bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Exodus 22
Exodus 22
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 23 →
1
«Namni sangaa yookaan hoolaa hatee qalate, yookaan yoo gurgurate, bikka sangaa tokkochaa sangoota shanii, bikka hoolaa tokkoo hoolota afur haa kaffaluu.
2
Hattuun uduu mana qotu yoo qabame haga du'utti yoo dhayamee du'e namichi dhaye sun guma'aan hin gaafatamu.
3
«Haga bariite yoo ajjeese guma'aaf gaafatama; hattichi ammo waan hate san haa deebisuu; yoo waan deebisu dhabe, waan hateef garbumma'atti haa gurguramuu.
4
Wonti inni hate sangaa ta'ee'e, harree yookaan yoo hoolaa ta'e waan hate san dachaa lama godhee haa kaffaluu.
5
«Namni kamuu gara maasa'aa yookaan gara lafa woyini'ii horii ufii yoo itti gad dhiisee maasaa nama biraa dheechise, wonti maasaa sanii bikkamee haa kaffalamuufii.
6
Namni tokko ibidda midhaanitti qabsiisee ibiddi sun yoo midhaan gube namichi ibidda san qabsiise tilmaama haa kaffaluu.
7
«Namni tokko qarshii yookaan waan biraa yaboo goshoo ufii bira yoo kaayatee mana isaatii hatamee hattichi hate sun yoo argame, waan hate san dachaa lama haa kaffaluu.
8
Yoo hattichi argamuu baate, namichi meeshaan sun itti kenname sun seeratti haa dhiyaatu; qabeenna goshoo ufii san tuqu'uu fi tuquu dhabuu isaa haa kakatuu.
9
«Namoonni waan sanga'aa, waan harre'ee, yookaan waan hoola'aa, waan uffataa yookaan waan jalaa bade maraaf wol himatanii kiyya jedha'aa yoo wol falman falmiin isaanii sun gara seeraa haa dhiyaatuu; waan worri seeraa itti mure goshoo ufiitii dachaa lama haa kaffaluu.
10
«Namni yoo yaboo goshoo ufiitii harree'e, sangaa'a, hoola'aa fi horii biraa isa bira kaayatee namichi inni itti kennate sun uduu hin argine yoo du'e yookaan yoo miidhame, yookaan yoo saamame,
11
waan goshoo ufii san akka hin tundhe ragaa yoo qabaate isaanumti lamaan kakuu Rabbii wolii haa kakatanii; abbaan hori'iillee kakuu san haa amanuu; kuunillee womaa hin kaffalin.
12
Yoo horiin sun isa biraa hatame ammo bikka horii isa biraa hatamee san horii biraa haa deebisuufii;
13
horii san yoo ka bineensi nyaate ta'e, waan bineensa irraa hafe raga'aaf haa dhiyeessuu; waan bineensi nyaateef horii san hin kaffalin.
14
«Goshoo ufii irraa horii ergifatee bakka inni hin jirretti yoo miidhame yookaan yoo du'e sirima haa kaffaluu;
15
abbaan ammo yoo isa woliin jiraate hin kaffalin; yoo kiraa fudhatee jiraate, gatiin kira'aaf kaffalu sunuu horii san bakka bu'a.
16
«Namni tokko durba duudaa takka sobee yoo durbummaa isi'ii irraa fudhate waan qaadhimaa kennee isii haa fuudhuu;
17
yoo abbaan mucatti'ii dhooggate, waan seera durbummaa isi'ii isaa haa kaffaluu.
18
«Dubartiin mita namatti gootu haa ajjeefamtuu;
19
«Namni hori'itti oolee battaaye haa ajjeefamuu.
20
«Rabbii malee ka waaqa biraa kamiifillee ciincaa dhiyeessu sirima haa ajjeefamuu.
21
«Isin waan biyya Misiriititti galtuu taatanii jiraata'aa turtaniif nama isinitti gale gad qabdanii hin rakkisinaa'a;
22
Worra haadha hiyyeessaatii fi ijoollee abba'aa fi haadha hin qabne hin rakkisinaa'a.
23
Yoo isin isaan rakkiftanii isaan gara kiyya iyyan, ani Rabbi iyya isaanii hin dhagaya.
24
Lolli kiyyallee isinitti jabaata; guraade'een isin ajjeesisa; haati manaa teessanillee haadha hiyyeeyyi'ii taati; ijoolleen teessanillee hin hiyyoomti.
25
Hiyyeessa kiyya ka si bira taa'u yoo qarshii itti liqeessite, dhalaan hin liqeessin; dhalallee isaanitti hin ta'in.
26
Uffata goshoo keetii akka qabdi'iititti yoo jalaa qabatte,
27
uduu aduun hin dhiine deebisiif; wonti inni qorra uf irraa dhoogguunii fi wonti inni irra rafu isuma waan ta'eef uffata saniif yoo natti iyyate ani araaramaa waan ta'eef isaa dhagaya.
28
«Rabbiin hin arrabsin; bulchoota banii keetiillee hin abaarin.
29
«Qixiraa kee, daadhii woyini'ii kee, dhadhaa ejersaa kee ka duraa naa dhiyeessi; «Ijoollee tee ta dhiiraa keessaa hangafa naa kennita.
30
Loonii fi hoolota kee keessaallee akkasuma naa goota; haga guyyaa torbaa callaa haadha woliin haa taa'uu; guyyaa saddeetesso'ootitti naa kennita.
31
«Isin banii woyyuu naa taatan; kanaafuu horii lafa gammoojji'ii keessatti bineensi butee ajjeese sare'ee kennaa malee hin nyaatinaa'a.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40