bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 6
Exodus 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 7 →
1
Rabbi Muuse'een, «Irree kiyya jaba'aan banii kiyya gad isaan dhiisisiisa; mootichi Fari'oon irree kiyya jaba'aan mooyatamee gad isaan dhiisa» jedhe.
2
Rabbi Muuse'een «Ani Rabbii (Yaahiwwee) waa maraa danda'u (El Shaadaayi)
3
ka Abrahaam, Yisaaqii fi ka Yaaqoobitti mudhadhe; garuu maqaan kiyya isaanitti hin beekkamne ture.
4
Biyya Kana'aanii ta itti baqatanii keessummummaa keessa taa'an san isaan dhaalchisu'uuf waadaa isaanii gale.
5
Akkasuma ani booyicha ijoollee Israa'elii ka worri Misirii isaan boochise dhagayee; waadaa isaanii galellee yaadadhe.
6
Kanaafuu ijoollee Israa'eliitiin «Ani Rabbi; garbummaa biyya Misirii jalaallee isin baasa; isaan faanshachuu jalaallee isin baasa; irree kiyya diriirsee murtii kiyya gudda'aan isin hambisa.
7
Banii kiyya isin taasifadha; Waaqa isinii ta'a; ani Rabbii garbumma biyya Misirii jalaa isin baase akka ta'e hin beettan.
8
Gara biyya Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobii hin kenna jedhee waadaa galetti isin galcha; biyyattii san ristii teessan taasisee isinii kenna; ani Rabbiin waan ta'eef» jedhe.
9
Muuseen waan kana ijoollee Israa'eliititti hime; isaan ammo waan hujiin isaanitti guddatee nafti isaanii miidhameef dubbii isaa dhagawuu hin barbaanne.
10
Ammallee Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
11
«Mootii biyya Misirii bira seeniitii akka inni ijoollee Israa'elii biyya Misiriitii akka isaan dhiisu itti himi»
12
Muuseenillee Rabbiin, «Ka ijoolleen Israa'elii na hin dhageenne; attamitti mootichi Fari'oon na dhagaya? ani waan nama afaan cabaqu ta'eef» jedhee dubbate.
13
Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin, «Akka isin binii Israa'elii masakkitanii biyya Misiriitii baaftan akka ani isin jaje; binii Israa'eliitii fi mootii biyya Misirii Fari'oonitti himaa'a» jedhee ajaje.
14
Bulchoonni mana abbaa isaanii kanniin; ijoolleen Roobeelii ta ilma hangafaa ta Israa'elii Heenoon, Falus, Aasroonii fi Karmi'i; kunniin gosa Roobeeliiti.
15
Ijoolleen Simooniillee Yimu'eel, Yaamiin, Ahaad, Yaakiin, Xohaarii fi Saa'ulii ilma Kana'aantitti'iiti; kunniin gosa Simooniiti.
16
Maqaan ijoollee leewwi'ii akka gosa isaaniitiin Geedisoon, Qa'aatii fi Meeraariin fa'a; umuriin Leewwi'ii woggaa dhibba tokkoo fi soddomii torba ture.
17
Ijoolleen Geedisoonii akka gosa isaaniitiin Loobeenii fi Saamee'iin fa'a.
18
Ijoolleen Qa'aatiillee Inbaraam, Yisi'aar, Keebroonii fi Uuzi'eel fa'a; umuriin Qa'aatii woggaa dhibba tokkoo fi soddomii sadihi.
19
Ijoolleen Meeraarii Moohoolii fi Musii fa'a; kunniin akka hortee isaaniitiin gosa Leewwi'iiti.
20
Inbaraam mucattii eessuma ufii Yookaabiidiin fuudhe; isiin Aaroonii fi Muusee deetteef; umuriin Inbaraamii woggaa dhibba tokkoo fi soddomii torba ture.
21
Ijoolleen Yitsaarii Qoree, Naafeegii fi Zikiriin fa'a.
22
Ijoolleen Uuzi'eelii Misaa'eel, Eldaafaanii fi Sitirii fa'a.
23
Aaroon mucattii Amnaadaabii obboleettii Na'aasoonii Eliisheebaa fuudhe; isiinillee Naadaab, Abiyood, Alaazarii fi Itaamiriin deetteef.
24
Ijoolleen Qore'ee Aseer, Hilqaana'aa fi Abiyaasar fa'a; kunniin gosa ijoollee Qore'eeti.
25
Alaazar ilmi Aaroonii ijoollee faati'eelii keessaa intala fuudhe; Isiinillee Finihaasiin deette; kunniin abbootaa fi bulchoota gosa Leewwi'iiti.
26
Kunniin worra Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin «Banii Israa'elii akka gosa isaaniitiin biyya Misirii keessaa baasaa'a» jedhee ajaje.
27
Worri mootii biyya Misiriitiin, «Banii Israa'elii gad dhiisi» jedhee itti dubbate isaan.
28
Hennaa Rabbi biyya Misiriititti Muuse'etti dubbate waan kanatu ta'e;
29
Rabbi Muuse'een «Ani Rabbi; waan ani sitti himu maraa mootii biyya Misirii Fari'oonitti himi» jedhee itti dubbate.
30
Muuseen Rabbiin «Ani nama afaan cabaquu attamitti Fari'oon naa dhagaya» jedheen.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40