bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 27
Exodus 27
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 28 →
1
«Hulee ciinca'aa ka dheerinni isaa ciqilee shanii, dalgillee ciqilee shanii muka ajo'oo irraa hojjadhu; inni ka roga afurii qabu haa ta'uu; hojjaan isaa ciqilee sadihii haa ta'uu.
2
Roga arfanittuu gaafa godhiif; gaafni sunniinillee ka isaan wolitti hojjatame haa ta'uu; sibiila diima'aan uwwisi.
3
Xuwweewwan daaraa ibiddaa itti buusan, ka ibidda ittiin qabsiisan, kereewwan, qadhabaawwan, girgiraawwan ibidda itti bobeessanillee hojjadhu; meeshaa sanniin maraa sibiila diimaa irraa hojjadhu.
4
Sibiila akka gingilcha'aatitti hojjatameen kali; kaloo saniif roga arfaniifuu qaalofni isaa arfanuu ka sibiila diimaa irraa hojjatame haa ta'uu.
5
Kaloon sun haga hulee ciinca'aa wodhakka'aan bawutti qacce'ee gadi godhi;
6
hulee ciinca'aatiif loosaa muka ajo'oo irraa hojjadhuutii sibiila diima'aan uwwisi.
7
Loosaa qaalawwan keessa naqi; hennaa waan ciincaa irratti dhiyeessan baadhattan, loosaan sunniin gama lamaaniinuu haa bawuu.
8
Akkuma fakkeenna gaara irratti sitti mudhiseetitti hulee ciinca'aa cufanaa irraa hojjadhu; keessi isaa akkasuma duwwaa haa ta'uu.
9
«Hulee bulti'ii afoo ka raasaa itti gad bayanii gara bita'aatiin golgaa waan mishaa irraa hojjatame godhiif; dheerinni gama tokkoo ciqilee dhibbaa haa ta'uu.
10
Utubaawwan diddamaatii fi miila diddamaa ka sibiila diimaa irraa hojjataman godhiif; huleen itti fannisanii fi soomayyuun isaa ka birrii irraa hojjatame haa ta'uu.
11
Akkasuma gara mirgaatiinillee golgaa dheerinni isaa ciqilee dhibbaa ta'e, utubaawwan diddamaa ka sibiila diimaa irraa hojjatamee fi miila diddamaa godhiif; utubaawwan sanniinitti fannoo birri'iitii fi soomayyuu hojjadhuuf; luka diddamaa godhiif;
12
Golgaan hulee itti gad bayanii ciqilee shantamaa, utubaawwan kudhaniitii fi miila kudhanii haa qabaatanii.
13
Gara bariisa'aatiin badhinni hulee itti gad bayanii ciqilee shantamaa haa ta'uu.
14
Gama tokkoon dheerinni golgaa ciqilee kudha shan haa ta'uu; utubaanii fi miilli sadihi sadihi haa ta'u.
15
Gama kaaniinillee dheerinni golgaa ciqilee kudha shan haa ta'uu; utubaanii fi miilli sadihi sadihi haa ta'uu.
16
Golgaa hulee itti gad bayanii afo'oo carqii bulee akka Sami'ii, diimaa dhiilgee, uffata mishaa jirbii irraa hojjatamee fi ka jirbiin carqi'ii irratti saamsame ciqilee diddamaa haa ta'uu; utubaawwan isaa afur, miilli isaallee afur haa ta'uu.
17
Utubaawwan naannaya hulee itti gad bayanii jiran maraa soomayyuu birri'ii itti godhi; makkallaawwan birrii irraa, miila isaanii sibiila diimaa irraa hojjadhu.
18
Dheerinni hulee itti gad bayanii ciqilee dhibbaa, badhinni ciqilee shantamaa haa ta'uu; ol dheerinni golgaa ciqilee shan, golgaanillee uffata mishaa jirbii irraa hojjatamee fi miilli isaa ka sibiila diimaa irraa hojjatame haa ta'uu.
19
Meeshaan tajaajilaa ka hulee bulti'ii maruu, xiribbaawwan hulee itti gad bayan dhaabaniin maruu ka sibiila diima'aa haa ta'uu.
20
Ati hennaa maraa akka isaan ibsaa ibsan sayitii ejersaa ka dhimbiibame ijoolleen Israa'elii akka sii fidan ajaji.
21
Aaroonii fi ijoolleen isaa galgalaa haga ganamaa daasee itti wol gayan keessatti golgaa saanduundhi waada'aa taa'uun alatti Rabbiin afo'otti akka ifu haa qopheessanii; seerri kun Israa'elii fi ijoollee ijoollee isaaniitii seera bara baraa haa ta'uu.
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 28 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40