bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 18
Exodus 18
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 19 →
1
Gadichi worra Miidiyaamii soddaan Muuse'ee Yootoor waan Rabbi Muuse'ee fi banii Israa'eliitii godhe maraa akka Rabbi banii Israa'elii biyya Misiriitii isaan baase dhagaye.
2
Hennaa san soddaan Muuse'ee Yootoor, haadha manaa Muuse'ee Siiphaaraa ta inni hennaa gara biyya Misirii dhaqe isa biratti dhiise ijoollee isi'ii woliin fideef.
3
Muuseen, «Ani waan biyya namaatitti galtuu ta'ee jiraata'aa tureef jedhee maqaa ilma hangafaa Geersaam jedhee itti baase.
4
Maqaa mucaa lammeesso'oollee El'eezer ture; Rabbi Waandhi abbaa kiyyaa na gargaaree guraadee Fari'oonii jalaa waan na oolcheef jedhe.
5
Soddaan Muuse'ee Yootoor haadha manaa ufiitii fi ijoollee ufii qabatee gara gaara Rabbii bira lafa gammoojjii Muuseen fa'a itti quphataniiranii dhaqe.
6
Muuseen soddaa ufiititti gad bayee reebbatee dhungatee nagaya wol gaafatanii gara daase'ee seenan;
7
Ani soddaan kee haadha manaa teetii fi ijoollee tee lamaan woliin gara kee dhufneerra jedheen.
8
Muuseen waan Rabbi Fari'oonii fi banii biyya Misirii maraa irratti waan Israa'eliitiif jedhee godhe, waan kara'atti isaan irra gaye maraa, Rabbi attamitti akka isaan hambise soddaa ufiititti hime.
9
Yootoorillee mishummaa Rabbi banii Israa'eliitii godheef biyya Misirii jalaa waan isaan baaseef gammadee,
10
«Waan harka Fari'ooniitii fi banii biyya Misirii jalaa isaan oolcheef Rabbiin galanni haa gawu,
11
Rabbi worra uf jajan irratti waan akkanaa godhe waaqolee maraa akka caalu amma beeke» jedhe.
12
Kanaan maayessa soddaan Muuse'ee Yootoor ciincaa ciincawuu fi ciincaa waan biraallee Rabbiif dhiyeesse; jaarsonni Israa'eliitii fi Aaroon soddaa Muuse'ee woliin dhiyana nyaachu'uuf Rabbiin afoo taa'an.
13
Haga bariite Muuseen bani'ii murtii kennu'uuf taa'e; baniin Muusee afoo ganamaa haga galgalaa dhaabatan.
14
Soddaan Muuse'ee waan Muuseen banii irratti godhe maraa argee, «Wonti ati bani'ii gootu kun maali'i? baniin maruu ganama irraa haga galgalaa si marsanii dhaabataniiran; ati maaf hojja kee teetta?» Jedheen.
15
Muuseenillee soddaa ufiitiin «Baniin fedha Rabbii beeku'uuf gara kiyya dhufa'aaran.
16
Namni rakkinna qabu gara kiyya dhufa; namni lamaa wol dhabee yoo gara kiyya dhufe ka dhugaa qabuuf dhugaa kenna; ka balleessaa qabu ammo itti mura; seera Rabbiillee isaanitti hima» jedheen.
17
Kanaan maayessa soddaan Muuse'ee deebisee, «Wonti ati gootu kun misha'aa miti.
18
Kun sitti ulfaata atii fi baniin si woliin jirullee hin dadhabdan; ati hojja kee hojjachuu hin dandeettu.
19
Amma ani si gorsaa gorsa kiyya dhagayi; Rabbillee si woliin ta'aa; ati banii bakka bu'ii Rabbiin afoo taa'i; waan isaanii Rabbitti dhiyeessi;
20
seeraa fi ajaja, karaa isaan deemanii fi waan godhan maraa isaanitti mudhisi barsiisille'e.
21
Ati banii maraa keessaa beettota, worra Rabbiin sodaatan, worra amanamanii fi worra waan dharaa jibban fili; bulchaa kumaa, bulchaa dhibbaa, bulchaa shantamaatii fi bulchaa kudhanii isaan irratti muudi;
22
isaan hennaa maraa bani'ii haa murteessanii; waan ijoo ta'e maraa gara kee haa fidanii; waan didiqqoo garuu isaanuu haa murteessanii; isaan si woliin ba'aa kana haa baadhatanii; siillee hin salphataa.
23
Yoo waan kana goote, akkuma Rabbi si ajajetti jiraachuu dandeetta; akkasuma baniin kun maruu nagayaan gara mana ufii deebi'a» jedheen.
24
Muuseenillee gorsa soddaa ufii fudhatee waan inni jedheen maraa godhe.
25
Muuseen banii Israa'elii maraa keessaa beettota filee banii irratti tokko bulchaa kumaa, bulchaa dhibbaa, bulchaa shantamaatii fi bulchaa kudhanii godhee muude.
26
Isaan hennaa maraa banii irratti murteessa'aa waan isaanitti ulfaate gara Muuse'ee fidan; waan didiqqaa maraa ammo ufii muran.
27
Muuseen soddaa ufii geegessee nagayaan gara biyya ufii deebi'e.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40