bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 15
Exodus 15
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 16 →
1
Kanaan maayessa Muuseenii fi baniin Israa'elii akkana jedhanii faaruu Rabbiif faarfatan; Rabbi waan ulfinnaan guddaa ta'eef, farado'oo fi worra faradoo yaabbatan waan galaanatti gateef Rabbiif faarfadha.
2
Hunninii fi faaruun kiyyallee Rabbiif; inni qoricha naa ta'e Inni Waaqa kiyyaa hin galatoonfadhaan; Inni Waaqa abbaa kiyyaallee waan ta'eef ulfinna kennaaf.
3
Rabbi lolaa jaba'a; maqaan isaallee Rabbi.
4
«Konkolaataa fardaa ka Fari'ooniitii fi loltuu isaallee galaanatti gate; ajajoonni lolaa filatamoonni galaana diima'aan liqimfaman.
5
Galaanni xiillaan isaan fudhate; akkuma dhaga'aatitti xiillaa jala lixan.
6
«Yaa Waandhana; hunni harka kee ka mirgaa gaachena qaba; diina caccabsee gata.
7
Worra sitti ka'an jabeenna ulfinna keetiitiin balleessite; Aariin kee akkuma ibiddi buraa fixutti isaan fixe.
8
Hennaa ati aari'iin bisaanitti hafuura kee baafatte bisaan ol ka'ee akka girgidda'aatitti dhaabate; dambaliinillee galaana keessatti hin cadhise.
9
‹Diinni ari'ee isaan qaba; qabeenna isaaniillee hin qoodama; waan barbaadellee hin fudhadha; guraadee kiyya luqqifadhee harka kiyyaan isaan balleessa› jedhee ture.
10
Garuu yaa Waandhana; bubbee bubbisiiftee galaanni isaan liqimse; akka sibiila xiillaa galaana gad fago'ootitti gatamaniititti liqimfamanii hafan.
11
«Yaa Waandhana; waaqolee jiddu'utti Waandhi akka keetii eennu? ati Waaqa gaachenaan sodaatamtee fi ka maalalee hojjattee ka akka keetii eennu? ati Waaqa woyyumma'aan kabajjamtee ka akka keetii eessa jira?
12
Harka kee ka mirgaa hennaa diriirsite laftillee diina kenna liqimsite;
13
banii kee arjummaa keetiin furte; jabeenna keetiin gara biyya woyyitti'ii akka galan goote.
14
Worri Yihuudota hin taane dhagayanii hollatan; worri Filisxeemiillee hin muddaman.
15
Hennaa san bulchoonni Eedoomii abdii kutatan; jajjaboonni Moo'aabiillee hin hollatan; Worra Kana'aanii maraa naasu'uun onneen isaanii baxxe.
16
Yaa Waandhana; haga baniin kee ceeyuuf baniin ati furte haga ceeyuuf; isaan naasu'uu fi soda'aan liqimfaman; jabeenna irree keetiitiin akka dhaga'aa cadhisan.
17
Yaa Waandhana; ati isaan hulee ufiif qopheeffatte, gaara ristii keetii irratti isaan dhaabda; yaa Waandhana hulee ufii jiraattu hulee woyyittii harki kee qopheesse keessa isaan galchita.
18
Rabbi baraa haga bara baraa mooya.
19
«Faradoon Fari'oonii worri konkolaataa fardaa oofanii fi worri faradoo yaabbatanillee faradoma ufii woliin galaanatti dhuman; Rabbi galaana isaan irra gara galche; baniin Israa'elii garuu galaana jidduu lafa gogaa irra ceeyan.»
20
Obboleettiin Aaroonii Maariyaam raattittiin dibbee ufii fudhatte; dubartoonni maruu faarfata'aa isii faana yaa'an.
21
Maariyaamillee, «Inni farado'oo fi worra faradoo yaabbatanillee galaanatti gate; ulfinnaan waan kabajjameeruuf Rabbii faarfadhaa'a» jedha'aa isaanii faarfatte.
22
Kanaan maayessa Muuseen Israa'eliin galaana diimaa biraa kaasee lafa gammoojji'ii keessa guyyaa sadihii deeman; garuu bisaan woyiituu hin arganne.
23
Hennaa lafa maaraa jedhamu gayan bisaan maara'aa waan hadhaayaa ta'eef dhuguu hin dandeenne; wonti maaraa jedhameefillee kanumaaf.
24
Baniin Muuse'een «Eeganaa maal dhunna?» jedhanii itti gunguman.
25
Muuseen Rabbiin kadhate Rabbi muka tokko itti mudhise; innillee muka san fuudhee bisaan irra buufnaan bisaan mi'aaye; achitti Rabbi seeraa fi akkaataa ittiin jiraatan kenneefii isaan qore
26
Ati yoo jecha Waaqa keetii jabeessitee eedde, yoo afoo isaatitti waan mishaa goote, yoo isaa ajajamtee seera isaa maraa eedde, dhukkubni worra biyya Misirii irra gawu sirra hin gawu; waan fayyisaan kee ana Rabbiin ta'eef» jedheen.
27
Achiin maayessa gara Eeliimii dhaqan; achi boolla burqaa bisaanii kudha lamaa fi mukkiin Temir jedhamu torbaatamatu ture; isaan bisaan san biratti quphatan.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40