bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 13
Exodus 13
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 14 →
1
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2
«Ijoollee Israa'elii nama irraa haga hori'ii ka hangafa dhalate maruu kiyya waan ta'eef naa woyyoomsi»
3
Muuseen bani'iin, «Guyyaa Rabbi garbummaa biyya Misiriitii isin baase yaadadhaa'a; Rabbi waan irree ufii jaba'aan isin baaseeruuf guyyaa san waan bukaaye hin nyaatinaa'a.
4
Isin adha ji'a Abiibii keessa guyyaa kana waan baataniirtaniif.
5
Rabbi gara biyya isinii kennu'uuf waadaa galee gara lafa aannanii fi damma baaftuu gara biyya Kana'aanotaa, gara Keexotaa, gara Amoorotaa, gara Ewotaatii fi gara Iyyaabusootaatitti hennaa galtan ji'a kana keessa waaqeffannaa lafa tana irratti waaqeffadhaa'a.
6
Guyyaa torbaa xoroshoo raacitii hin qabne nyaattan; guyyaan torbeesso'oo ayyaana Rabbiiti.
7
Haga guyyaa torbaa xoroshoo nyaattan; si biratti wonti bukaaye akka hin argamne; si biratti raacitiin hin argamin.
8
Guyyaan kun guyyaa Rabbi biyya Misiriitii nu baase jettee ijoollee teetitti himta.
9
Rabbi biyya Misirii keessaa irree jaba'aan waan isin baaseef seerri Rabbii afaan keessan keessaa hin dhabamin, harka kee irrattillee akka malkata hidhamee, ija tee afo'otti akka yaadanno'oo sii haa ta'uu.
10
Kanaafuu ayyaana kana Wogga wogga'aan hennaa murtaayetti kabajjuun seera keessan isinii haa ta'uu.
11
«Akkuma Rabbi si'ii fi abboota teetii waadaa gale gara biyya Kana'aanotaa yoo galte hennaa inni lafa san sii kenne,
12
ilma hangafa dhalate maraa Rabbiif adda fooyi; horii kee maraa keessaa kormaan dura dhalate maruu ka Rabbii waan ta'eef.
13
Ka harreen dura dhaltellee korbeessaan oolchita; yoo oolchuu baatte ammo morma isaa mitigii cabsi; hangafa namaa maraa ijoollee kee keessaa hin furta.
14
Achiin maayessa ilmi kee, ‹Wonti kun maali'i?› jedhee yoo si gaafate, akkana jettaan.
15
«Rabbi irree ufii jaba'aan garbummaa biyya Misirii jalaa nu baase; inni nu dhiisuu didda'aaf garaa ufii jabeeffannaan Rabbi hangafa sa'aa namaa ka biyya Misirii maraa fixe; kanaaf namaa fi horii hangafa dhalate maraa Rabbii kenna; ijoollee hangafaa maraa Rabbiif kenna.
16
Rabbi waan irree ufii jaba'aan biyya Misirii keessaa nu baaseef harka kee irratti malkata, ija tee afo'otti akka yaadanno'oo sii haa ta'uu»
17
Hennaa Fari'oon banii gad dhiise, hagamillee yoo lafti dhiyoo taate, karaa biyya Filisxeemootaatiin akka deeman hin goone; akka baniin hennaa duula Filisxeemootaa arge gaabbee gara biyya Misirii hin deebineef.
18
Garuu Rabbi banii ufii karaa gammoojjii galaana diima'aatiin isaan deemsise baniin Israa'elii biyya Misirii keessaa hiriiraan yaa'an.
19
Yooseef, «Rabbi isin tooyachuu hin hafu; kanaafuu lafee tiyya biyya tanaa fuutanii deemtaniin» jedhee waan kaku'uun waadaa isaan galcheef Muuseen lafee isaa fuudhee baye.
20
Suukootii ka'anii karaa gammoojji'iitiin Eetaamitti quphatan.
21
Akka halkanii fi guyyaa deeman karaa isaanitti mudhisu'uuf guyyaa utubaa duumessaatiin, halkan utubaa ibiddaatiin Rabbi afoo isaanii deeme;
22
Guyyaa utubaa duumessaatiin, halkan utubaa ibiddaatiin banii afo'oo hin gorre.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40