bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 7
Exodus 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 8 →
1
Rabbi Muuse'een, «Ila ani Fari'ooniin irratti akka Waaqaa akka taatu si taasisa; obboleessi kee Aaroon raagaa sii ta'a.
2
Waan ani sitti hime maraa ati isatti himta; obboleessi kee Aaroon akka Fari'oon ijoollee Israa'elii gad dhiisu isa woliin dubbata;
3
garuu ani onnee Fari'oonii hin jabeessa; biyya Misiriititti maalale'ee fi baasa kiyya baay'eessa.
4
Fari'oon ammo isinii hin dhagawu; ani irree kiyya biyya Misirii irra kaaya; isaan adabee banii kiyya ijoollee Israa'elii biyya Misiriitii baasa.
5
worri biyya Misirii hennaa ani irree kiyya isaan irratti kaasee ijoollee Israa'elii isaan jiddu'uu baase, akka ani Rabbiin ta'e na beekan» jedhe.
6
Muuse'ee fi Aaroon akkuma Rabbi isaan ajaje godhan.
7
Hennaa Fari'oonitti dubbatan Muuseen nama woggaa saddeettamaa; Aaroon ammo nama woggaa saddeettamii sadihii ture.
8
Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin
9
«Yoo Fari'oon ‹Maalalee natti mudhisaa› isiniin jedhe; Aarooniin ulee tee fuudhiitii bofa akka taatu Fari'ooniin afoo buusi» jedheen.
10
Kanaaf Muuse'ee fi Aaroon Fari'ooniin bira seenanii akkuma Rabbi isaan ajaje san godhan; Aaroon ulee ufii Fari'oonii fi garboota isaa afoo buufnaan uleen bofa taate.
11
Kanaan maayessa Fari'oon ogeeyyi'ii fi worra mita hojjatan waame; mortuunii fi worri asmaa hojjatan ka biyya Misiriillee akkasuma godhan.
12
Isaan maruu uleewwan ufii lafa buusan; ta isaaniillee bofa taate; uleen Aaroonii ammo uleewwan isaanii liqimsite.
13
Akkuma Rabbi dubbate onneen Fari'oonii waan jabaateef isaanii hin dhageenne.
14
Kanaan maayessa Rabbi Muuse'een «Onneen Fari'oonii waan jabaatteef banii gad dhiisuu didee kanaafuu obboro'oon ka'iitii gara Fari'oonii dhaqi;
15
inni ka laga bu'eeru argitaa; ati laga bu'ii qarqara bisaanii dhaabadhuu ulee tee ta bofa taatee jijjiiramte san harkatti qabattee akkana jettaan,
16
‹Rabbi Waandhi Ibrootaa lafa gammoojji'ii keessatti akka na tajaajilan banii kiyya gad dhiisi jedhee gara kee na erge; ati ammo haga adhaa dhagayuu didde.
17
Rabbi akkana jedha; «Akka ani Rabbiin ta'e kanaan beetta; ani ulee harkaa qabu tanaan bisaan lagaa kana dhaya; bisaanillee jijjiiramee dhiiga ta'a.
18
Qurxummiin laga keessa jiran maruu hin dhuman; lannillee hin ajaaya; worri biyya Misirii bisaan woraabbatanii dhuguu jibban.› » jedheen.
19
Rabbi Muuse'een, «Aaroon ulee ufii fudhatee laggiin, boyiiwwanii fi haroowwan maraa irra akka diriirsu itti himi; hennaa san bisaan maruu jijjiiramee dhiiga ta'a; meeshaan bisaan itti kuufamu ka dhaga'aa fi muka irraa hojjatame bisaan biyya Misiriititti argamu maruu uduu hin hafne dhiiga ta'aa» jedheen.
20
Muuse'ee fi Aaroon akkuma Rabbi isaan ajaje godhan; Aaroon ulee ufii kaasee Fari'oonii fi garboota isaa afo'otti bisaan lagaa dhaye; bisaan lagaa maruu jijjiiramee dhiiga ta'e.
21
Qurxummiin laga keessa jiran maruu hin dhuman; lannillee hin ajaaye; worri biyya Misirii bisaan lagaa dhuguu dadhaban; dhiinni biyya Misirii maraa irra ture.
22
Mortoonni biyya Misiriillee asmaa ufiitiin akkasuma godhan; akkuma Rabbi dubbate onneen Fari'oonii jabaatee isaan dhagawuu dide.
23
Fari'oon deebi'ee gara mana ufii gale; waan kana womattuu hin laakkofne.
24
Baniin biyya Misirii maruu bisaan lagaa waan dhuguu dadhabaniif laga san biratti bisaan dhugan baafachu'uuf boolla qotan.
25
Haga Rabbi bisaan lagaa dhayeen maayessa guyyaan torba raawwatame.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40