bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 25
Exodus 25
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 26 →
1
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2
«Ijoolleen Israa'elii akka kennaa naa dhiyeessan isaanitti himi; kennaa waanuma inni onnee ufii keessatti kennuu fedhe irraa fuudhaa'a.
3
Kennaan isin isaan irraa fuutan kanniin; Worqii'i, birrii'i, sibiila diimaa'a,
4
uffata jirbii bifa bule'ee, diimaa, uffata jirbii irraa hojjatame, uffata rifeensa re'e'ee irraa hojjatame,
5
gogaa korbeessa hoola'aa ka sukkuumamee halluu diima'atti cuuphame, muka ajo'oo,
6
sayitii ibsa'aaf ta'u, dhadhaa ejersaa, hixaana, urgooftuu gara garaa ka urgaawu,
7
maraagidii, faaya kiisii qomaa irratti godhatan irraa fuuta;
8
akka ani isaan wodhakkaa jiraadhu mana woyyuu naa haa ijaaranii;
9
akka ani sitti mudhiseetitti akka fakkeenna mana bulti'ii, akka fakkeenna meeshaan ani sitti mudhisee maratti akkasuma hojjadhaa'a.
10
«Muka ajo'oo irraa saanduuqa waada'aa haa hojjatanii; dheerinni isaa ciqilee lamaa fi wodhakkaa, dalgi ciqilee tokkoo fi wodhakkaa, ol dheerinni ciqilee tokkoo fi wodhakkaa haa ta'uu.
11
keessaa fi gubbaa isaa worqii misha'aan uwwis; naannaya isaa worqi'iin goodi.
12
Qubee worqi'ii afur godhiif; isaanillee luka isaa arfan irratti godhiif; luka lamaan gama tokkootitti worqii lama, gara kaaniinillee worqii lama haa ta'uu.
13
Muka saanduuqa waada'aa baadhataniinillee muka ajo'oo irraa haa hojjatanii; worqi'iin haa uwwisanii;
14
loosaa saanduuqa waada'aa gara arfaniinuu keessa galchi.
15
Loosaa qubee saanduuqaa keessaa sirima akka hin baafne.
16
Saanduuqa keessa ragaa ani sii kennu keessa kaayi.
17
«Worqii mishaa irraa dheerinna ciqilee lamaa fi wodhakkaa, dalgi isaa ciqilee tokkoo fi wodhakkaa, qadaada araaraa hojjadhu.
18
Kiruubeelii lamaa worqii tumame irraa huji; qadaada araaraa irratti gamaa gamana lamaaniinuu goota;
19
kiruubii tokkocha qadaada araaraa woliin gama tokkoon kiruubii lammeesso'oo gama lammeesso'ootiin gootee wolitti hojjatta.
20
Kiruuboonnillee koola ufii ol badhifatanii qadaada araaraa kolba ufiitiin dhossan; fuulaan wol laalan; fuulli kiruubotaa gara qadaada araaraa laala.
21
Qadaada araaraa irra goota; ragaa ani sii kennu saanduuqa waada'aa keessa keetta;
22
achitti ani si woliin ta'a; akka ati ijoollee Israa'elii ajajjuuf waan ani sitti himu maraa wodhakkaa kiruubeelii lamaan wodhakkaa qadaada araaraa irra dhaabadhee si qaassa.
23
«Gabataa dheerinni isaa ciqilee lama; dalgi isaa ciqilee tokko, hojjaan isaa ciqilee tokkoo fi wodhakkaa ta'e muka ajo'oo irraa hojjadhu.
24
Worqii mishaan itti uwwifta; naannaya isaa worqi'iin goodi;
25
naannaya isaa worqi'iin goodi.
26
Qubee worqi'ii afur godhiif; qubee sanniin luka isaa arfan irrattuu godhi.
27
Gabataallee akka baadhataaf namaa tolu loosaa qubee akka itti godhan naannaya gooda'aa irra haa ta'uu.
28
Loosaa gabata'aan baadhatan ka muka ajo'oo irraa hojjatte worqi'iin uwwis.
29
Akka ittiin woraabu'uuf tolu qori'ii fi mooqqaa ittiin woraabanii fi xuwwee mijuu itti dhugan tolchi; isaanillee worqii mishaa irraa hojjadhu.
30
Buddeena woyyoome hennaa maraa na afoo gabatee irra kaayi.
31
«Baattuu ibsa'aa worqii mishaa irraa hojjadhu; baattuun ibsa'aa luttinii fi soomayyuun isaa worqii tumame irraa haa hojjatamuu; qolli isaatii fi daraaraan isaa worqii irraa haa hojjatamuu.
32
Ladda isaa damee jahaa itti baasi; damee baattuu ibsa'aa gama tokkoon sadihi, gama biraatiinillee sadihi itti baasi.
33
Damee jalqabaatitti waan sadihii ka ija baqaffate qabu haa ta'uu; xuwwee gama lammeesso'oo irratti qaccee abaaboo hin baqaffatin qabu akkasuma baattuu ibsa'aa keessaa qaccee ol bawu jaha itti godhi.
34
Soomayyuun baattuu ibsa'aa waan akka lawuzi'ii fakkaatu afur xuwwe'ee fi abaaboo irratti godhi.
35
Dameewwan mute jahan baattuu ibsa'aa keessaa ol bayan qaccee lamaanii gaditti tokko ta'ee hojjatame damee lamaanii gad tokko ta'ee ka hojjatame haa ta'uu.
36
Dameen mute maruu tokko haa ta'anii; martinuu tokko irraa yoo hojjatame worqii mishaa itti godhi.
37
Ibsaa torbaa hojjadhu afoo isaatitti akka ifan qabsiis.
38
Meeshaan baattuu ibsa'aa maruu worqii mishaa tokko irraa haa hojjatamuu.
39
Baattuun ibsa'aatii fi meeshaan isaa martinuu worqii mishaa saqilii soddomii shan irraa haa hojjatamuu.
40
Akka fakkeenna ani gaara irratti sitti mudhisee sanitti uf eeggadhuu hojjadhu.
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 26 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40