bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 30
Exodus 30
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 31 →
1
«Hulee ciinca'aa ka hixaana itti aarsan muka ajo'oo irraa hojjadhu;
2
dheerinni isaa ciqilee tokko, badhinni ciqilee tokkoo fi ka roga afurii qabu haa ta'uu; ol fageenni ciqilee lama haa ta'uu; gaaffanillee wolitti qabsiisii itti hojjadhu;
3
naannaya girgidda'aa ka gubba'aa gaafa isaa worqii misha'aan uwwifta; naannaya isaallee worqi'iin goodda.
4
Gooda'aa gaditti qaalawa qubee worqi'ii lama itti hojjadhu; gama lachiifuu akkasuma goota; hulee loosaa ittiin baatanillee itti godhi.
5
Moloogoota muka ajo'oo irraa hojjadhuu worqi'iin uwwis.
6
Afoo saanduuqa waada'aa ka raga'aa golga afo'oon goota; kanallee hennaa ani sitti dhufu afoo qadaada cubbuun ittiin dhiifamu irra keetta.
7
Aaroon hixaana urgaa misha'aa irratti haa aarsuu; ganama ganama hennaa ibsaan ife hixaanni itti haa aaruu.
8
Kun hennaa maraa Rabbiin afo'otti hixaana hennaa maraa ilma ilma keessaniitii ta'u akka ta'u Aaroon galgala hennaa ibsaa ibsu aarsa.
9
Hixaana biraa kennaa midhaanii ka ciincawu irratti hin dhiyeessin; kennaa dhuddo'oollee irratti hin buusin.
10
Aaroon woggaa keessa harka tokko gaaffan irratti waan araaraa godha; woggaa keessa harka tokko waan araara ijoollee teessaniitiif ta'u ciincaa dhiigaa ka cubbu'uu irratti godha; kun ka Rabbiif woyyoome.
11
Rabbi Muuse'een akkana jedhe;
12
«Ati hennaa ijoollee Israa'elii laakkoftu akka balaan isaan irra hin geenne namni maruu akkuma laakkobsa isaaniitiin waan lubbuu ufii ittiin furu Rabbii haa kennuu.
13
Worri laakkayame maruu akkuma kennaa mana woyyumma'aatiin saqilii madaallii wodhakkaa kenna; saqilii wodhakkaa Rabbiif keessaa fuudha; kun haga dhagaa diddamaa ta'a;
14
ka itti eda'amee laakkayame maruu woggaa diddamaa irraa jalqabee worri achii oliillee Rabbii kennaa kenna;
15
araara lubbuu keessaniitiif Rabbii kennaa yoo kennitan dureessi wodhakkaa hin hanqisin; hiyyeessillee hin dhidhisin.
16
Saqilii araara cubbu'uu ijoollee Israa'elii irraa fuutee tajaajila daasee wol gayi'iitiif goota; afoo Rabbiititti akka furama lubbuu keessanii isinii ta'u yaadannoo ijoollee Israa'elii haa ta'uu.
17
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
18
«Saanii irratti dhiqatanii fi waan isa irra kaayan sibiila diimaa irraa hojjadhu; isa hulee wol geettii daase'eetii fi hulee ciinca'aa wodhakkaa keettee bisaan itti buufta.
19
Aaroonii fi ijoolleen isaa harkaa fi miila ufii irratti dhiqatan.
20
Hennaa gara daasee wol gayi'ii seenan hennaa Rabbiif ciincaa ibiddaan guban dhiyeessanii fi hennaa ciincaa dhiyeessan akka hin duune haa dhiqatanii.
21
Kanaafuu akka hin duune harkaa fi miila ufii haa dhiqatanii; kun isaa fi sanyii isaa maraafuu seera baraa haga bara baraa haa ta'uu»
22
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
23
«Urgoo ulfinnaa fuudhii karbee filatamaa saqilii dhibba shanii, qumbii saqilii dhibba lamaa fi shantama, qarafaa mi'aawaa saqilii dhibba lamaa fi shantama, akkasuma urgoo hixichoo irraallee saqilii dhibba lamaa fi shantama;
24
wokkaashee saqilii dhibba shanii, dhadhaa ejersaa liitirii afurii fuudhii;
25
Dhadhaa dibataa akka urgooftuu adda addaatiin ogeessi hojjateetitti hojjatta; inni dhadhaa dibataa woyyuu ta'a.
26
Dhadhaa dibataa san daasee wol gayi'ii keessatti saanduuqa waada'aa ka raga'aa,
27
gabata'aa fi mi'a maraa, baattuu ibsa'aatii fi meeshaa isaa, girgiraa, ciincaa hixaana itti aarsan,
28
meeshaa ciincaan gubamu irratti godhamu maraa, saanii harka irratti dhiqatanii fi waan inni irra taa'ullee hin dibda.
29
Maraa woyyoomsitee Woyyuu woyyoota keessaa ta'an; namni meeshaa kanniin tuqu maruu hin woyyooma.
30
Akka gadumma'aan na tajaajilan Aaroonii fi ijoollee isaa muudii woyyoomsi.
31
Atillee ijoollee Israa'eliitiin ‹Kun ijoollee ijoollee teessaniitiif dibata woyyuu naa haa ta'uu;
32
dibata kana nafa namaa irratti hin buusin; dhadhaa dibataa ka biraa ka akkasii hin hojjatinaa'a; inni woyyuu waan ta'eef isinillee woyyoota ta'aa'a.
33
Namni akkas godhuu fi ka nafa nama biraa irrattillee buusu banii keessaa fooyamee haa baduu› »
34
Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Urgooftuu mishaa, ham'ee coccophu, elellaan urgaawu, ham'ee muka urgaawuu, hixaana mishaa fuudhii maraa wol qixa godhi.
35
Akkuma urgooftuu ogeessi hojjateetitti atillee hixaana akka qulqullaayee woyyoomu sooqiddaan sukkuumi.
36
Isa irraa diqqoo fuudhii tumii bulleessi; achii fuutee daasee anii fi ati keessatti wol geennu ka raga'aa afoo keetta; inni Woyyuu Woyyoota keessaa isinii haa ta'uu.
37
Isin hixaana akkasii san ufiif hin godhatinaa'a; isin birattillee ka Rabbiif woyyoome haa ta'uu.
38
Namni waan akkasii san ulate banii keessaa fooyamee haa baduu»
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 31 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40