatanii bayaniin ka hin bukoofne bixilee xorosho'oo bilcheeffatan; worri biyya Misirii waan isaan jarjarsaniif dhalee qopheeffachuu hin dandeenne.
40
Ijoolleen Israa'elii biyya Misirii keessa woggaa dhibba afurii fi soddoma jiraatan.
41
Haga woggaan dhibba afurii fi soddomaa dhumeen maayessa baniin Rabbii maruu guyyaa san biyya Misirii keessaa bayan;
42
galgalli sun galgala gaafa Rabbi biyya Misiriitii isaan baase waan ta'eef guyyaan guyyaa Rabbiiti; halkan sun ijoollee Israa'elii maraa biratti haga ijoollee ijoollee isaaniititti guyyaa Rabbiif woyyoome.
43
Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin, «Kun seera ayyaana faasika'aati; kana irraa namni nyaaphaa akka hin nyaanne.
44
Garbichi hori'iin bitame yoo jiraate haga gadoomeen maayessa haa nyaatuu.
45
Namni namatti galee jiraatuu fi hojjataan guyya'aa ammo akka hin nyaanne.
46
Mana tokko keessatti haa nyaatanii; mana keessaa foon tokkollee gara diidaa hin baasinaa'a; lafeellee hin caccabsinaa'a.
47
Gumiin Israa'elii maruu akkasuma haa godhanii;
48
garuu namni galaan isin jidduu jiraatee ayyaana faasikaa Rabbii godhuu yoo barbaade dura dhiirti maruu haa gadoomanii, achiin maayessa haa qaluu, innillee akka mucaa biyya sanii ta'a; ka hin gadoomne ammo achi irraa akka hin nyaanne.
49
Ka dhalataa biyya sanii hin taane galaa isin keessa jiraatuu kun seera tokko» isaaniin jedhe.
50
Ijoolleen Israa'elii maruu akkuma Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin ajaje godhan.
51
Gaafa san Rabbi banii Israa'elii maraa addaan qoqqoodee biyya Misiriitii baase.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40